Oduu Addunyaa

Abboota Sinodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammiin beekamtii dhowwamte

Hoji Geggeessaan Mana Lubummaa Aanaa Shaashamannee,
Malaaka Gannat Luba Habtaamuu, Adeemsa Anatu isiniif beekaa
Sinodoosiin Bataskaana Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa Oromiyaa
irratti hordofaa jiru balaaleffatan.

Sinodoosichi Abboota Sinodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammiin Kutaalee
Lallabaa Oromiyaaf muudaman beekamtii dhowwamte, namoota uummata biratti
fudhatama hin arganne muudee bobbaasuuf yaalaa jira, adeemsi kun fudhatama
hin qabu jedhan.

Keessumaa kutaa Lallabaa Arsii Lixaatti nama uummata Oromoo biratti
fudhatama hin qabne Abuna Naatinaa’el ramaduun isiniif ergineerraa
simadhaa nuun jechaa jira, Abbaan Oromoo kutaa biraaf hin taane nuufis
Abbaa ta’uuf hin danda’u, Nama ergama isaanii dagatanii Sirna Minilik nutti
leellisu hin barbaannu jedhan.

Hordoftooti Amantichaa tokkummaan murtoo kana qolachuuf qaama mootummaa
beeksisanii sochii jabaa gochaa jiraachuus ibsaniiru.

Sinodoosiin Bataskaana Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa Muudama
Phaaphaasota 25 Sinodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammiitiin kana
dura raawwatame beekamtii dhowwatee Kutaalee Lallabaa Oromiyaa irratti
Namoota ofiif fedhu qofa muuduu hordofee mormiin jabaan irratti dhagahamaa jira.

Sinodoosichi muudama dhiheenya raawwate kanaan cinatti Namoota Uummata
biratti fudhatama hin qabne humnaan Kutaalee Oromiyaa garaagaraatti
ramaduun faallaa fedhii uummataa tarkanfachuu isaatiin Geggeessitootaa fi
Hordoftoonni Amantichaa dabalatee uummata Oromoo irraa mormiin dhagahamu
jabaateera.

Murtoowwan Sinodoosichaa dheekkamsa jabaa hordofsiisaa jiran keessaa ramaddiin
Abuna Naatinaa’el isa tokko wayita tahu, Namni kun Mormii jabaa Kutaa Lallabaa
Shawaa Lixaatti isaan mudateen booda Kutaa Lallabaa Arsii Lixaa akka hooggananiif dhiheenya kana ramadamuutu dhagahame. Namni kun kana dura irra deddeebiin ergama isaanii dagatanii Minilik
Leellisuun tuffii uummata Oromoof qaban ifatti calaqqisiisaa turaniiru,
Abbaa Minilikiin nutti faarsu hin feenu jedhu Hordoftoonnii fi
Geggeessitooti amantichaa.

Sinodoosiin Batsakaana Ortodoksii Itoophiyaa adeemsa anatu siif beekaan
Abbaa Uummata Oromoo biratti fudhatama hin qabne nuuf ramadee simadhaa nuun
jechaa jira kan jedhan Hoji Geggeessaan Mana Lubummaa Aanaa Shaashamannee,
Malaaka Gannat Luba Habtaamuu Abbaa Minilikiin nutti leellisu hin barbaannu
jedhan. Diinummaan Sirni Minilik Hawaasa Arsii fi Oromoo waliigalaa biratti
qabu osoo beekamuu, nama Minilikiin leellisu nutti ramaduun kaayyoonsaa
nuuf hin galle kan jedhan Lubni Habtaamuu, Abbaan Oromoo isa kaaniif hin
taane nuufis hin ta’u, dhimmichi cimsinee kan balaaleffannudha jedhu.
Murtoo dabaa raawwatame kana qolachuuf hawaasa Godinichaa qindeessuun
qaama mootummaa beeksisanii sochiitti jiraachuus ibsan.

Abboota gaaffii Uummata keenyaa deebisuuf danda’anii fi hawaasa keenya
birattis fudhatama guddaa qaban Sinodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammiitiin
muudaman qabna, isaaniin alatti qaama kamiinuu hin simannu kan jedhan Hoji
Geggeessaan Mana Lubummaa Aanaa Shaashamannee, Malaaka Gannat Luba Habtaamuu,
mootummaanis uummannis murtoo kana nuuf hubachuu qaba jedhu.

Abbooti uggurarra jiran walabummaan socho’anii kutaa lallabaa
Sinodoosiin Oromiyaa fi Sabaaf Sablammii itti ramadetti imaluun
tajaajila isaanii akka itti fufaniif deeggarsi barbaachisu akka taasifamu
gaafataniiru.

Maddi: OMN

bilisummaa

Recent Posts

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do…

3 weeks ago

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people…

3 weeks ago

The Impact of Slogan Change on the Oromo People’s Struggle for Independence

Deebitee Kootee Bilisoo October 25, 2023     Note that a political slogan stands for a cause.…

1 month ago

Fano: The Anti-Oromo Amhara fascist Paramilitary Extremist Militia Organization

October 17, 2023 Mallisee Fatansaa Sulee    Recently, a chorus of diaspora Amhara social media, the…

1 month ago

The Oromo Struggle: Unfinished Mission and Unintended Consequences

September 26, 2023 Deebitee Kootee Billisoo During the Abyssinian War of the conquest of Oromia,…

2 months ago

Dr. Yoonaas Birruu, the Mirror Image of Crimes of Genocide Menelik and Haile Selassie Committed Against the Oromo People

Fatansaa Sulee Shogodoo September 20, 2023 As it is clear from hateful and Oromo phobia…

2 months ago