Categories: Yaada

WIXINEE LABSII DHIMMA FINFINNEE LAALCHA KIYYAAN.

 

Wixineen labsii maqaa dantaa addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu jechuun wayyaaneen heera mootummaa jalatti dahachuun baafte kun akkaan ani hubadhetti kan guutumatti Oromoof bu’aa hin qabnee dha. Sababniis:

1) Oromoota Finfinnetti dhalatan malee ilmaan Oromoo guutuun akka waan dhimma Finfinnee irratti mirgaafi aangoos hin qabnetti kan murteessu dha.

2) Mootummaa Naannoo Oromiyaafi OPDO’f malee ummata Oromoof hanga firii xaafii bu’aa hin qabu. Mirgi laatame marti kanuma warra wayyaaneen jaarte OPDO irra dhaabbatanii murteessan fakkaata. Hanga danda’anitti isaan fayyaduufi tursiisuuf kan wixineeffame fakkaata,

3) Wixinee Labsiin kun Oromoota Oromiyaa guutuu keessaa jiran mirga isaan Finfinnee irratti qaban kan addaan dhilu, kan daran moggattii dhiibu, kan oromoota firii lamaan moggaa Finfinnee hafe san dhabamsiisuuf baafamee tahuun hubadhe,

4) Maaster pilaanii kaleessaa, investimentii fi saaminsa lafa Oromoo tan Finfinneefi naannoo isii tan duraan dhooysaan hataafi humnaan saamaa turan san Oromoo dinnaan ammallee tooftaa biraatiin itti fufuuf hayyama wayyaaneen baafattee ummata Oromoo raggaasisuun seera qabeessa godhachuuf qopheeffate fakkaata.

5) Dhimma buqqa’iinsa Oromoo fi saaminsa lafa isaanii kan waggoota 15 dabranii kana Oromoofi Oromiyaa irratti raawwatamaa ture kan laalcha keessa galchee miti. Bu’urri labsii kanaa Heera mootummaa Federaalaa kan waggaa 20’moota duraa waan taheef labsiin kun ilmaan Oromoo dirretti bittineessuun lafa isaa saamaa turan, kan arrallee qe’e dhablee tahee jiru san akka barbaachisutti tilmaama keessa kan galchee miti.

6) Kan isaan faayda ja’anii baasan marti kan Oromoon ifiif hojiirra oolfachuu barbaaddu malee kan ambiti baaftuu miti. Gama biraatiin faaydaa Oromoo dhugumaan eegsisuuf kan baafame osoo hin taane, kan saaminsa lafaa daran hammeessu, kan balleessa seenaa fi aadaa Oromoo kan dur caalaa lammaffaa gunnuufachiisuufi ammallee Oromoo lafarra buqqaasuuf kaayamee dha.

7) Dantaan Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu labsiin akka baafamu keeyyata 49 Heera mootummaa federaalaa irratti kanuma waggaa 20’moota dura kaayameedha. Heera mootummaa kan lafa jiru irraa labsiifi dambii baasuuf waggaa 25 ol yoo fudhate, labsii fi dambii kana hojitti hiikuuf ammoo waggaa 50 caala akka fudhatu shakkii hin qabu. Oromoon ammoo waggaa 50 miti guyyaa 50 amma booda wayyaaneef obsa hin qabu.

8) Heeraafi seerri wayyaanee wayyaanootumaaf malee Oromoof waraqaa irraa lafatti bu’ee hojiirra hin oolu waan taheef Oromoon amma booda sadarkaa hojiirra oolma heera wayyaanee eeggatu bira dabree jira.

9) Labsiin kun kan wayyaaneen Oromoofi saboota Finfinnee keessa jiraatu walitti naquufi waliin fixuuf karoorfatte akka tahe haala amma jiru irraa hubatama. Jiraattoonni Finfinnee harki guddaan Amhaara yoo tahu iddoolee ijoo fi diinagdee guddaa kan harkaa qabaniis irra jireeysi Amhaara, yeroo ammaa ammoo Wayyaaneen tooftaa labsii kanaan Oromoo saba Amhaaraafi saboota biraa waliin dhooytee jidduu fayyadamuuf kan yaadde tahuu,

10) Fedhii fi hawwii Oromoo keessa jiru kan ammaa osoo hin tahin kan baroota 30 duraa irra dhaabbatanii baasuun kan amma Oromoon sossobuuf yaadame malee kan fedhii Oromoon amma qabdu irra dhaabbatamee baafamee miti. Fedhiifi hawwiin Oromoo amma booda walabummaa Oromiyaafi bilisummaa Oromoo qofa.

11) Oromoon mormii maaster pilaanii irraa eega fagaatee bubbulee jira. Kan Oromoo falmii Finfinnee irraa falmii Oromiyaatti ceesise dhumaatii badii malee, duguugiinsa sanyii wayyaaneen ilmaan Oromoo irratti raawwatteen akka tahe beekkamaadha. Kanaaf wayyaaneen labsii dantaa addaa Finfinnee labsituus dhiiftuus amma booda Oromoof bu’aa kan hin qabnee dha

12) Oromoon mirga murteeffannaa biyya isii irratti qabdu guutumaa-guututti dhugoomfachuu malee biyya isaa irratti, lafaaf mana isaa keessatti akka diinni, alagaan murteessituuf gonkuma hin barbaadu. Oromoon mana isaa kan diinaan dhaalamee diinni siifin qulqulleessa, naatu siif haxaawa ja’uun osoo hin tahin mana isaa alagaa harkaa baafatee ifiif qulqulleeffachuu qofa barbaada.

Qaphxiilee armaan olitti tuqaman kana dabalatee walumaagalattuu labsii kanaas tahee kan wayyaaneen amma booda labsitu kamuu kan qammaneefi yeroon isaa dabarte waan taheef, labsuufi lallabaa ooltuus gurra ittiin dhageeffatu oromoon hin qabu. Ifaaf ifatti warraaqsi Oromoon itti jirtu walabummaa Oromiyaa malee, mirga Finfinnee irraa qabdu deebbifachuu miti. Kanaaf, labsiin isaanii xalayaa irrattii miti yoo lafatti hojiin mul’atellee waan Oromoon barbaaduu miti. Xalayaafi qalama saanii qisaasuu osoo baataani gaariidha. Oromoon gowwaa miti, kana booda haaluma kamiinuu murtii alagaan mana isaa keessa taa’ee murteessuuf hin fudhatu.

“Falmiin Oromoo kan walabummaa oromiyaa malee kan dantaa Finfinnee miti!”

Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Caamsaa 2017

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago