Waxabajjii 10, 2013 (Oromo Press) – Obbo Mardaasaa Addisuu baqattoota Oromoo biyyoota Kaaba Aafrikaa, Gaanfa Aafrikaafi Arabaa keessatti gargaaruudhaan muuxannoo waggaa baayyee nama qabu. Muuxanoo hojii namoomaa (humanitarian) isaarraa nuuf hira.
Dowwii kana keechatti, Obbo Mardaasaa Aaddisuu waliin rakkooleen baqattoota Oromoorra Kaabaafi Gaanfa Afrikaatti gahaa ture/jiru maal akka fakkaatan gadifageenyaan laalla. Keechumattuu, yeroo dhiyoo keecha Liibiyaafi Tuuniziyaa irraa baqatoota Oromoo haga tokko biyya sadaffaa keessa qubachiisuurratti milikii ykn bu’aa argame nuuf ibsa, Obbo Mardaasaan. Akkuma beekkamu oggaa sadi duraa eegalee sochiin farra-mootummoota abbaalee-irree Tuuniiziyaa, Liibiyaafi Masirii keessatti ta’uun isaa niyaadatama. Sochileefi wal-waraansonni sunneen ummatootuma biyyoota kanneenituu daran miidhe.
Baqattoonni Oromoos miidhaa sanarraa hinhafine. Dhimmoota isaan hinilaalle keeyisatti miidhamani. Baqattoonni Oromoo mormitoota, mootumoota akkasumas saboota biyya Kabaa Aafrikaatiin aleellaan gurgurddoon irra gahaa ture/jira. Baqattoonni Oromoo Oromummaa isaanitiin, biyya Tophiyaatii dhufan jedhamuudhaafi, gurraachumaa isaanitiin soqamanii rukutamaa as gahani.
–For full report click Oromo Press
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…