30.04.2014 18:32
WASHINGTON, DC — Kanneen bulchiisa naannoo Oromiyaa keessatti argaman manneen barnootaa sadarkaa ol’aanaa fi sadarkaa lammaa, walumaa-galatti 11 keessatti hiriirri mormii barattootaa akka babal’atee geggeessamaa jiru namoonni ijaan argan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jira
Har’a Shawaa Dhihaa, magaalaa Amboo keessatti hiriira mormii geggeessame irratti yoo xiqqaate namoonni ja’a du’uu fi ka biroo hedduun madaa’uu Koongiresni Federaalistii Oromoo gabaasaa VOAf ibsee jira.
Lubbuu namootaa har’a Ambootti dhabamee ala biilsaaleen sadii gubachuu isaanii, namoonni ijaan argan, telefoonaan, Raadiyyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.
Waa’ee hiriirawwan mormii Oromiyaa keessatti geggeessamaa jiruu fi walitti-bu’insoota itti fufanii uumaman ilaalchisee, mootummaa Bulchiisa Naannoo Oromiyaa fi Mootummaa Federaalaa irraa ibsi haga ammaatti kenname hin jiru.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…