Basii Keenyaa Hirphi Nu Kennamnaan Eenyu Wajjinuu Wal-falmii Keessa Galuu Hin Barbaannu, Cufnee Keessaa Galla: Daayrektarii Qeeraaa Harree
WAASHINGITAN, DIISII — Dhimmaa qeeraa harree Bishooftuu ganda Dhibaayuuf Qaajimaatti ijaarrama ture hojii jalqabuu isaa laalchise sagantaa torbaan darbe kantiibaa magaalittii Dr. Dadhii Wadaajoo dubbisnee ture. Isaaniis mormii ummanni kaasee ture mootummaan an hubatuu ta’u nutti himan.
Amma bulchiinsi magaalatti warshaan kun hojii akka dhaabu ajeja dabarsee jira. Xalayaan akka lakk. Itoophiyaatti Ebla 8 2009 ( Sambat-duraa darbee jechuudha) nannoo Oromiyaatti Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu irraa dhaabbata Shandoogi Dongi Ejiaa jedhamuu ergame fi Dr. Daadhii Wadaajoo irratti mallatteessan dhabbatichi akka hojii dhaabu gaafata.
Jiraattonni magaala bishooftuus “Gammanneerra” jedhan. Warshaan Shandoongi Dongi garuu wanti nurratti godhamee sirrii mitii, walitti dhufeenya investerootaa fi biyyaatti miidha jechuudhan qeeqan. Daayreektara Qeeraa harree Shandoogi Dongi Obboo Akliluu Tafarraa dubbisneerra.
Dhabbanni ‘The Donkey Sanctuary‘ jedhamu kunuunsa harree irratti hojiiatu gama isaatiin, mootummaan Itoophiyaa murtii kana irra gahuu dhinqisiifatee, kun baayyina harroota akka addunyaatti gadi buusa jennee sodaannee ture jedha.
Biyya biraatti manneen amantii…. - Dhaabbata gargaarsa adda addaa tolchanii hiyyeessa gargaaru, - Hospital adda…
Kashlabboonni amaara dhala Oromoo (Taakkalee Uumaa) DC keessatti akkasitti xiqqeessuu isaanii ijaan arguun onnee nama…
USA Welcome Corps Program Tibbana Ameerikaan sagantaa godaansaa / Immigration Program/ tokko ifoomsitee jirti. Sagantaan…
Tensions in the Wollo Oromia Special Zone (located in the Amhara Region, Ethiopia) have flared,…
Map showing part of the locations where the latest violence is ongoing Addis Abeba – Residents…
NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in…