Abdii Boruutiin
Gaafii akka mata-dureetti dhiyeesse kanarratti yaada kiyya otuu hin ibsin dura waa lama galateeffachuun barbaada. Inni Tokko Waldaan Qorannoo Oromoo (WQOn) ykn OSAn erga ijaaramee kaasee haa xinnaatan haa baay’atan hojiilee nama boonsisan hojjechaa jiranillee, tattaaffii isaan yeroo ammaa godhan kan caalaatti nama gammchiisuu dha. Keessumaayuu bara kana keessa WQOn Abbootii Gadaa affeeruudhaan akka isaan waayee sirna gadaa uummata keenyaaf ibsan ykn barsiisan godhuun baay’ee waan nama boonsisuu dha. Inni biraa ammoo, kanuma wajjin walqabatee, ibsa Abbootiin Gadaa kan akka Abbaa Gadaa Gujii duraanii Aagaa Xanxanoo fi Abbaa Gadaa Tuulamaa Bayyanaa Sanbatoo kennan dha. Keessumaayuu ibsa Abbaa Gadaa Tuulamaa Bayyanaa Sanbatoo dhiyookana Waashiingitan DCtti uummataaf godhan daawwadheen itti gammade. Kan na gammachiisee ammoo Sirna Gadaa Tuulama deebisanii ijaaruuf hojii cimaa dalagaa akka jiran beeksisuu isaanii ti. Kun hojii Oromummaa cimsu waan ta’eef, uummatni Oromoo hojii kanatti gammaduu fi ittin boonuullee qaba jedheen amana.
Haa ta’u malee, gara dhimma gaafii natti ta’eetti deebi’uudhaaf, wantan haasawa Abbaa Gadaa Bayyanaarraa hubadhe tokko natty hin tolle. Waan isaan dubbatan sun badaa dha jechuu kiyya otuu hin taane, kan isaan jedhan waan haala yeroo ammaa wajjin deemu natti fakkaachuu dide. Tokkoffaa, “Nuti mootummaa hin tuqnu; mootummaanis nu hin tuqu…” jechuun yaada gara garaa keessa nama seensisa. Mootummaan Wayyaanee waan Oromummaa calaqqisu tokko yoo arge ykn dhagaye, sababa hinjirre itti uumee namoota hojii Oromummaa cimsu hojjetan diina godhatee adaba. Kanaaf, mootummichi kun akkamitti warra sirna Gadaa deebisanii ijaaruurratti tattaaffi godhan kana callisee ilaala? Hojii kana keessatti wanti Wayyaanee wajjin walitti nama buusu jiraachuu hin maluu? Yoo jiraate ammoo mootummaa fi jarri kun akka wal hin tuqne kan godhu maali? “Mootummaas affeerree waliin haasofna; isaanis akkasuma nu yaamanii nu wajjin haasu…” yoo jedhan, waliigalteen isaan qaban maali?
Lammaffaa, Abbaa Gadaa Bayyanaan Bushooftuutti lafa kaaree meetira kuma soddomii shan (35,000m2) akka qaban himanii jiru. Isaan Abbaa Gadaa Tuulamaa dhiisii alagaa fi diinnuu kan kana caalu waan qabaniif, Oromoon tokko biyya ofiirratti abbaa qabeenyaa ta’uun waan nama gammachiisuu dha. Abbaa Gadaa Bayyanaa qonnaan bultoota lafa isaaniirraa buqqisuun sirrii miti jedhanillee, karaa biraatiin garuu, lafa namootaa hiruu kana waan balaaleffatan hin fakkaatan. Waayee bittaa fi gurgursaa lafaa akka misoomaatti waan ilaalan natti fakkaatu. Maqaa misoomaatiin Oromiyaan teenya cicciramtee gurguramaa jiraachuun waan isaan yaaddessu natti hin fakkaatu. Misoomni akkanaa kun deeggaramuu qaba; isin warri biyya alaa jiratnillee koottaa irratti hirmaadhaa jedhanii dhaamsa dabarsuu waan barbaadan natti fakkaatu. Kana ammoo waanuma Wayyaaneen godhaa turte fi ammas itti jirtu dha. Kanaaf, wanti mootummaa Wayyaanee wajjin walitti isaan hin buusne, waan dhimma tokko waliin qabanii fi deeggaraniif ta’inaa laata? Dhugumatti walaba ta’anii hojjechaa jiru moo waan Wayyaanee gammachiisu tokko hojjetanii sababa kanaan nuti mootummaa wajiin wal hin tuqunu jedhu?
Abbaa Gadaa Gujii duraanii Aagaa Xanxanoos gaafii fi deebii OMN waliin godhani irratti akkan hubadhetti dhaamsuma walfakkaataa dabarsanii turan. Oromiyaa teenya keessatti, dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’aa fi lafeen isaanii caccabaa yeroo jirtu kanatti; yeroo alagaa fi diinni qabeenyarratti qabeenya dabalachaa sooramaa deemani fi uummannni keenya ammoo yoomiyyuu caalaa beela fi gadadoo keessa yeroo jirutti; waayee misoomaa haasawuun waan waliin deemu natti hin fakkaatu. Fakkeenyaaf haa jennuu, waayeen Maasatar Plaanii Finfinnee, kan eenyummaa keenya balleessuuf karoorfatame kun; kan Wayyaaneen akka misoomaatti odeessaa Oromummaa balleessuuf deemaa jirtu kun hunduu akka misoomaatti fudhatama jechuu dhaa? Asirratti wantin dubbistoota barreeffama kiyyaa hubachiisuu barbaadu, Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoo waayee kana ni deeggaru jechuu kiyya akka hin taanee dha. Nagaa isaaniitiif gaarii akka hin taane waan beekamuuf, waayee kanarratti yaada kennuun akka isaanirraa hin eegamnes naaf gala. Garuu kan shakkii namatti uumu walumaagalatti yeroon ammaa yeroo Sabboonaan tokko yeroo misoomaati jedhee dubbatu ykn dhaamsa dabarsu waan hin taaneefi.
Egaa, Abbootiin Gadaa keenya Wayyaaneerra walaba ta’anii hojii boonsaa dalaguu kan danda’an yoo ta’e, kun dhugumatti jijjiirama guddaa dha. Diina jala taa’anii sirna Gadaa, sirna Oromummaa hundeessu fi cimsu deebisanii ijaaruun egeree Oromiyaafillee bu’ura gaarii dha jedheen yaada. Haa ta’u malee, hojiin akkanaa kun Wayyeenee wajjin kan walitti nama hin buusisne yoo ta’e, Oromummaarratti duuluun Wayyaanee waan nama shakkisiisu ta’inaa laata jedheen ofgaafadha? Waanuma ta’eefuu, Abbootii Gadaa keenyaaf Waaqayyo/Rabbi fayyaa fi umurii dheeraa isaanii kennee; karoora isaanii, karoora Sirna Gadaa deebisanii dagaagsuu, kana akka bakka hawwameen gahan isaan haa gargaaru. Abbaa Gadaa Tuulmaa Bayyanaa Sanbatoos hojii boonsaa dalagaa jiran kana milkiidhaan xumuranii Sirna Gadaa deebisanii Oromiyaa guutuutti akka ijaaran abdii guddaan qaba. Eenyummaan Oromoo haa guddatu; Oromummaan haa dagaagu! Tokkummaan ilmaan Oromoo hin laafini!
Galatoomaa.
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…