Categories: Oduu OromiyaaSiyaasaa

Gootni Kufuus Gootaan Bakka Bu’a !

Bu’ureeffamuu Qabsoo Bilisummaa Oromoo keeysatti Utubaa Qabsoo kan tahan Qabsaawaa Injiinar Abdullaahii Luungoo bakka bu’aa Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa tahuun Muudamanii Barcuma kabajaa dhunfatanii jiran.

IBSA DHAABA ULFO/THBO IRRAA KENNAME

Sooreysi Q.B.O hangafticha qabsaawaa Injiinar Abdullaahii Luungoo akkuma hurreen gabrummaa Ummata Oromiyaa (golgiteen) gumgummii fii alaan ala sabaa gara qabsootti kan jijjiiran hangafoota Qeeyroo ganamaa keeysaa nama tokko turan. Gameeysi kun Gootota Qeeyroo ganamaa keeysatti Utubaa tahuu daran nama gootummaa fii arjummaa daangaa hin qabne waaqarraa badhaafame tahuun nama beekkamaniidha. hangaftichi kun baha oromiyaa konyaa Gaara mul\’ataatti kan dhalatan yoo tahu akkuma umrii dargaggummaa gayaniin hacuuccaa fii roorroo saba isaarrtti habashoonni Oofan obsuu dadhabuun ifirratti murteeysanii kan jalqaban keeysaa nama duraati.
Hundumaa ol firii Q.B.O gadi dhaabanii biqilchuun human waraana Bilisummaa Oromiyaa (W.B.O) kan jalqabaa dirree bahaa irratti hundeeysuuf tattaafatanii ittiis milkaawanii turan goota gameeysa jalqabaati. Injiinar Abdullaahii Luungoo gaafa Sooreysi Jaarraa Abbaa Gadaa murna duraatiin meeshaalee hidhannoo fe\’atanii biyya Arabaarraa ka\’uun garba hindii qaxxaamuranii biyya somaaliyaa keeysatti hidhaman isaan dura hidhamanii mana hidhaa keeysa turan. Erga Sooreysi Jaarraa Abbaa Gadaafaan isaanitti dabalamanii bara shanii ol mana hidhaa iddoo \’\’man-dheeraa\’\’ keeysa waliin turan. Injiinar Abdullaahii Luungoo seenaa mana hidhaa keeysatti dabarsan kanaan waahillan isaarraa wanni adda isaan taasisu tokko haadha warra /mana/ isaanii waliin hidhamanii achuma mana hidhaa man-dheeraa keeysatti ilmoon isaaniif dhalachuu isaaniiti. Yeroo dheeraaf hidhamanii akkuma bahaniin meeshaalee qabsoof isaan barbaachisu hunda horii ifiitiin qopheeysanii dargaggoota jaaranii murna murnaaan gara dirree waraanaatti ergaa turan.
Gootichi Injiinar Abdullaahii Luungoo nama kaayyoo ifirratti cichu tahuu fii kan irraa hin deebine tahuun waan hubatameef mootummaan ‘Somaaliyaa yeroo gabaabaa keeysatti biyya somaaliyaa gadi lakkisanii (gadi dhiisanii) akka bahan labsii hatattamaa irratti labsee ture\’\’. Yeruma sanitti gara dooginyoo (embaasii) biyya sa\’uudii Arabiyaatti kan magaalaa maqdishoo jiru deemanii (dhaqanii) Dahannoo siyaasaa gaafatan argatanii turan. Kana dooda jireenya maatii isaaniitiif wabii kan tahu gara biyya sa\’uudi arabiyaatti jijjiirrachuuf dirqamanii turan. kana boodaas qabsoo jalqaban itti fufsiisuuf hujii diplomaasii jabaa hojjatanii bu\’aa gaarii argamsiisaa turan.
Akka carraa tahee garaa garummaa ilaalchaa dhaaba A.B.O keeysatti dhalateen fottoqa Uumameef gar-malee jeeqamanii turan. Yeroo kanattiis Injiinar Abdullaahii Luungoo yaada araaraa qabatanii hoogganoota garee lamaanii kan tahan Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaatii fii Obbo Leencoo Lataa jidutti walii galtee Uumuuf sochii cimaa godhaa turan.
Eegaa gameeysi kun Q.B.O keeysatti nama waan hundaa ol jaalata biyyaa qabaachuun arjaa fii goota daaddaa (hiriyaa) hin qabne tahuun nama beekkamuudha. Kunoo sooreysi Q.B.O tiif utubaa tahan kun yeroo gadda Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaatii kaasee marii kutaalee hawaasaa kan yeroo muraasaatiin booda bakka Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa bu\’anii muudamuun Sooreysa Q.B.O tahuun Barcuma kabajaa dhunfatanii jiran. Sooreysi kun yeroo muudama isaanii kanatti dubbii dubbataniin << Dhaabbiileen siyaasa Oromoo hundinuu Carraa kanatti fayyadamanii garaagarummaa ilaalchaa kan yeroo dheeraaf isaan jidduu ture balleeysuuf ykn dhabamsiisuuf yeroon amma. Yoo dadhabamellee Rakkoolee xixiqqoof jecha dhimma ijoo tahe akka hin balleeysine dhaamanii jiran. Dhimma ijoo tahe qofa irratti waliif galuun Lammiilee qulqulluu diinaan dhumaa jiranii fi Qabeenya Oromiyaa kan saamamaa jiruuf quuqamanii waliif tumsuu qabu, kana goonaan yoo Rabbiin ( Waaqni) fedhe yeroo dhihotti injifannoo gonfachuun akka danda\’aamu dhaamsa kiyya dabarsa >> jechuun dhaamsa isaanii xumuranii jiran.
Dhaamsa Sooreysa Oromiyaa haaraya kana ilaalchisee Hoogganni dhaaba ULFO / THBO gama isaatiin, gameeysi keenya Injiinar Abdullaahii Luungoo yeroo dhaloonni haaraynii Q.B.O dhunfate kanatti Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa bakka bu\’anii Sooreysa Oromiyaa tahuu isaaniitti hedduu kan gammadu tahuu ibsee jira. Nutiis dhaabnii ULFO/THBO mijjaa fii qajeelfama Sooreysa keenyaa kana hordofuun hanga Bilisummaan Ummataa fii Walabummaan biyya Oromiyaa dhugoomutti qabsoo jalqabne kan itti fufnu tahuu keenya Lammiilee Oromiyaa hundaaf ibsina.
Gameeysa qeeyroo ganamaa kan tahe Sooreysa Oromiyaa Injiinar Abdullaahii Luungoo yeroo gabaaba keeysatti injifannoo hawwamaa ture arganii bakka gootota wareegamanii bu\’uun bilisummaa fii walabummaa Oromiyaa akka Eeybisan kan hawwu tahuu ibsuudhaan sirni muudamaa kun xumuramee jira.
Tokkummaan Humna !!
Oromiyaan Ni Walaboomti !!
KHR ULFO/THBO
Caamsaa 02/2013
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago