19.12.2013
WASHINGTON, DC — Godiina Harargee Bahaa aanaa midhagaa tolaa keessa kan jiran gandeen 6 keessaa hidhattonni bulchiinsa naannoo Somaalee kanneen Liyyuu Poliis jedhaman nama afuur ajjesanii kanneen biroo lama madeessuu isaanii jiraatonni naannoo ibsanii jiru.
Uummanni bulchiinsa naannoo somaalee oromiyaa keessaa kilo meetra 30 seenuun qubachuu isaa fi qonnaa fi qabeenya Oromootaatti ibidda qabsisuun akka baqatan godhu jedhu jiraatonni aanaa midhagaa tolaa.
Sababaa tarkaanfii kanaan kan ka’e uummanni Oromoo abba warraa dhibba shan ta’an manaa fi qe’ee ofii gadhisanii godaanuu isaanii kan ibsan jiraatonni manneenii fi oomishatti ibidda qabsiisan jedhu.
Waajiira bulchiinsaa fi nageenyaa aanaa midhagaa tolaa keessatti abbaan deemsa hojii walitti dhufeenya uummataa jajjabeessu kan ta’an Obbo Abduul Jabbaar Hamiid waa’ee rakkoo kanaa gaafatamanii namoota lamatu wal dhabe malee waan gara bulchiinsa naannoo ga’e miti jedhan.
Jarreeen wal dhaban lameen garuu gandeen bulchiinsa naannoo lameen irraa ta’uu hubachisanii Liyyuu poliis harka keessaa hin qabu jechuun falman.Sababaa rakkoo kanaaf namni mada’an lama wal’ansa argataniiru garuu kanneen du’an ilaalchisee gara fuula duraatti qorannee ibsina jedhan.
Rakkoon nama lama giddutti uumame battaluuma waan tasgabii horateef uummanni qe’ee ofii irraa godaanan kan jedhu soba jedhu Obbo Abdul jabbaar Haamid.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…