Categories: Oduu Addunyaa

Dawwannaan Prezdaanti Ameerikaa Obamaa biyyoota Afrikaa lamaanii ergaa ciccimoo if keessaa qaba jedhu

Pirezdaantii  Obaamaa fi Buna Oromiyaa.

Daawwannaan Pirezdentin Ameerikaa  Obaamaan Biyyoota Afrikaa Bahaa keeysaa murteeyssitoota tahan lama jechuun Keenyaa fi Toophiyaa keeysatti raawwata jiru ija siyaasaa fi diinaggeeyin wayta laalamu ergaa sadii ciccimo of keeysaa qaba.

1. Biyyi Chaayinaa qunnamtii Afrikaa waliin qabduu laalchisee suuta suuta qeenssa irraa ciruu, keeyssaafuu Toophiyaa fi Keeniyaa keeyssatti ol Aantummaan Ameerikaa qoftiin akka calaqqisu godhuu dandeyuu fi irratti hojjachu keeyssatti hirmaachuu biyya Ameerikaa agarsiisuf tattaafachuu .

Biyyoonni Afrikaa akka wali-galaatti biyya Ameerikaa waliin qunnamtii qaban gara diinaggeeyi fi siyaasaatiin ol guddisuu irratti hojjachuu yoo dandeyame Afrikaa fi Chaaynaa wal afaan kaayu.

2. Ajendaan Ameerikaa inni lammadaa biyya Misraa ykn Ejiiptii Afrikaa keeyssatti of deebisuuf tattaaffii hogganoottiin Misra godhaa jiran kana bakka dhabsiisuu fi  hidhaa laga abbayyaa laalchisee hujii ijaarsa kanaaf Toophiyaa  keeyssatti deemaa jiru deeggaruu fi dinqisiisachuu bira kuttee biyyi Ameerikaa akka hujii dhunfaa isiitti toohachaa jiraachuun isi kuni hegereen biyya Masrii harka Toophiyaatti galtee ajajni Kaayroo ittiin bultu Finfinnerraa bahuufi qaba ajendaa ja’utuu lafa kaayame xaxamaa jira. Daawwannaa Prezdaantii Obaamaa kanaan hujjitti hiikamuuf jiraata.

3. Ergaan Sadaffaa daawwannaan Prezdaanti Obaamaa tuni of keeyssa qabdu, biyyi Qatar maallaqa isiitiin biyyota Aftikaa gara garaa keeyssatti hujii daangaa hin qabne ofaa jirtu kuni fedhiifii ejjannaa biyya Ameerikaa waliin hin deemu taanaan qennsi shekkoota warra Qatar kan kukkutamuuf jiraatu tahuu itti himuu of keeyssa qaba daawwannaan Afrikaa Bahaatti Prezdaanti Obaamaan raawwataa jiru kuni.

Torbee Daawwannaan Prezdaanti  Obaamaa kuni Keeniyaa fi Toophiyaa keeyssatti gad-geeyfamuuf qophiin xumuramaa jiru kanatti magaalaa mummitti biyya Sumaalee Mugdishoon Hoteelaa Al-Jaziiraa ja’amu keeyssatti dhoohinsa dhooheen hojjattoota embaasii Chaaynaa, embaasii Masrii fii  embaasii Qatar irratti raawwatameen qabeenya embaasii sadeeni irraa midhaan guddaan geyuufii lammiin Chaaynaa tokkoos kan madaawee tahuun hubatamee jira.

Rukuttaan yeroo duraatiif hojjattoota embaasii yookin qusula Chaaynaa fi Masrii akkasuma, qusula Qatar irratti fudhatame kuni ergaa hedduu of keeyssaa qaba jechuu keeyssa beeytoonni fi hayyoonni dhimma Afrikaa fi Ameerikaa dubbachaa jiru.

Kana hunda caalaa hoggantoota Afrikaa Bahaa irraa Umer Al-Bashirillee dabalate iddoo Gola Tokkummaa Afrikaa keeyssatti Prezdaanti Obaamaa waliin wal Arganii wal-marihachaa turanitti Prezdaanti Masrii Abdul-fattaah Al-Sisiin sirnicha marii hoggantoota Afrikaa kana keeyssaa hanbisuun isaanii biyya Misraaf ergaa guddaa qaba.

Gaazexeyssaa fi xinxalaa
Siyaasaa Arabaa
Abdusalaam Sute

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

10 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

10 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

10 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

10 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

1 year ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

1 year ago