Categories: Oduu Oromiyaa

TUMSAA ADDA BILISUMMAA OROMOO (ABO) fi TOKKUMMAA HUMNOOTA BILISUMMAA OROMIYAA (THBO)

LABSA WALHUBANNOO

 

Labsi kun Tumsa ABO fi THBO utubamuu ilaalchisee waliigaltee dhaabota lamaan giddutti mallatteffame ibsuuf

kenname

Kaayyoo fi galiin qabsoo Oromoo mootummaa walaba dirmokraatawa repablika Oromiyaa ijaaruu ta’u irra deebibinee

mirkaneessuudhaan,

Kaayyoon waloodhaan qabnu sirna bittaa kolonii jaarraa tokko oliif Oromiyaa cunqursaa jiru diiguu fi bilisummaa mijuu

argamsiissu ta’u jabeesinee beekuudhaan;

Tokkuummaan saboontotaa, qabsoo finiinsuuf, bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa shaffisuuf murteessaa ta’u

hubatuudhaan;

Oromiyaa walaba taasisuuf kutannoo qabnuu fi fedhii sabni Oromoo biliisa of baasuuf qabuu fi qabsoo geggeessaa jiru

waliin madaaluudhaan;

Mootummaan Wayyaanee shororkaa fi haala suukanneessaa saba Oromoo irrattii deemsisaa jiru xiinxaluun;

Qabsoo bilisummaa dirree Oromiyaa keessattii deebifne dagaagsuuf murannoo dhaabni keenya lamaan qaban irratti wal-
tumsudhaan hojjechuuf fedhii jiru hubatuun;

Wareegama sabni Oromoo baasaa jiru fi injifannoolee hanga ammaa argaman kabajaa qabnu irraa ka’udhaan;

Dhaabbileen Oromoo waliif tumsu fi waliigalteedhaan hojjechuun kufaatii diina biyya keenya saamaa jiru shaffisuu fi ummata

Oromoo dandamachisuuf bu’a guddaa akka qabu beekuudhaan;

Tumsa THBO fi ABO gama tokkuummaa dhaaba tokkootti tarkaanfachisuuf hawwii guddaa gama hundaan jiru hubachuun;

Yeroo ammaa kana qindoomina gara tokkuummaa dhaabattii geessu irratti waloodhaan hojjechuuf walhubannaa jiru irratti

hundawdhaan:

• Labsa Walhubannoo kanaan har’a irraa eegalee Tumsa ABO fi THBO labsina;

• Koree Qindeesituu Tumsa THBO fi ABO kan hojii Tumsi kun hojjetu mara sadarkaa hundaatti hogganu utubamuu

hubachiisuudhaaf

• Hojii qabsoo bilisummaa Oromiyaa finiinsuu asuma irraa eegaluun shafisaa fi qindoominaan waliin hojjoomsuu

jalqabne;

• Waloodhaan hojjetaa gara caasaa dhaaba tokko diriirfatuu irratti akka haallii hayyameen yeroo gabaabduu

keessatti xumuruuf;

• Gurmuu Oromoo humneessuuf marii dhaabota Oromoo hafan waliin qabnu sio’minaan xumuruudhaan mooraan

qabsoo Oromoo akka dagaagu dhiibba dachaa gochuuf irratti waliif galle shaffisuuf

Oromiyaan ni bilisomti!

Kan mallatteeffame 10 Fulbaana 2016

bilisummaa

Recent Posts

Shaakala barnoota Afaan Oromoo

Jecha sirrii faallaa maqibsaa tahe fili!

6 days ago

OLLAA & Word BEYOND War Launch Campaign For Peace in Southern Ethiopia

U.S. Secretary of State Antony Blinken's upcoming visit to Addis Ababa, Ethiopia on March 15…

7 days ago

A call on the Oromo elites to promote Oromo Extermination Memorial Day

By Leenjiso HoroMarch 13, 2023This call on the Oromo elites is to urge them to…

7 days ago

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef ergame hannaan gurguramaa jira.

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef geeffamaa ture gariin gara baadiyyaa dhaqqabaa hin jiru, kaan ammoo…

2 weeks ago

Oromo Orthodox Split: A Collision Between Politics and Faith

By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have…

2 weeks ago

SEENAA GAMMACHUU QAMALITTII: Kutaa Sadaffaa

                             …

3 weeks ago