Taammanaa Bitimaa irraa
Yaa Shaggar olka’ii dubbaddhu
Yaa shaggaa koo oljedhii dubbaddhu
Ishiitoo biyya raasaa
Ishii diina dhamaasaa
Dhaloota Qubeetti iyyaddhu
Waaqaa-lafas waammaddhu!
Yaa Shaggar dubbaddhu
Yaa Finfinnee dubbaddhu
Kichuuwwan Oromoo
Kan sabaa kan qomoo
Siif jettee waadamtee
Siif jettee qalamtee
Barumbaraan yaadaddhu!
Uummata keerraa addaan si baasanii
Boongoo si godhachuun
Aadaa fi afaan ofiitiin si dhamaasanii
Finna-kee, Finfinnee-tee xureessanii
Kaan buqqisuun kaan ajjeesuun balleessani!
Burqaalee gogsanii
Horawwan onsanii
Laggeen-kee Aqaaqii Baldhoo
Laga Daadhii isa qaldhoo
Haddhaan summeessanii
Dikee namaatiin xureessani!
Qawween sitti galanii
Uummata-kee qalanii
Dachee-tee irratti si alagoomsanii
Manuma keettoo si gabroomsani!
Mukkeen cicciranii
Namaa-sa’a diddiranii
Gullallee fi Eekkaa buqqisanii
Gadaa Sadeen Tuulamaa kuffisani!
Si mee mitii yaa Shaggar
Kan karaa hundaan babaldhatu
Kan reeffa Oromoo alakfatu
Gondor-kaa kan sirra dhaabatu
Maqalee-dha kan sabbuu-kee saammatu
Kan qabeenya kee duguugee ol-haratu!
Ijoollee harka qullaa
Kan hin qabanne dullaa
Ulee fi shimalallee homaa hin qabanne
Kanneen hookkoo-llee hin dhaddhaabbanne
Qawwee itti-dhukaasanii
Kiyyoo itti-furgaasanii
Ilaa, lafee-saanii yeeyyiin jaraa quuftee
Dhiiga-saanii allaattiin gaaraa xuuxxe!
Yaa lafee jagnootaa
Yaa dhiiga gamnootaa
Oljedhii dubbaddhu
Qaramii ijaajjitii
Dhaloota Qubbeetti birmaddhu!
Gaara samii biraa yaa Gaara Hococaa
Silaa kuunnoo, huurrii sirraa fococaa
Duumessaa-huurrii keetiin nutti birmaddhu
Tulluu Furii fi Gaara Erer waammaddhu
Gooroo Sulutaa fi gooroo Eekkaas dabaladdhu
Odaa Nabee fi Tulluu Cuqqaalaatti iyyaddhu
Duumessaa fi huurriin diinatti lafa duuchii
Maaloo Oromoo-kee cinaa dhaabaddhu!
Jarri hardhaa kaasee
Nu keessa taa’ees
Nu irras taa’ees
Afaan keenya dubbachuu hin lagatu
Dabreeyyuu nu Habashoomsuuf
Kunoo, nu Amaaromsuuf
Abadan maqaa Waaqatiin hin kakatu!
Yaa akkaan roorrisaa
Yaa hunda doorsisaa
Biyya keenya qawween galtee
Ijoollee Oromoo qaltee
Biyya Oromoo irra bargaafattee teessaa
Galaana ofitti kaafte egaa essa seenta?
Caffee fi margi Oromiyaa
Qoree itti-ta’aa faana-saa waraanaa
Mukkeeni fi daggalli Oromiyaa
Eeboo itti-ta’aa haleelaa
Bishaan laggeen Oromiyaa
Dhiigaa fi summii itti-ta’aa
Looni fi korbeeyyiin Oromiyaa
Gaafa qaraatii itti-ceyaa
Fardeeni fi gaangoliin Oromiyaa
Oljedhaa kotteen dhiitaa
Biyyeen Oromiyaa
Ibidda ta’iitii
Miillan-saanii waxali
Bubbeen Oromiyaa
Bubbisii gurra-saanii kabali
Duumessii fi huurriin Oromiyaa
Marsiitii guyyum lafa itti-halkaneessi
Halkan-walakkaa itti-fakkeessi!
Yaa saba-koo kana keessa
Olka’ii gabrummaa barbadeessi!
Uummata Oromoo oljedhiitii
Dhalawwan-kee bira dhaabaddhu
Dhaamsa abbootii-keetii iyyaafaddhu
Sa’aa-bineeyyiin Oromiyaa
Olka’aa uummata-keessan bira goraa
Qeerransii fi leenconni Oromiyaa
Xiyyiitii xiyya-saanii isarraa qolaa!
Namaa-saani Oromiyaa
Mukaa-margi Oromiyaa
Haraa-laggeen
Gaaraa-gandeen
Hunduu walta’aatii diinatti ka’aa
Hunduu walta’aatii
Harqoota gabrummaa ofirraa ha’aa!
Yaa Oromoo gayee
Yaa Oromiyaa gayee
Yaa saba-koo gayee
Ijoolleen teenya rasaasaan hin harcaatu
Amma gayee, gayee
Dhalawwan teenya irbaata qawwee hin taatu!
Abboo amma gayee
Haadhoo amma gayee
Walatayii waan qabduun gadbayi
Gabrummaa gombisii ofirraa ha’i!
Oromoon kitilli afurtamii ja’a
Hayyee, walta’uun gadba’a
Taankiin hunda caccabsee gangalatu
Roopphilaan boombii samiirraa gaddarbatu
Ilaa, fayidaa wayiituu hin-qabuu
Dandayee burkaana kana hin dhaabu!
Ilaa, amma nama callaa mitii
Kunoo, lafaa fi sa’utu olka’ee
Waaqni fi uumaan isaas walta’ee
Kuunnoo, roorroo caccabsee acha’e!
Yaa jaarmolee Oromoo
Yaa hawaassan Oromoo
Yaa dhaaba dubartootaa
Kan shammarran-dargaggootaa
Kan Muslimootaa-Kiristaanotaa
Kan Oromee Waaqeffataa
Maal eegdu, maa teessu
Alaa-manaa malum eegu
Caffeetti walin geessanii?
Odaa jalan teessanii?
Ijoolleen teenya abadan lamuu hin qalamtu
Oromiyaa teenya gunkumaa lamuu hin salphattu
Egaa, gumii sabaa ammuma dhaabbaddhaa
Buruu mitii hardhuma
Republika Oromiyaa jaarraddhaa!
Barliin, 02. 05. 14
Hubachiisa: Walaloon kun gaafa 09. 05. 14 hiriira bira-dhaabannoo ijoollee Oromoo Oromiyaa guutuu irraa ka’uun, mirgaa fi haqa uummata ofii dhageessisaa jirtuuf, magaalmataa Biyya Jarmanii, Barliin-itti Oromoota Biyya Jarmaniii keessa jiraatan maraan kan tahe irratti kan dubbifame. Hiriirri inni Barliin-itti tahe kun qaama hiriira Oromootaa kan ardiiwwan: Ameerikaa Kaabaa, Oroppaa, Afrikaa, Asiyaa fi Awustiraaliyaa biyyoota 37 keessatti adeemsifameeti. Mee walaloon kiyya kun barattoota Oromoo diina uummata Oromootiin madeeffaman, reebaman, hidhamanii fi daggala keessatti dhokataniif: raajeffannoo, bira-dhaabannoo, jajjabeessii fi mararfannoo haa tahuufi! Ijoollee teenya rasaasa diinatiin nu jalaa harcaateef, walaloon kiyya kun lubbuun isaanii akka jannata seentuuf, Oromoon koo akka barabaraan isaan yaadatuuf, cinaa haa goru! Warraa fi firoota isaanii naaf haa jajjabeessu! Oromoonni alaa-manaa iyyanii iyya akka dabarsaniif haa hamileessu, haa kakaasu!
******************** // ********************