Categories: Yaada

WBOn yoomiyyuu caalaa deeggarsa argachuu fi cimuu qaba

Berhanu Hundee

Barreeffamani gabaabaan kun Amajjii 1, guyaa WBO yaadachuudhaaf kan qophaahe waan ta’eef, hunda dura Uummata Oromootiin baga ayyaana Amajjiitiin nu gahe, isin gahe jechaa, WBOdhaan immoo barri haaraan 2021 bara cimina keessanii fi kan injifannoo ittigalmeessitan isiniif haa ta’u jechuun barbaada.   

QBO keessatti, qabsoon hidhannoo barbaachisaa fi murteessaa ta’ullee, uummata Oromoo keessatti dhimma kana laalchisee guutumaa guutuutti irratti walii hin galamne ture. Qabsoo hidhannoo yeroon irraa dabree jira; haala amma Addunyaan keessa jirtu wajjin hin deemu; kan amma ta’uu qabu qabsoo karaa nagaa qofaa dha fi kkf kaasuudhaan warri mormii dhiheessan lakkoofsi isaanii xiqqaa hin turre. Sababa kanaan WBOdhaaf xiyyeeffannoo kennuun ifatti mul’achaa hin turre. Haa ta’u malee, erga gartuun ykn tuutni sirna Nafxanyaa leellisu fi dhaadhessu kan Abiyyi Ahmadiin durfamu injifannoo Qeerroo fi Qarree butee aangoo qabatee as haalli uummata Oromoo kan dur caalaa bu’uraan waan jijjiirameef, ilaalchi Oromootaas akkasuma waan jijjiirame fakkaata.

Qabsoon karaa nagaa wareegama hin gaafatau jedhamuu baatus, qabsoo hidhannoo wajjin walbira qabamee yoo laalame garuu, wareegama barbaachisu xiqqeessuuf ykn hir’isuuf silaa filannoo (option) gaarii ture. Haa ta’u malee, kun biyyoota abbaa irreetiin bulan kan akka Itoophiyaa tana keessatti karaa nagaatiin qabsaa’uun bu’aa fidee hin beeku, fiduullee hin danda’u. Waregamni qabsoo karaa nagaa keessatti kaffalame ykn/fi kaffalamaa jiru wareegama qabsoo hidhannoo keessatti barbaachisuu gadii miti yoo jedhame dhara hin ta’u. Biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti, qabsoo karaa nagaa filachuun sirumaayyuu akka sodaatti fi/ykn humna hin qabneetti laalamaa jira. 

Erga gartuun sirna nafxanyaa ijaaruu barbaaddu aangootti dhuftee as reebichi, hidhaa fi ajjeechaan walumaagalatti dararamni suukaneessaa ta’e kan dur caalaa karaa hundaan uummata Oromoorra gahaa jira. Dur diinotni Oromoo jaarmayaa Oromoo walab ta’e tokkotti keessumaayuu ABOtti xiyyeeffachaa turan. Har’a garuu Sabboontota Oromootti maqaalee adda addaa moggaasuudhaan akka waliigalaatti Oromummaa addatti immoo Sabboonummaa Oromoo balleessuuf ciminaan hojjetamaa jira. Kun dararama uummata Oromoo adda godhee jira. Uummatni Oromoo akka sirna Nafxanyaa haaraa kana jalatti salphatetti salphatee hin beeku. Sabni Oromoo akka gartuu sirna Nafxanyaa fi Goobanoota haaraa jalatti tuffatametti tuffatamee, arrabsamee fi abaaramees hin beeku.

Egaa, kun kan agarsiisu, roorroon hammaatee daangaa akka dabre fi duguuginsi sanyii Oromoo karoorfatamee hojiirra oolaa akka jiru dha. Har’a qabsoon Oromoo qabsoo bilisummaa osoo hin taane, qabsoo jiruu fi jireenyaa; qabsoo saba keenya badiirraa hanbisuu; qabsoo uummata keenya jiraachisuu ta’ee jira. Kana godhuun kan danda’amu immoo humna Oromoo cimaa fi abdachiisaa ta’e yoo qabaatan qofaa dha. Humna akkanaa uumuuf immoo haaraa ijaaruu osoo hin taane kanuma jiru jechuun gaachana fi abdii Oromoo kan ta’e Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) humneessuu cimsuu fi karaa danda’amu hundaan bira dhaabbachuu dha. Humna haalaan ijaaramee fi cimaa ta’e qabaachuun hangam hamma nama kabchiisu fi ulfina namatti horu naannolee biroorraa keessumaayuu Tigraayirraa barachuun ni danda’ama.

Kanaafuu, WBO karaa hundaan gargaaruun, hamileessuun, cimsuu fi jabeessuun dirqama ilma fi intala Oromoo ta’uu qaba. WBOn wabii uummata Oromoo waan ta’uuf, isa jabeessuun dirqama malee filannoo miti jechuu dha. Oromoo ta’e; kan quuqamni uummata isaa itti dhagahamu; kan Oromiyaa fi Oromummaa jaalatau; kan Oromiyaan nagaa fi tasgabbii akka argattu barbaadu lammiin Oromoo kamiiyyuu shakkii fi mamii tokko malee qabsoo hidhannootti amanee; WBO deeggaruu qaba/qabdi. Barri haaraan kun kan mul’ata tokkorratti waliigallee humna Oromoo cimsinu ta’uu qaba jedheen abdii koo ibsuu barbaada. Mul’atni keenya immoo WBO cimaa Oromiyaa guutuutti ijaarree abbaabiyyummaa keenya deebifnee argachuu fi uummatni keenya akka naagaan jiraatu taasisuu dha. 

Har’a gantoota, galtootaa fi ayyaan-laallattoota akkasumas tajaajiltoota diinaa kan ta’anirraa kan hafan Oromoo wayyabni qabsoo hidhannootti amanaa akka jiran ragaalee hedduu kaasuun ni danda’ama. Waan ta’eef, WBO deeggaruuf karaalee adda addaatiin gahee isaanii taphachaa fi/ykn qooda isaanii gumaachaa jiru. Wanti tanaan dura argamee hin beekne, fakkeenyaaf International OLA/WBO Support Task Force jedhamee dhaabbachuudhaan gargaarsa WBO cimsaa jiraachuun hedduu nama gammachiisa. Kun bifa adda addaatiin cimee itti fufu qaba. 

Oromoon karaa kanaanis ta’ee karaa dhuunfaatiin WBO gargaaruuf dirqama lammummaa bahuu qaba. Ijoolleen (miseensotni WBO) har’a diinni fi tajaajiltootni diinaa “Shiftaa Shanee” jedhanii maqaa xureessan tun wareegama ulfaataa kaffaluuf kan socha’aa jiran numaaf uummata bal’aa Oromootiif jedhanii ti malee, jiruu mataa isaanii jiraachuu dadhabaniitii miti. Kanaaf ijoollee tanaaf kabaja guddaa qabaachuun, hamileessuun, kunuunfachuun, cimsuun ofii keenyaaf Oromummaaf jennee haa ta’u. WBOn injifannoon akka galu shakkiin hin jiru.    

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaatti.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago