Categories: Oduu Oromiyaa

Walii Galtee Jaarmayoota Oromoo Afran jiddutti tahe …

Walii Galtee  Jaarmayoota  Oromoo  Afran jiddutti  tahe  Ilaalchisuun  Ibsa  JTBO-ABO-Yemen  Irraa  Kenname  Jaarmayaan  Tokkummaa  Baqattoota Oromoo  ABO-Yemen  Kan Jijjiiramaa  Akkuma jijjiiramni Mooraa qabsoo  Oromoo  Keessatti   Uumameen  Jaarmaya  Isaaf labsa baasuun Jaarmaya Dursee  Saffisa Mooraa qabsoo Oromoo Keessatti Uumame akeekaafii  Kaayoo  isaatti amanuun  Jaarmaya  Amin Jedhee  fudhateedha  Jaarmayaan ABO jijjiiramaa  rakkoollee Mooraa  qabsoo  Oromoo  Keessatti  Baroota dheeraaf  dhalataa ture  hunda   Ummatatti  gadi Buusuun  haaromsa  mooraa qabsoo  Oromoo akka milkaayuuf jaarmaya  kutannoon jaarmayoota  saba Oromoof qabsaawan hundaaf lallaba  Hiriyaa hin qabne  godhaa tureef godhaa jiruu tahuu isaanii   Ni dinqisiifanna  addatti Immoo  addaan Faca’uu  Mooraa  qabsoo bilisummaa Oromoo  Salphinna  tahuu  hubachuun  Jaarmaya  Akeekaaf tokkummatti  Amane tahuu Isaa  Gammachuun fudhanna.

Kan  Kana  Irraa hafe  Tokkummaan Jaarmaya  Afur jiddutti tahe  Tokkummaa Haqaaf  Dimokraasii Ribuu  akka lafee  duugdaa tahuun  fedhiifii  Kaayoo  Oromoo  galmaan gahuuf Jaarmayaa  Cichaan dalagaa jiru tahuu isaa Nu Onnachiisa.

JTBO-ABO-Yemen qaxxaamura   Akkaan danqaa tahe Keessa qaxxaa muruun  Biyya  Ilmi Namaa   halkan tokkoofillee rafee hin bulle keessatti  qabsoo Oromoo Cinaa dhaabbachuu Irraa  Duubatti  deebi’ee  hin beeku .  jaarmaya tokkummaa sabaatti Amanu tahuu isaatiin  Gidiraa  koola Galtoota  Oromoo Galoo galaanaa qaxxaa muruun Yemen Seenan  Gochaa  Suukaneessaa Isaan Mudate  Jaarmaya Dursee baalaleffatu dhiigni Saba keenyaa  Jiguun  Isa Gadisiisu tahuu ibsa  jaarmayoonni  TBO-ABO-Yemen  Tokkummaa Jaarmayoonni  Afur Godhan  Gammachuudhaan fudhachuun  Guurmuuwwan Jaarmayoota walii galanii Waliin hojjachuuf  Marii bal’aafii xiinxala  Guddaa gochuun   Caasaa afran waliin  marii bal’aa gochuun  muuxannoowwan baroota  dabran Irraa  ka’uun  qabsoo Saba keenyaa  Milkeessuuf  Isa duraa Caalaa tattaaffii walirraa  hin cinne  Nu feesisa Jechuun  Ibsa bal’aa Godhaniiru.

Walii galtee guurmuu afranii kanarratti namoonni baay’een argamaniiru.  Maanguddoon ,Hawwoonni dardaraafi Shammarran  heddumminnaan argamuun  kanneen qabsoo Oromoo Keessatti Umrii dheeraa qaban  Seenaa darbe  Kaasuun  Hawaasa  garaa raasaniiru.

Akka  Aannan Sa’a tokkoo nu haa godhuun xumuruun .

                         Ibsa Ejjannoo  qabxii 15  Ofkeessa qabu baafachuun  Murannoofi kutannoo Keenya  Ibsanna

1, Dirqama qabsoon Gaafattu bifa kamuu bahuuf  qophiidha!!

2, Dhaaba Keenya cinaa hiriiruun  Aggamata  Tokkummaa qabsaawotaa  Irratti godhamu  Ni balaaleffanna!!

3, Caasaa  Jaarmayoota afran walii Galanii waliin  hojjachuuf  qophii  xumurachuu Keenya Ibsanna!!

4,  Gochaa  Suukanneessaa  Saba Keenya Alaafi Keessatti Mudachaa jiru yoomuu  ni balaaleffanna!!

5, hawaasa  Keenya  Gurmeessuun Kaayoo dhaaba keenyaa  Galmaan gahuuf  Yomuu ful duratti tahuu kenna Ibsanna!!

6, tokkummaan fedhiifii hawwii  ummata  Oromoo tahuu Amanuun   Kan  cimsinnaan   irratti hojjannu tahuu ibsanna!!

7 ,aqabsoon hidhannoo ABOn Gaggeessu  Afaan qawweetiin alatti Milkaawuu akka hin dandeenye sabni hundi akka  hubatu barbaanna!

8  tokkummaan saba   Keenyaa Oromummaa qofaan  walitti hidhamee  akka jabaatu dhaamsa Keenya  kan Oromummaa Ibsanna!!

                                  Gadaan Gadaa  tokkummaaf Walabummaa Oromiyaati!!!!!!!!!!!!!

                                                     Tokkummaan human keenya!!!

                                                         KHR JTBO-ABO-Yemen

                                                          16-8-2015

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

8 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

8 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

8 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

8 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

10 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

10 months ago