Categories: Yaada

Gabroonfataan Mirga Kamuu  Ququnxuree Nuu Rabsuuf Mirga Hin Qabu.

Baarentuu Gadaa irraa

Ummanni Oromoo gabroonfattuu, saamtuu fi darartuu murna bicuu
Wayyaanee irraa  mirgi gaafachaa turee fi jiru hin jiru.  Oromoon
Wayyaaneedhaan takkaawuu  kun natti hirrattee jira, kana naaf guuti,
kun najalaa hafee ykn natti xiqqaatee jira isa kana  itti naaf dabali
jedheehin beeku, jedhaas hin jiru.  Wayyaaneen Oromoofis ta’ee saboota
humnaan weerartee jirtuuf mirga qunxurtee laachuufiif mirgas, hamilees
hin qabdu.
Oromoon bara Wayyaanees ta’ee,  weerartoota, gabroonfattoota gita
bittaa Habshaa kaanirraa mirga  isaa  humnaan irraa fudhatame
qabsaawee deeffachuuf falmaa ture malee takkaahuu  balabala isaanirra
ijaajjee kadhatee hin beeku. Qabsoon waggoota 25n darbaniif keessumaa
FXGn baatilee 9n darbaniif  finiinaa turee fi jiru kanuma ragaa baha.
Wayyaanees ta’e gabroonfattoonni sana dura turan martuu weerartoota,
gabroonfattoota,saamtoota,iddoo biraarraa Oromootti
dhufaniidha,Koloneeffattoota.
Kolooneeffataan ammoo aantummaa  ummataa hin qabu.  Hojiin isaa
biyyaa fi nama kolaneeffate  balleessuu qabeenya saamuudha. Wanti amma
Oromiyaa keessatti ta’aa jirus kanuma. Wayyaaneen Oromoo fixaa turte,
fixaas jirti; saamichis daangaa hin qabu.  Hojiin isaanii marti aadaa,
afaan, seenaa fi duudhaa Oromoo balleessanii, ilmaan Oromoo qaroo fi
sabboontoota saba isaaniif dhaabbatan hidhanii, ajjeesanii fi biyyaa
baqachiisanii biyya Oromoo dhuunfachuudha.  Hojiin qabatamaan amma
wayyaaneen itti jirtus kanuma.
Weerartoota, Kolaneeffattoota akkasii ammoo akkuma biyyoota hedduu
keessatti beekamu lolanii ofirraa ittiisuun bilisa of baasuu malee
daandiin qaxxaamuraa kan biraa hin jiru; jiraatees hin beeku.  Kan
mirga hiree ofii ofiin murteeffachuun nama gahu qabsoo qofaadha.
Wayyaaneen tibba kana karaa ergamticha Maqaaf muummee ministrootaa
jedhamu H/Dassaalenyin,karaa ministeera qonnamtii (communication
minister) akkasumas karaa dabballoota ishii holola umrii
dheereeffachuuf nafayyada jettu hololaa jirti.Murni weertuun
gabroonfattuun tun  akkuma waggoottan 25n darbaniif ummattoota
impaayeera Itiyoophiyaa, keessumaa ummata Oromoo mirgauumamaan qabu
sarbuun gabroomsaa turte fuunduraafis maqaa mirgoota akkasii fi
akkanaa Oromoof kennina jedhuun bara bittaa fi saamichaa
dheereeffachuuf shurshuraa jirti.
Wayyaaneen  ummattoota biyyattii keessumaa ilmaan Oromoo mirga saba
isaaniif falman  hidhaa, ajjeesaa, biyyaa baqachiisaa yeroo tokkoo
tokko ammoo mirga ummanni Oromoo uumamaa fi qabsoo isaatiin gonfate
kan akka afaan,aadaa, seenaa fi duudhaa isaa anatu fidee ykn deebise
jechuun akkuma  lallabaa turte ammammoo  wanti  karaa dabballoota
ishii  odeessaa jirtu Afaan Oromoo afaan feederaalaa taasiisuu,
Finfinnee keessatti mirga Afaan Oromoo dubbachuu dhugoomsuu, qonnaan
bultoota naannawa Finfinnee jiran kan lafa isaaniirraa buqqa’aniif
mana ijaaruu kan jedhuu dha.
Keessumaa ergamtichi maqaaf ministeera muummee jedhamu H/Dassaalanyi
ennaa waltajjiitti bahee waan jedhi jedhaniin buufu akka dhuma
Fulbaanaa  bara 2016 irraa eegalee yeroo paarlaamaan hojii jalqabutti
jijjirama bu’uuraa fiduu fi abbootii aangoo muuduu fi hariyuu ykn akka
IHADG jijjirama guddaa of haaromsuu gaggeessu dubbateera. Ykn
hololeera. Ministeerri kominikeeshinii Tigricha Getaachoo Raddaatiin
hogganamus kanuma irra deddeebi’ee afarsaa jira.Akkuma eenyuufuu ifa
ta’uu danda’utti hololii kun ammoo holola Oromoo qabsoorra jiru
fayyaduuf uumame osoo hin ta’iin, holola qabsoo Oromoo gufachiisuuf,
warraaqsa finiinaa jiru dhaabuun umrii sirnichaa dheereessuuf
hololame, holola damma fakkaatee summiin keessa awwaalameedha. Summii
dammaan makaa akkuma jedhamu sani.
Hololii karaa ergamticha H/Dassaalanysi  haa ta’u karaa jaleewwan
isaaniitiin gaggeeffamu kun  dhugaa dubbachuuf holola waan haaraa of
keessaa qabuu miti. Gabaabumatti hololli Wayyaanootaa  sirba moofaa
kaasseta ykn siidii haaraatti waraabuun tokko jechuutu danda’ama.
Holollii  “Afaan Oromoo afaan feederaalaat goona, warra naannawa
Finfinneeetii buqa’aniif beenyaa kaffalla ykn mana ijaarra jedhamu kun
holola umrii bittaa fi saamichaa dheereffachuuf qophaaweedha.
Hololumti kun  holola dhugaati,dhugumaaanuu wayyaaneen Afaan Oromoo
afaan feederaalaa goote, qonnaan bultoota Oromoo naannawa Finfinnee
jiraniif kondoominiyeemii ijaarte osoo jedhamee  as keessa wanti
haaraan gaafii Oromootiin wal qabatu maaltu jira.  Oromoon kan jechaa
jiru, kan qabsoo walirraa hin cinne finiinsaa jiru  hiree isaa ofiin
murteeffachuufi, ummanni hiree isaa ofiin murteeffate ykn murteeffatu
ammoo gaafiin afaanii, gaafiin qonnaan bulaas haa ta’u dhimmoonni
biroon achi keessatti deebii akka argatu ni beeka. Dhugaan jirus
kanuma.
Namoonni  tarii waan wayyaaneen holotu kun akka waan jijjiramni addaa
dhufeetti fudhatan yoo jiraataniif  dursa kan of gaafachuu qaban
Wayyaaneen eenyu,..? waan maal taateef  wayyaaneen  hiree  ummata
Oromoo ishiin murteessit, ykn mirgoota uumamaa fi dimookiraasii  isaa
qunxurtee.. qunxurtee har’a kana.. boru san isinii deebise ykn isiniif
deebisuufan jira jetti..? eenyutu Wayyaanee murna weerartuu
Tigraayirraa dhuftee, humnaan biyya Oromoo qabattee saamaa jirtu
qoodduu mirgoota sabootaa, keessumaa kan Oromoo ishii  taasiise..?
Afaan Oromoo wayyaaneetu  qabsaaweeUmmata Oroomoof fidee…?   Manni
qonnaan bultoota  Oromoo naannawa Finfinnee jiraniif  nan ijaara yeroo
jettu, duraan maaf diigde?
Ilmaan Oromoo  Kanneen qayee keenyarraa hin buqqaanu jechuun
wareegaman hoo ….. dhiigni isaanii dhiiga saree abbaa hin qabneeti…?
Kanneen  dhiittaa mirgaa sirna kanaa baqatanii galaanaaf gammoojjitti
dhumaniif  hoo eenyu itti haa gafaatama…?  Keessumaa Ilmaan Oromoo
baatilee 9n darban keessatti qofa  Aga’aaziidhaan ajjeefaman kanneen
1000 olitti  tilmaamanii fi kumoota kurnootaan mana hidhaatti
mankaraaraniif eenyu kan itti gaafatamu… moo Afaan Oromoo Shaggar
keessatti dubbachuun gumaan isaanii awwaalamee hafa..?    Gaafileen
kunneen gaafii akka qoosaatti bira taramuu miti.  Maaliif jennaan
Oromoon qabsoo walii gala isa bilisoomsuuf qabsaawaa, du’aa dararamaa
jira malee gafilee amma wayyaaneen deebii itti kennuufan jira jettee
hololtu kana qofaafii miti. Kun waan hin fakkaanneedha; of
gowwoosmuudhasi, ammaan achi amma gaafiin mirga abbaa biyyummaa
ummanni Oromoo irratti wareegamaa jiru galma gahutti  sobaa fi
sossobbaa xixiqqoon  wanti bira taramu hin jiru. Wayyaanees aangoorra
hin bubbulchu.
Hololuun, ummata Oromoo sobuu fi soossobuuf yaaluun kun gadhummaa
sirnichaa, dhiphuu hamaa keessa seenuu TPLF caalaatti  argiisiisuu
caalaa  furmaata waaraa hin ta’u. Oromoon kanaan sobamuu fi sossobamus
hin jiru. Qabsaawaan Oromoo kamuus kan hubachuu qabu afaan, duudhaa,
seenaa fi eenymmaa Oromoo akkasumas   abbaan biyyummaa qonnaan
bultoota naannawa Finfinnees ta’e gutuu Oromiyaa kan deebii argatu
gaafa Wayyaanee gabroonfattuu fi saamtuun Tigraayirraa dhufte
gateettii ummata Oromoorraa buuteedha. Kan irratti xiyyeeffachuu
qabamus suphaa fakkeessii, holola sobaa saamtuu fi weertuun
gaggeeffamu osoo hin ta’iin, qabsoo keenya finiinaa jiruurratti.
Qabsoo keenya finiinsinee itti fufnaan gaafii maraafuuu deebii waaraa,
furmaati  xumuraa ni argama. Kanaafuu qabsoo keenya FXG eegalle haa
finiinsinuun dhaamsa ijoo fi fardiidha!.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago