Categories: Oduu Addunyaa

Bulchoota Baankii Biyya Alaatti Horii Dhoffatan Irratti Beekan Keessaa Tokko,Muummeen Ministera Iceland Yahujii Irraa Bu’e

Muummee ministera ICELAND, Sigmundur David

Gaazexeessitotii biyya hedduu gaazexaa Jermenii tokkollee gargaara itti argatanii bulchoota,abbootii siyaasaa,daldaltootaa fi warra seera malee biyya alaatti hori dhoffate jedhan qorachaa bahan. Bulchoota Afrikaa,Indii,Chaayinaa fi lafa hedduutti dubbii tanaan himatame.

Gaazexeessitotii tun maqaa jara kanaatii fi waan isaan hojajtan jedhan galmee dhossaa miliyoona 11 caaltu ta Panama Papres jehdan irratti gama dhaaba seeraa biyya Paanaamaa jiruutiin baasan.

Warrii dubbiin tun irratti beekamuf deemtu hedduu.Namuu badii ufii diduuf wareeruutti jira.Awurooppaa,Amerikaa haga Eezhiyaa dubbiin horii qaban baankii biyya alaati dhoffatan jettu nama hedduu tuxxi fakkaatti.

Walumattuu bulchootaa fi dhaabbilee 143 fi bulchoota 12 amma hujii irra jiranitti keessa jira.Jari kun hagii tokko qaraxa baasuu diduu fi kaan ammoo akka yoo jari wa balleessee horiin irra hin qabamne horiin isaanii hin qabamne biyya alaatti tuulata.

Ummatii Ayis Laandi(ICELAND) muummeen misnitera isaanii Sigmundur David Gunnlaugsson warra horii biyya alaatti dhoffate keessaa tokko jedhee hiriira itti bahe.Minsiterilleen qaata hujii irraa bu’e.

Indii keessaa ammoo abbootii siyaasaa, bulchoota,daldaltootaa fi nama 500 dubbii tanan himatan.Muummeen minsitera Indii Shri Narendra Modi akka bulchootii isaanii warra horii biyya alaatti dhoffate jedhan jabeessanii qoratan hajaje.

Chaaynaa ammoo akka dubbiin tun gadi hin baane dhossuutit jirti.Chaaynaatti itti gaafatamtoota biyya sunii gugurdoo sadeetitti tanaan himatame.Kana keessaa tokko soddaa pirezidaantii Chaayinaa Xi Jinping ti.

Akka odeeffannoon tun marsa iantenertii isaaniillee irratti hin baanellee marsaa interneetii fi Socila Media,sab-qunnamtillee cufatte Chaaynaan.

Bulchoota Afrikaa galmee Panama Papers keessatti argan:

Afrikaa keessallee nama hedduutti horii biyya alaatti dhoffate jedhanii maqaan isaaii galmee Panama Papers irratti beekame.

Kana keessaa tokkoo soddaa pirezidanatii Afrikaa Kibbaa, Jaakoob Zuumaa, obboleeyyan lakkoolee pirezidaantii DRC, Koongo Dimookiraatittii, Joseph Kabila, bulcha goinda Naayjeeriyaa Delta zayitii beekamtuu ka amma hidhaa jiruu,minsitera Petrooliyeemii Angoolaa fa.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago