Ayyaanni gootota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan bara 2015 kaleess gafa 17/01/15 magalaa guddittii Ayerlaan Dabliin keessatti haala howwaa fi gammachiisaan kabajamee ooleera. Uummatinii Oromoo fi sablammii biro ABO deggerani fi miseenso ABO magalaatota fagoo adda addaa irra dhufuun abdiif gaachana isaanii kan tae WBO faarfachaa waliin olaaniru.
Haala gidraa yeroo amma uummatini oromoo keessa jiru kan dhabamsiisuu dandau gaachana uummataa Oromoo kan tae kofa akka tae hubbantanii waan danda’ame hundaan akka bira dhaabbatani Jaal Dibaabaa Tafassaa ibsi bal’aa kan kennan yeroo tau, itti dabaluunis hunbannoon fi dammaqiinsi uummatni Oromoo amma qabu gammachiisaa fi qobsoo bilisumaa fininsuuf haala mijataa akka taef ilbisaniiru.
Oromoonnii if sablammii biroo waaee Oromoo akka gaariitti akka hubatani seenaa Oromoo fi haala siyaasa Empire Itoopiyaa akka dubbisanii fi hordofani dhaamsi dablataa namoota dhufaniif kennaameera.
Warri ayyana kana irraatti qooda fudhatani waloonis taee nam-tokkeen WBO waan danda’aan hundaan akka gargaaraan yaada isaanii ibsachaa oolaniru. Alaabaaa ABO qabatanii sirba, faaruu qabsoo fi faaruu tokkumaa Oromoo waliin faarfachaa ooluun ayyaanicha haala gammachiisaan waliin kabajachaa oolaniiru.
Oromiyaan Ni Bilisoomiti
Diinni ishee ni barbadoofti
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…