Categories: Oduu Oromiyaa

Warri shanee ammoo Jawar fi OMN dhabamsiifnu malee jedhanii marxifatanii jiran…

Xalayaa Miseensa Board OMN duraanii irraa ergamte. Maqaan isaa akka hin dhayamne hadaraa waan dhaameef waadaa guutuuf jecha maqaa isaa keessaa hambisee jira (Babsa Tula)

Xalayichi kunoo!

Dhimma OMN irratti waan OSA irratti dhihaate dhaggeeffadheen jira. Qeeqni OMN irratti dhihaatu yeroo hedduu warra keessa hin beekne irraayi. Amma garuu miseensota gameeyyii Boordii keessa turan lama irraa dhalaaye. Kanaafuu kan amma duraa irra ulfina qaba.Anis miseensa boordiitin tura. Gaafa OMN dura dhaabbatu 2014 filameetin tarmii tokko fixee bara 2016 keessaa bahee nama birootin bakke buufame. Kanaafuu akka nama keessa beekuu tokkotti dhimmoota walgahii OSA irratti dhihaatan muraasa laalchisee yaadan yaada kenneechuun barbaada.

Diversity

Dhaabni Oromoon qabdu Oromoota gola hundaa qabaachuun gaariidha. Boordii OMN keessa hanqinni dubartootaa ture ammas jiraachuun ifa. Garuu kana sirreessuun hojii boordii ture. Boordiin koreelee ( committee) garagraaa qaba. Koree kana keessaa tokko koree kaadhimatoota boordii dhiheessuudhha ( steering committee). Koore kana dura bu’ummaan kan hogganaa ture Professor Mahamad Hassan ture. Boordiin OMN waggaa lama lamaan akka filamuu qabu bylaw ni ajaja. Akkuma jaaramaya kamiituu boordii OMN kan duraa joollee bu’uressitetu ramade. Boordiin sun naannawaafi amantiis sirritti bakka buuse. Dubartoonni 3 turan. Boordii itti aanu koree Dr Muhammad hogganantu chaaaptaroota gargaarsaa OMN qunnamee nomination fudhatee nuuf dhieesse. Kanaaf miseensota boordii bara dabre filaman keessa hanqinni diversity yoo jiraate, laafina koree filachiiftuuti.

Kanumaan walqabatee yeroo tokko gaazexeessitoonni OMN diversity hin qaban komiin jettu kaatee irratti haasoynee turre. Gaafas warri koree hoji raaw’achiiftuu dhihaatanii akka irratti dalagan waadaa seenanii turan. Akkan amma argutti hamma tokko milkaayanii jiran. Gaafa eegalamu dubartiin takka turte amma hedduun arkutti jira.

Dr Asfaw dhimma diversity kana kaasuun na ajaa’ibe. Gaafa tokko miseensi boordii dhimma akana kaafnaan warra ‘OMN paarlaamaa mit’ jedheen keessaa tokko Dr Asfaw akka turan yaadadha.

Dhimma Jawar

Shorri Jawar OMN keessatti qabu gaafuma jalqabaatii jira. Kun ammoo amala mucaatifi amala ummata keenya biyya alaatirraa madda. Dr Mahammad waa’ee OMN nama tokkorratti hirkachuun rakkoo akka qabdu dubbate sun dhugadha. Garuu dhugaa tana warri dura hubate keessaa tokko Jawar akka ta’e ragaa bahuun fedha. Gaafa OMN dhaabee gara New York deebi’e maalif deemte j’eetin gaafadhe. Yoon ture OMN narratti hirkata. Kanaaf if danda’ee akka deemu alaa gargaarsa godhuun qaba nan jedhe. Amni naaf hin liqifmane garuu inni murtiin isaa cimtuu turte. Gaafa deebifnee director godhuuf yaamne xalayaa page 7 qabdu barreesse nuuf ergee ture. Achi keessatti karooraa galiifi hojii dhawaataan OMN hirkattummaa Jawar irraa bilisa itti bahu bal’isee barreessuu isaa niin yaadadha.

OMN kana Jawar irraa adda baasuu kan fedhu garee lamatu ture. Kan duraa warra OMN isarratti hikachuun gaarii miti, yoo inni waa tahe hoo jedhu. Kaan ammoo warra siyaasaa Jawar jibbuudha. Gaafa Girmaan wagga tokkoof tajaajilee director lammataa barbaannu beeksisa baafne. Yoon sirritti yaadadhe candidate 4 dhihaatan. Tokko Jawar ture. Innis miseensota boordiifi koree hoji raaw’achiiftutu isa kaadhime. Namni sadi kan biraa ni dhihaatan. Yeroo jara afran keessa filannaa goonu miseensonni boordii tokko tokko bilbilanii lobby godhaa turan. Wannin gaafas hubadhe, jarri sadeen san miseensa/ deeggartoota jaarmaya siyaasaa tokko akka turaniidha. Dhumarratti falmii sa’aa dheeraa booda Jawar akka director ta’u sagalee guutuun filanne. Garuu akka seeraatti koreen hoji raaw’achiituu waggaa 2 kan tajaajiltu ta’us kan Jawar waggaa 1 qofatti akka dhaabbatu godhame. osoo san fudhachuu baannee warri isa mormu isa directarummaa isaa hin fudhatan ture. Wannin jechuu fedhe, akka inni hojii tanattti hin ramadamne miseensonni yaala turan akka jiran yaadachiisuufi.

ergan boordii keessaa bahee miseensota hafan tokko tokkorraa akkan dhagahutti yaalin Jawar OMN keessaa baasuu itti fufe. Garuu miseensonni hedduun yaada san hin fudhanne. Warri isa baasuu barbaadu sagalee minority ta’an. Kanaafu miseensonni boordii namni lama gadi dhiisuu filatan.

Dhimma Finance

Yaadni OMN ummata irratti hirkatuu irraa if danda’uu qaba jedhu gaafuma duraa irraa eegale. Xalaya fuula 7 dhiheesse irratti Jawar dhimma kana barreesse ture. Waggoota sadan itti aanan keessatti yoo xiqqaate galiin OMN 30% grant fi sponsorship irraa akka dhufuuf karoorfachuu isaanii niin yaadadha. San bakkaan gahameefi dadhabamee quba hin qabu. Wanni ani yaadadhu garuu yero tokko galiin OMN hedduu waan gadi bu’eef boordin koree finance OMN guddiftu dhaabdee turte. Koree kana keessa Dr Asfaw faatu ture. Koreen sun osoo humaa hin hojjatin achumaan diigamte.
Kan finance kanaan walqabatee wanni dhihaatu tokko akka waan Jawar maallaqa OMN harkatti galfateeti. Kuni soba. Maallaqa OMN kan too’atu treasurer fi koree audit boordiiti. Treasurer gaafa duraa Rammi turete. itti aansee Abbi Itichaati. Amma Najjat Hamzaati. Treasurer hundi miseeonsota boordiiti ( non voting member). Boordin ammas koree auditi qabdi. gaafan ani ture Kitaabaa Magarsaafi Dr Damisso faatu keessa ture. Baasiifi galii OMN jaratu ilaalee gara external auditor dabarsa. Haala maallaqni walitti qabauraatti chapter naannoo kiyyatirraa wannin beeku jira. Warri chapter qophii qopheessanii maallaqa walitti qaban san direct gara baankii OMN galchu. Treasurer OMN akkuma maallaqni galeen xalayaa galataafi receipt warra chapter saniif ergiti. Shoorri Jawar walgahii sanirratti argamee ummata mirqaansuudha.

Dhumarratti wannin jechuu fedhi, waldhibdeen amma jirtu kan haala hojii keessaa OMN natti hin fakkatu. Murna siyaasaa tokkoo fi Jawartu waldura dhaabbatee jira. Miseensonni boordii bahanii OSA irratti dhiheessanis hojii murnaati geggeessaa jiran natti fakkata. Maalif yoo jettan waan amma dubbatan kana hedduu gaafa keessa jiran ofiifuu mormaa turan. yaa’ii tana nurraa dhaabuu kan danda’u silaa Jawar fi murna ABO shaneeti. Jawaris mataa jabaata. Warri shanee ammoo Jawar fi OMN dhabasiifnu malee jedhanii marxifatanii jiran. Jawaris morka seene, mangoddoon ABO tunis gadaan isaanii dabruu waan hubatan hin fakkaatu. Waa hundaafuu ani adeemsa siyaasaa Jawar fi akkaata inni itti dalagu isattis boordittis himaan ture. Garuu OMN akk nu feenuttis hogganuu baatu akka ofii beekutti hogganuun guddina namuu waakkachuu hin dandeenye nu agarsiisee jira. OMN miidiyaa keenya, jaarmaya qabsoo keessa kan hojii qabatamaa nu agarsiisaa jiru kanuma qofa. Kanaaf rakkoolee jiran furuuf yaalaa deeggarsi miidiyaa kanaaf qabnu jaran akka jabaatun dhaama.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago