Categories: Oduu Oromiyaa

Warri kalee ABOn dhugaa nuhi, siimiti nu’i jedhee ummata jeeqaa bahe ammas waliirratti duula banan

Maqaa ABOn Afanfaajjii Uumuun Qabsoo Bilisummaa irratti Yakka Raawwatuu dha!

(Ibsa ABO)

(SBO/VOL – Mudde 08,2016) ABOn baroota dheeraaf QBO humneessuun galii isaatiin gahuu irratti ifatti hojjatuun kanneen sababa adda addaan dhaaba irraa adda bahan walta’iinsa uumuun dhaabatti akka deebi’an taasisaa akka ture ifaa dha. Waltahiinsota QBO jabeessan adda addaa godhaman keessaa Waltahiinsa Shanee ABO fi QC-ABO Waxabajjii bara 2014 Berlinitti tahe isa tokko. Waltahiinsa ifatti hawaasa duratti godhame kanaanis miseensotni gam-lameenii walitti deebi’uun caasaan dhaabaa hundi sadarkaa ol aanaa irraa hanga gadiitti wal fudhachiifamee waliin dirqama fudhatuu fi hojjatuutti bobbahame. Kunis mooraa qabsoo bilisummaa jabeessuuf kan gumaachu tahuun hawaasa keenyaan itti amanamee deggersa bal’aa irraa argatuun hin dagatamu.

Haa tahu malee murni gabaabaan walii galtee godhame diiguudhaan dirqama dhaabaa fudhachuu diduun sirna dhaabaa cabsuutti tarkaanfate. Haala kana daddaffiin furmaata itti godhuuf dhimma kana KHRn ilaalee murtii GSf dhiheesse. Qaamni dhaabaa ol aanaa kunis Koreen Seeraa fi Toannoo (KST) qaama lameen irraa ijaarame dhimma kana qoratee GS-ABOf akka gabaasu ajajuu irraa Koreen Seeraa fi To’annoos qorannoo gaggeessee qaamni qurrama qabu kun teessuma GS irratti yaada isaa dhiheeffatee furmaatni akka itti barbaadamu akeeke. GSn yaada akeekame kana irratti hundaa’uun gartuun sirna cabsuun dirqama fudhatuu dide Koreen itti ijaaramee teessuma GS irratti hirmaatuun rakkoo qaban akka ibsatan afeerame.

Tattaaffii seera dhaabaa irratti hundaa’uun taasifame kana gartuun seera dhaabaan ala of taasise kun seeraa fi sirna dhaabaan ol of godhuudhaan waamicha godhameef diduun furmaata karaa nagaa, sirnaa fi ilaa fi ilaameen dhibdee jira jedhamu akka furamuuf fedhii dhaabni agarsiise gufachiise. Akka kanaanis yeroo ummatni Oromoo guddaa-xiqqaan golee Oromiyaa hunda keessatti tokkummaan diina kokkee qabaa jiru kanatti, murni seeraa fi sirna dhaabaaf abboomamuu dide kun, maqaa ABOn ibsa ammas marraa lammaaffaaf mooraa qabsoo bilisummaa keessatti afanfaajjii uumu Muddee 6, 2016 baasee jira

ABO ibsi seeraa fi sirnaan alatti maqaa ABOn baafame kun kan fudhatama hin qabnee fi seeraa ala tahuu hubachiisuu barbaada. Kanneen qabsoon bilisummaa ummataa finiinuu irraa hirriibaa dammaqan akkanaanis miseensotnii fi deggertootni, waliigala ummatni Oromoo tarkaanfii gaafatama-dhablee akkanaaf gurra laachuu dhiisuun qabsoo diina irratti itti jirru finiinsuu irratti akka fuulleffatamu ABOn yaadachiisa. Kana waliin kanneen ABOn teessoo fi bakka bu’aa beekamaa akka qabu osoo beekanii ibsa dabre kana osoo adda hin baafatin miidiyaan labsuun yakka tahuu ABOn hubachiisa.

Fedhii aangoof jecha shirri qabsoo bilisummaa Oromoo irratti hojjatamu kamuu akka hin milkoofne seenaa kanaan duraa irraa baratuun ummatni Oromoo akkuma kanaan duraa tokkummaan QBO jabeeffataa, qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa ABOn hogganamu akka finiinsu ABOn shakkii hin qabu.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Muddee 8, 2016

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

3 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

3 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

3 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

3 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

5 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

5 months ago