Baarentuu Gadaa Irraa//
gessogeda@gmail.com
Gama tokkoon Aga’aaziin qayee Oromootti bobbaafame, dhalataa Oromoo
kamuu gaafii malee hidhee darara, karaarratti ajjeesa, gama biraan
waraanni Wayyaaneen leenjiftee,hidhachiiftee bobbaafte Liyyuu hayiliin
haaluma walfakkaatuun ummata Oromoo gama bahaatin weerararee kunoo
ajjeesaa, qayee fi qabeenyarraa buqqisaa, kaanis ukkaamsee eessa
buutee dhabamsiisaa jira. Saamichi silaawuu hojii ijoo sirnichi
waggoota 25n darbaniif ittiin beekamuudha.
Wayyaaneen waraana ishii bobbaasuun ajjeechaan, hidhaa-dararaan,
akkasumas saamichi waggoottan 25n darbaniif gaggeessaa turtee fi jirtu
quubsuu dadhabnaan kunoo ammammoo ummata Oromoo beelaan fixaa jirti.
Nama beeleessuu qaama qabsoo ishii godhattee dhimma itti bahaa jirti.
Ummanni Oromoo beelaan adabamaa, lubuun namaa hedduutis yeroo ammaa
kana gaaga’amaa jira. Wayyaaneen akkuma waraana bobbaaftee Oromoo
qayee fi qabeenyarraa buqqaasaa turtee fi jirtu beelaanis buqqisaa,
qayee isaa dhiisee akka godaanu taasisaa jirti. Godaansa qayee isaa
dhiisee gara mgaalaaleetti godhaa jiru kanaanis iddoo hedduutti kadhaa
fi dararama hedduuf saaxilamaa akka jiru kan quba hin qabne hin jiru.
Beelli, dheebuu fi dhibeen erga ummanni Oromoo sirna Habashootaa
jalatti kufee asii kan irraa dhaabbatee hin beekne ta’ulleen takkaa
akka bara wayyaanee kana akka ta’ee hin beekne eenyufuu ifaadha.
Ummanni Oromoo osoo biyya lalliftuu fi gabbattuu kan biraafuu haftu
qabuu imaammata weertoonni gabroonfattoonni akka wayyaanee irratti
diriirsaniin har’a gadadoo hamaa jalatti kufee beela hamaa jala
jira. Ummanni Oromoo waggootan 25n darbaniif kan rakkoolee adda
addaan mankaraaraa ture dhiifnee beela yeroo ammaa kana impaayeera
itiyoophiyaa muudatee fi namni miliyoonni 15 ol itti gaaga’amaa jiru
kan yoo fudhannee ilaalle mil. 10 ol Oromoodha. Onoota 22 ol beela
hamaaf saaxilamanii waan nyaatanii dhugan dhabanii sa’aa- namni balaa
guddaaf saaxilame keessaa akka dhaabooleen mirga namoomaa fi
dhaabbanni nyaata addunyaa FAOn ifa godhe keessaa 19-20 kan ta’an
Oromiyaa keessa. Balaan dhaqqabaa jiru kan jedhamaa jiruu oli.
Walumaa galatti wayyaaneen ta’e jettee Oromoo beelaan adabaa jirti.
Biyya kam keessattuu roobni dhabamee gogiinsi dhalachuu danda’a. ykn
roobni hammaatee miidhaa geechisee sa’aa- namini miidhamuun rakkoon
dhalachuun waanuma jiru. Haata’uutii googiinsi ykn qilleensi
jijjiramee roobni baayyachuun beela sa’aa nama fixu ni uuma jechuu
miti. Biyya mootummaa qabdu, biyya sirna balaa jijjirama
qilleensatiin dhufu hundaafuu qophii qabdu keessatti caamnis
hammaatulleen, roobnis jabaatu ummanni beelaan hin dhumatu.
Beeladoonni akka baalaa harcahanii qotee bulaaf horsiisee bulaan hin
harcahu. Biyya mootummaa aantummaa ummataa qabu, biiya bulchiisni
gaariin keessa jiru keessatti balaan kamuu dhufu rakkoon dhufe osoo
balaa hin geechisin furama. Yoo balaan dhufe humna biyya sanaatii ol
ta’eelleen aadaan addunyaarratti barame gargaarsa biyyoota birrraa
gaafachuudha. Kan impaayeera Itiyoophiyaa wayyaaneedhaan bulaa jirtuu
garuu kanaan adda.
Wayyaaneen 1ffaa beela impaayeera itiyoophiyaa keessatti uumamaa turee
fi jiruuf madda ta’uu ishii caalaayyuu gurraa fi ija addunyaa jalaa
dhoksaa turte. Beela Imaammataa fi poolisii ishiin hordooftun
ummattoota biyyattii keessumaawuu ummata Oromoo mankaraarsaa jiru kana
karaa danda’ameen addunyaatti himuun gargaarsa kadhatanii furuu, akka
inni lammitti hin deddeebine mala Saayinsii fi teeknooloojiin akka
qonni guddatu qonnaan bulaa deeggaruurra inumaawuu akka beelli biyya
san keessaa hin dhabamne yoo shira hojjettu muldhachaa ture,
muldhachaas jira. Guyyaa tokko caamnaan ykn rooba hamaa roobnaan
iddoo baayyetti ummattoonni biyya sanii ni beela’u. kan amma
muudachaa jirus kanuma.
Wayyaaneen gongumaa akka beelli impaayeera itiyoophiyaa keessaa badu
hin feetu. Ykn hin barbaaddu, Beelli ishiif daldala bu’aa olaanaa
qabu, kan horii guddaan irraa argataa turtee fi jirtuudha. Murni tun
bara qabsoorra jirtu irraa eegaltee midhaan maqaa gargaarsatiin nama
beela’eef alarraa dhufe murna gurgaratee dhala namaa kuma hedduun
fixaa turteedha. Kanaaf ragaan ammoo isaanuma qondaaloota wayyaanee
warra yeroo sanatti midhaan gargaarsaa alarraa gurraa turanii fi amma
dhaabicharraa bahaniidha. Ammas kanumaatu wayyaaneedhaan maqaa
beelaatin itiyoophiyaa keessatti raawwachaa jira. Namni ni dhumaa
wayyaaneen garuu midhaan gargaarsaan dhufaa jiru daldalachaa jirti,
bu’aa ishiii irrigataa maqaa beelaatin daldalti. Kun yakka guddaa,
yakka dhala namaarratti hojjetaman keessaa isa olaanaadha.
Har’a ummanni Oromoo googiinsa muudatee fi imaammata misoomaa
wayyaaneen diriirste, Duula Liyyu hayilii fi waraanni Agaa’zii
irratti bane jiruun tasgabbii dhabee beelaa fi balaa guddaaf
saaxilamee jira. Ilmaan Oromoo kun mana hidhaatti guuramanii, kuun
ammoo sababa adda addaatiin qayee fi qabeenyarraa buqqifamanii
qotatanii jiraachuu ykn daldalatanii jiraachuu dadhabuun beela hamaa
keessa jiru.
Wayyaaneen daldala maqaa ummattootaain mi’eeffatte jabeessitee itti
fufuuf; 1ffaa beelicha dhoksaa turte, 2ffaa isuma beele’e jetteeyyuu
kan Oromoo xiqqeessitee ibsaa, ykn himaa turte, 3ffaa gargaarsa maqaa
ummata beelee’eetiin alaa dhufe daldala siyaasaa Oromoo irratti
ittiin gaggeessaa jirti, beelaan Oromoo adabaa, aarii irraa qabdu
itti bahaa jirti. Kun yakka, yakka sanyii balleessuuti, yakka
addunyaan beekuu fi hubachuu qabuudha.
Ummanni Oromoo biyya keessaa fi alaa jiru keessumaa kan naannoo beelli
kun itti hammaatee jiru jiraachaa jiru; ummanni Oromoo hargee bahaa
fi lixaa, Booranni, Baalee, Gujii fi gammoojiin shawaa bahaa yakka
kana sagalee olkaasuun addunyaatti iyyachuun dubii fardiidha. Addatti
ammoo ummanni Oromoo naannoo beelli kun itti muudateen ala jiruu fi
hawaasi Oromoo biyyoota gara garaa keessa jiru yakka wayyaaneen
Oromoorratti gaggeessaa jirtu kana addunyaaf saaxiluun dirqama
lammummaati. Lammii isaa biyya keessatti wayyaaneen beelaan adabaa
jirtu baraaruun dubbii fardiidha. Yakka kana Addunyaan beekuu qaba.
saaxilamuus qaba.
Hara’a midhaan maqaa saba kanaatiin dhufaa jiru daldala siyaasaaf
oolaa jira. ummata Oromoo beelaan miidhamaa jiru bira gahaa hin jiru.
kan gahaa jirus wayyaanee deeggartan malee jedhamee nama addaan
qooduun hiramaa jira. Keessumaa naannoo beelli kun itti hammaatee
jiru, Harargee bahaa, fi lixaa gammoojjii Baalee, Shawaa bahaa,
Booranaaa fi Arsii lixaa.. keessatti ummata balaa goognsaa fi
immaammata wayyaanee dogongoraa ta’een beelaaf saaxilame beeladoonni
jalaa dhuman sirnichi mormii narratti kaasaa turtanii fi jirtan
ittiin jechuun beelaan adabaa jira. Yakka Adoolfi hitiler ayhudoota
kaampiitti naqee beeleessuun raawwachaa ture kan fakkaatu irratti
raawwachaa jira. Yakki Kun sirnaan balaaleeffatmuu qaba. keessumaa
ummanni Oromoo biyyoota alaa jiru yakka kana addunyaatti saaxiluu
irratti qooda isaa isa guddaa fi olaanaa bahachuu qaba.//
Yeroo ammaa kana yakkatuu wayyaaneedhaan ummata Oromoorratti
raawwachaa jira, yakki kun yakka sukanneessaa dha, yakka dubbachuufuu
nama suruuruu dha, wayyaaneen gama tokkoon waraana bobbaasuun oromoo
fixaa jirti, gama biraan ammoo akkuma addunyaan quba qabuu fi ragaa
bahaa jirutti beelaan ummata Oromoo adabaa jirti. Yakki kun karaa
danda’ame hundaanuu nurraa dacha’uu qaba. Diinni innikaan nu weertee
nusaamaa, nu ajjeesaa, nu hidhaa fi nu dararaa jirtu Wayyaaneen
gateettii keenyarraa bu’uu qabdi. Kan gateettii keenyarraa butu ammoo
qabsoo keenya walirraa hin cinneen ta’uun wal nama hin gaafachiisu.
Kan dirqama kana galmaan gahuu keessatti qooda olaanaa qabuu fi
dirqamni dachaan irra jiru ammoo dhalootuma har’a qabsoorra jiru kana.
Dhaloonni kun kana hubatee bakkayyattuu tokkumaa isaa cimsatee, irree
isaa waleeffatee, qabsoo eegalame; qabsoo hidhannoo ABOn gaggeeffamaa
jiruu cinaa hiriiruu fi FXG finiinsee itti fufuun dubbii ijoo fi
fardii dha.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…