Categories: Oduu Oromiyaa

Yaamicha Qabsoo Miseensota WBO FI Miseensota ABO-Oromiyaa Godina Kibba Bahaa Falmaa Qabsoo Irra Jiraniin Sab-Boontota Oromoo Maraaf Godhan.

Hunda dura nageenyi keenya oromummaa bakkuma jirtanitti isiniif haa gayu jenna.

Akkuma hubatamu ummatni oromoo guyyaa habashootaan gabroomfatamerraa eegalee osoo guyyaa tokkoofillee Habashootaaf tole jedhee hin bulin karaa dandayeen falmaa seena qabeessa osoo gandaan,Amantii fi kutaan wal hin qoodin akka geggeessaa ture seenaan ragaa baha.bara 1973-erga Addi Bilisummaa Oromoo ijaaramees ummatni oromoo Jaalala biyya isaaf qabuufi hawwii bilisummaaf qaburraa ka’uun dhaaba isaa jalatti hiriiruun jaarsi,dargaggeeyyii fi shamarraan oromoo kumootaan lakkaawaman dirreelee qabsoo oromiyaa godinaalee adda addaatti bahuun falmaa hadhaawaa godhaniin lubbuun ilmaan oromoo kumoota hedduun lakkaawwaman dirree irratti wareegamuun reefi isaanii awwaalcha dhabee lafeen isaanii dirreelee oromiyaa keessaa addaataa jirti.ummatni keenya kaayyo kana jalatti hiriiree dirqama sabummaa osoo raawwatuu kanneen diinaan ajjeeffame,humna waraana wayyaaneen maatii isaa keessaa fuudhamee tana buuteen dhabameefi sab-boontotni oromoo oromummaan yakkamanii mana hidhaati hiraaraa jiran kumaatamootaan akka lakkaawwaman ifaadha.

Falmaalee hadhaawaa baroota dheeraaf godhameen mirgootni cululuqoon akka galmaawaniis wal nama hin gaafachiisu.haa tahuutii malee rakkoolee mooraa qabsoo bilisummaa oromoo keessati wal hubannaan dhabamurraa,Hooggana dhaaba kanarraa kaasee hanga miseensa nam-tokkeeti namuu dirqamaafi gahee isaa ofirratti beekee wareegamaaf of-kennanii hojjachuun dhabamurraa namuu namumatti quba qaburraa kan ka’e diiggumsi moraa qabsoo bilisummaa oromoo keessatti dhalate qabsoo oromoo laamshesee,qabsawota diigee,

Tokkummaan saba oromoo akka diiggamu gochuun qabsawotaafi saba oromoo akka walirratti amantaa hin horane godhe.kun diinota qabsoo oromoof carraa oromoo keessaan diiguuf uume.hamilee saba oromoo cabse.walumaa galatti haalli wal dhagayuu diduu,rakkoo keessa ofii ilaafi ilaameen fixatanii qabsichaaf karaa saaquu dhiisanii dantaa mataa ofii tiifi bu’aa ofiif jecha wal diiguun ol-aantummaa diinaaf haala aanjessu yoo taheen alatti bu’aan muuyxannoo hanga ammaa argaa jirurraa inni qabu hin jiru.wanni nuti Qabsaawotni bilisummaa oromoo sab-boontota oromoo fi qabsawota saba oromoo maraaf bakka jirtanitti dhaammanu.oromiyaan lafa bal’oo baddaafi gammoojjii gaarreeniifi lageeniin badhaafamte lafa haala fedhe keessatti sochii uumama riphee loltummaaf mijjooftu taate akka qabnuufi akkuma kaleessaa ar’aas bakka barbaanetti of ijaarree socho’aa jirru keessa waan jirruuf ummatni oromoo yoomillee gabrummaan jiraachuu akka hin feene beekkamaadha.walumaa galatti falmaan ummatni oromoo biyya keessaa diinaan waliin godhu akka firii argatuuf tokkummaan saba oromoo fi qabsawotaa murteessaadha.dhala oromoo tahee kan tokkummaa sabaafi qabsawotaa hin feene diina qofa.kanaa karaa keenyaan ummatni oromoofi qabsawotni bakka jiranii gandummaafi gosummaan wal qoodurraa of fageessuun tokkummaa sabaafi qabsoof akka halkaniifi guyyaa hojjatan dhaammana.

I.U.O.F!!!

Miseensota WBO fi Qabsawota ABO-Oromiyaa Godina Kibba Baha Baalee Irraa.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

8 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

8 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

8 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

8 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

10 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

10 months ago