Categories: Oduu Oromiyaa

YAAMICHA TUMSA QABSOO LAMMIILEE OROMIYAA FII UMMATTOOTA EMPIRA ETHIOPIA JALATTI DARARAMAA JIRAN MARAAF-

Gumaan kichuulee Oromoo tasa badee hin hafu!!!
Sochiin gaafii migaa barattoota Oromiyaatiin qabate belbelee itti fufaa jira.kutaalee Oromiyaa mara keeyssatti gootonni barattoota Oromiyaa lubbuu isaanii qaalii dabasanii mirga abbaa biyyummaa Oromiyaa falmaa jiran.Doorsisa diinaatiif kan hin jilbbiiffanne tahuu isaanii diinaa fii firaafiis mirkaneessaa jiran.
Wareegama isaanii kanatti firii godhuuf tumsa hawaasa guutuu nugaafata,Guutuun hawaasa Oromiyaa sagalee tokko tahuun dhumaatii barattota keenyaa kana dhaabuu dandaya.Barattoonni keenya fayyaan manaa bahee reyfi manatti galu,awwaallannee diina barattoota keenya kichuu cire waliin jiraachuuf yeroon isaa dhumuu qaba.
Sabboonttonni naannoo barattoonni itti miidhaman jirttan buufata wal’aansaa isaan jiran hunddatti gargaarsa horii fii dhiiga keessan kennuun obboleeyyan keenya akka hordofttan dhaamsa lammummaa dabarfanna.
Sirnni EPRDF sochii kanaan waan mddameef ummata naannoo Finfinnee jiraataniif mirga hiree murtteeffanna kennina.Yoo ummanni fedhii barattootaa kana qabaate nihubanna jechaa jira.
Kanaaf ummnni naannoo kanaa fedhii TPLF kanaaf tumsuu osoo hin taane kolaasuuf ammumaan qophaa’uu qaba.Akka TPLF fedhu filachuun dhiiga barattootaa bilaash godhuu fii murruqii fuul duraa afeeruudha.
Murtii ummataa sababeeffatee barattoota fixuuf karoorfachaa jira.Isiniis kana hubattanii fedhii diinaa kana fashalsuuf waan hubbattan kana akka wal hubachiiftan isiniif dhaamna.Medialeen walabaa hundi hubachiisa kanarratti akka hojjatan niaddanna.
Lammiiwwan keenya biyya ambaa jiraatuus akkuma duraanii caalaa roorroo saba isaaniirratti deemaa jiru kana mootummootaa fii hawaasa addunyaa hubachiisuu irratti hujii jabaa hojjachuun deeggarsa sochii kanaa itti fufuu qabu.
Akksuma barattoota sochii kanarratti miidhamaniis gargaarsa diinaggeetiin faana bu’uun dirqama lammuumaati.Dhaabbileen siyaasaa walabummaa romiyaatiif falmaa jiran hundi yoomuu caalaa walitti dhihaatanii waliin hojjachuudhaan dhiiga qaroolee Oromiyaa kana walabummaan bakka buusuuf yeroon isaa amma.
Ummattoota ollaalee biyya Oromiyaa jiraatan-
Sochiin barttoota Oromiyaa furtuu rakkoo saboota maraati.Sochii kannarratti waliin hiriiruun kufaatii sirna kanaa shaffisuun olitti waliiwajjiin jireenya hegeree keenyaatiif murtteessadha.Kanneen Oromiyaa keeysa jiraataniif dirqama lammummaati.Saboota ollaa Oromiyaa tahaniif ammoo haqa ollummaa fii hariiroo jidduu keenyaa cimsuu taha.Kanaaf sochii kanarratti akka waliif tumsinu cimsinee isin gaafanna.
Sochiin kun akkuma kanaan duraa saba Oromoo qofa irratti eeguun ammoo godaannisa hamaa tahee jidduu keenyatti  akka hin hafne dhaamsa jabaa dabarfanna.
Tokkummaan Humna!
Oromiyaan niwalaboomti!
 Dec, 6/12/2015
THBO/ULFO’s Spokesman
  J/l Lellisa Tuujii
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago