Categories: Oduu Oromiyaa

Xalayaa waamicha ulfina tokkummaa qabsa’ota Oromoo

ADDA BILISUMMAA OROMO

ج بهۃ ت حـري ر ورومـى ا OROMO LIBERATION FRONT

Gaafa: Muddee: 14/2015 Lakk:ABO/03/2015

Date: Jan/14/2015 NO:OLF/03/2015

Xalayaa waamicha ulfina tokkummaa qabsa’ota Oromoo

Qabsoo ummata Oromoo galii isaan gahuuf anqinoota mooraa keenya mudatanii jiran keessaa,

inni guddaan tokkummaa dhabiinsa qabsa’otaa ti. Rakkoo kana kan dhalche sababootiin eddu

jiraatanis inni guddaan garuu wal danda’anii ilaa fi ilaameedhan maria’achuuf qophii tahuu

dhabuu dha. kun ammam akka mooraa qabsoo Oromoo miidhee fi qabsa’ota amilee cabse hundi

keenya wal qixa beekna. Ammas aadaa wal irraa dheenfuu fi waliin mari’annee dheebuu

bilisummaa fi abbaa biyyummaa Oromoo dhugoomsuu irraa dhilboofnaan ykn qoollifannaan

ammas diina keenya of irratti goobsuu taati. Wajjin mari’achuu dhabuu irraa kan madde rakkoo

akka salphaatti fala itti argachuu dandeenyu qancarsinee jirra. Adeemsi akkanaa kun kana booda

mooraa Oromoo keessatti seenaa ta’ee afuu qaba. haalli amma keessa jirru isa gara fuunduraa fi

egeree qabsoo sabaaf akka yaannu nu dirqisiisa

haala kaleessa turee fi garaaragummaa keenya yeroo itti faarsaa fi isa babaldhisaa deemnu miti.

Dhiigdii fi lafeen ilmaan oromiyaa yeroo ammaa wayyaaneen dhanga’aa fi caccabaa jiru

jaarmiyaaleen oromoo tokko ta’uuf alduree yeroo waliif tarreessinu miti. Dhugaa dubbachuuf

dargaggoon oromiyaa dachee oromiyaa keessatti falmatti jiran ,yeroo jaarmiyaaleen oromiyaa

garaagarummaa xixiqqoo qabnu furachuu dadhabnee jirrutti qabsoo sabaa ofitti fuudhanii

gaggeessaa jiru. kun barumsa gahaa nuuf ta’uu qaba. Addi Bilisummaa Oromoo yeroo gara garaa

mooraan qabsa’otaa akka jabaatuu waamicha gara garaa taasisaa ture. waamicha ABOn taasisaa

turee fi ilmaan oromiyaa mara irra dedeb’anii dhaammachaa turan fudhachuudhaan

jaarmiyaaleen siyaasaa eddu tokkummaa ummannee jirra. Haata’u malee ammas dhaabbileen

siyaasaa waamicha tokkummaa mooraa qabsa’otaaf owwaachuu didduudhaan ykn lafa irra

arkisuudhaan, haala adeemsa qabsoo harkifachiisu keessaa bahuudhaan akka ammas mooraa

tokkummaa qabsa’otaa wajjin gabbifnu irra deebinee waamcha goona. Akka adda bilisummaa

oromoo ti waamicha tokkummaa kana dhaabbilee siyaasaa maqaa oromoo qaban hundaaf

ergamee ture. warra waamicha ilmaan oromoof owwaatan galateeffachaa ammas dhaabbilee

siyaasaa tokkummaa mooraa qabsa’otaa dadaffiin hojiirra oolchuuf harkifachaa jiran xalayaa

banaa kananaan ammas irra deebinee waamcha oromummaaisiniif goona goona.

dhuma irratti caasaan hawaasaa, jaarsolii fi beektotiin oromoo jaarmiyaa siyaasaa tokkummaaf

abboomamuu irraa qoollifatan irratti dhiibbaa gochuun akka mooraan qabsa’otaa jabeetee

qabsoon bilisummaa fi abbbaan biyyummaa oromiyaa dhugoomuf dhiibbaa akka irratti gootan

gaafanna. Carraadhuma kanaan Addi Bilisummaa Oromoo tokkummaa jaarmiyaalee oromoo

dhugoomsuuf alduree tokko malee kan hojannu ta’uu keenya dhugoomsa. Waamicha ilmaan

oromoof owwaachuudhaan jaarmiyaaleen oromoo afur tokkummaa ummannee jirru ammas irra

deebinee jaarmiyaalee siyaasaa oromoo tokkummaa kana keessatti hin hirmaanneef irra deebinee

============================================================================

Contact Email: abosperson@gmail.com, Tel. 651-808-8774, http://www.oromo-liberationfront.org

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago