Ummanni Oromoo waanjoo gabrummaa jalatti erga kufeen as Oromoonni miliyoonaan lakkaawaman harka gabroomfataatti wareegamanii jiru.Gariin ammoo biyyaa arihamanii gariinis hidhaa diinaa jalatti mootota gabroomfataa dhufaa darbaan hidhamaa hiraarri jabaan irraan gahamaa har’aan gahanii jiru.
Oromoonni hidhaa diinaa jalatti hiraaramaa turan lakkoofsi isaanii hedduu dha. Hamma kana jedhamee kaayamuu yoo baate illee kumaatami hedduun biyyatti keessatti hidhamanii gariin bakka buuteen isaanii dhabamee gariin ammoo ajjeefamanii akka jiran seenaan ni hima.
Bara 1991 Wayyaaneen TPLF erga aangootti ol bahee kaasee falmaa mirga sabaa osoo taasisanii fi kanneen qabeenya samamanii yakki irratti hojjetamuun Oromoonni hidhaman 40,000 ni taru. Kanneen keessaa maanguddooti,Shamarranii fi daa’imman umuriin isaanii hidhaaf hin geenye murtii seeraa tokkoon alatti hidhaa keessa taa’u,gariin ajjeefamanii jiru. Qonnaan bultooti, daldaltooti,barsiisoti,barattootii fi hojjettooti Oromoo hedduun maqaa Oromummaan yakkamanii manneen hidhaa keessatti mankaraaranii jiru,irra guddaan har’as itti jiru.
Oromoonni Wayyaaneen TPLF’n Oromummaan yakkamanii hidhaatti guuraman akka qaama hawaasa kamii iyyuu maati irraa dhalatanii fi fuudhaniis haa ta’u heerumanii kanneen ijoollee horatan waan ta’aniif yeroo hidhaa galan kanatti maatiin isaanii rakkachuu fi ilmaan isaanii hiyyummaa keessa galuun gargaarsa tokkoon malee hegereen isaanii dukkanaawaa ture ammas ittuma fufaa jira. kanneen hidhamanis ammoo diinagdee ittiin of hirphan waan hin qabneef jecha hidhaa irraa of baasuuf maallaqa ittiin abokaattoo bitatan ni dhabu. Kanneen hafan gariin ammoo biyya hin beeknetti godaananii mooraalee baqataa biyyoota ollaa keessatti gargaarsa tokkoon malee dararamaa jiru.
Haalleen kanneen ilaaluun muldhati maatii hidhamtootaa fi baqattoota,akkasumas sababaa maatiin irraa hidhameef kanneen biyyoota oromaatti baqachuun godaansa irra jiran,hirphuu fi hadhaadhiyyuuf jecha akeeki” Waliin Waliif”jedhu kun quuqqamtoota ilmaan Oromoo biyya alaa jirus ta’e qabaataan Oromoo biyya kamiinuu jiru harka wal qabachuun wal bira dhaabbachuudhaan maatii miidhamtoota ilmaan Oromoo akka baraaruuf jecha akeeki kun hundeeffame.
Haalli yeroo ammaa biyya keenya Oromiyaa keessatti deemaa jirummoo daranuu hammaachuu isaa namni argaa,dhagayaa jiru hundeeffamuufi fiixa bahiinsa kaayyoo Pirojektii WALIIN WALIIF lafee dugunguruu dugaa tahee akka nu jajjabeessuufi dirqama lammummaa isaa bahus abdii keenya.
Kaayyoo
Galii
a) Hidhamtooti Oromoo biyya keessatti karaa seeraa mirga falmachuuf abokaatoo bitachuun isaanitti ulfaate hidhaa keessatti waan baroota lakkaawataniif kanneen gargaaruun dandahamu carraa argameen duuka bu’anii hordofuu
b) Daa’immaan Oromoo maatiin irraa hidhameef carraa barnootaa saaquu, mana barnoota galchuu fi mala jireenyaa faluu.
c) Maatii hidhamtootaa kanneen biyya keessatti rakkoo fi miidhaan diinaa irra gahe hordofuun gargaarsa barbaachisu taasisuu.
d) Oromoota hidhaa irraa miidhamanii bahanii biyya ollaatti baqatanii fi maatiin hidhamtootaa kanneen biyyoota ollaa itti baqatanii mooraa baqataa keessatti dararaman gargaaruu.
e) Kanneen hidhaa keessatti dhukubsatanii fi warreen rukuttaa diinaan miidhaman wal-dhaanuufi waldhaansisuu.
f) Mana hidhaa keessaa Shamarraanfi haawwan Oromoo rakkina xiinsammuufi miidhaa addaatiif saaxilaman gargaarsa addaa barbaadanii bira dhaabbachuu fi gargaaru. Akkasumas Ilmaan Oromoo manneen hidhaa Habashootaa keessatti Sababaa reebicha, torture fi miidhaa gara jabina diinaa irraan kanneen qaamaa hirdhatanii fi miidhaman gargaaruu fi haamileen tiksuu.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…