Daandiin keenya qoreen guutee
Duugdi keenya ulee quuftee
Abdiin osoo hin dhalatin
Ifa hin argin
Nurkaa duute.
Haata’uyyuu malee ni deemnaa hin dhaabbannu
Miilli nu bututes nuti abdii hin kutannu
Biyya hawwa keenyaa
Hin hankaaknu hin geenya
Karaa dheeraa sana
Bu’aa ba’ii sana
Dheebotaa beela’aa
Kukkufnee kaka’aa
Imimmaan lolaasaa
Dhiiga dhangalaasaa
Dukkana kaleessaa qabsoodhaan ibsinee
Ifa boruu arguuf har’arra dhaabbannee
Kunoo ilaalaa jirra biiftuu ba’uuf jirtu
Urjiin bilisummaa yommuu calaqqiftu.
Walaloo obbo BAQQALAA GARBAA mana hidhaarraa
1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa…
Maddi; BBC afaan Oromoo Finfinneetti jeequmsa ka'een miseensoota poolisii 19 irra miidhaan gaheHookkara magaalaa Finfinnee…
Shabboo Miidiyaa: Sabaa himaa bilisa fii walaba, oduu fii jatte jetteen yeroo tee hin balleessu.…
Biyya biraatti manneen amantii…. - Dhaabbata gargaarsa adda addaa tolchanii hiyyeessa gargaaru, - Hospital adda…
Kashlabboonni amaara dhala Oromoo (Taakkalee Uumaa) DC keessatti akkasitti xiqqeessuu isaanii ijaan arguun onnee nama…
USA Welcome Corps Program Tibbana Ameerikaan sagantaa godaansaa / Immigration Program/ tokko ifoomsitee jirti. Sagantaan…