Categories: Yaada

Hundeeffama Wagga Tokkoffa OMN moo kuffinsaa OMN wagga tokkoffa booda jedhama laata?

Ashama harka fuune jaallewan kiyya iddo jirtanittii Nageeyyi koo kan onnerra madduu isiin haa qaqabuu jecha yaada fi Oduu tokko isiniif dabarsuun barbaada. Dura otuu ijjoo dubbi kooti hin calqabiin, wa’ee OMN hin dubbadhuu jedheetani waada isiniif seene ture. Garuu waada san nan cabsa! Dhifamaa isiin gaafadha. Yaa ‪#‎Dhugaa‬ ‪#‎Baasi‬ keenyya waada nuuf galtee maaf cabsitaa jechuu keessan hin oolu.

Maal ree ijjoo dubbi kooti kan harra akkas jedha.

OMN ergaa hundeefamee wagga tokko guutera, anaafis ummata Oromoofis gammachuu gudda akka nuuf ta’ee ni ibsanna. Wagga tokko kana keessatti waa hedduutu dabarfamee. Isa guddan ammo, wa’ee rakkoole OMN kessa jiruu dha. Innis Journalist achii keessa hojjatuu mirga ykn dhiibba isaan irra gahama turee fi gahamaa jiruu. Bifa social Media dhan Oduun gara hawaasatti faffacha’ee ture. Gaazixeesan tokko akka jedheetti namnii nu hojjachiisa jiruu (technically Jawar) dha. Akkasumas hojiin raawwachiisa (Editorial Chief) ammo biyya Austraaliya waan jiruuf dhiibba heddutu nurra gahama jira. Yeroon nuuf aduun dhiitu Autraaliyati aduun baatii. Yeroo nuuf baatu ammo isaanif ni dhiitti kanaafu hojii sa’ati murtaa’een hojjachuun nama dhibaa. Hayyama nama Autraaliya jiruu eegachuu irra maaf asuma walumaan mariyanne hin hojjanne jechu dhan gaaffile gaggaafatan. Gaaffii kana waan gaafataniif Gaazixeesitoonni lama hojii irra ugguran. Gazixeessan Kadiro Elemo fi Ahmed Yasin ilaalcha adda qabdanii jechuu dhan akka hojittii hin deebine xalayaa barressanif turan.

Kana malees hojjata sagantaa Afaan Amaara OMN fi manager studio kessa kan ta’e Befiqadu Morada namoonni quuqama Oromoofi Oromumma qabuu ittii qosa ture. Kuniis dhiibba Gaazixeesitoota keenyya irra gahaa ture.

Guyya Kaleessa namnii kunii hojii isaa akka dhiise ragaale studio OMN kessarra nuuf hima jiru. Akkasumas Editorial Chief kan ta’ee Dr. Birhaanu Olaana Dirriba waggaa tokko booda hojii isaa dhiisera. Dr. Birhanuun ETV(EBC) keessa hojjata turee yoo ta’uu kan inni jiraatu biyya Austraaliyaa dha. Qeeqa Dr. Birhanu malee warri studio OMN kessa jiru hojii hojjachuu hin danda’amu. OMN erga hundeefame hanga amma Gaazixeesitoonni 2 hojii irraa uguraman yoo ta’uu Gaazixeesitoonni 3 hojii isaani dhiibba wan jiruuf fedhii isaanin hojii lakkisan.

Akka ilaalcha keessanitti wagga tokko keessa Gaazixeesitoota 5 dhabuun laaffina OMN akka ta’ee hubadha. Nutii hundinuu OMN guddatee sadarkaa adunyyatti akka calaqisuu barbaanna garuu haala kanaan yoo itti fufe OMN kuni hin kufa malee hin guddatu.

Rakko kana furuuf maaltu hojjatamuu qaba gaaffi sammu keessan kessa isiin ciinquu hin oolu. Hojii Raawwachiisa (Editorial Chief) biyya ameerika irra madduu qaba. Namnii tokko laga gama ta’ee laga asii kana hogganuu hin danda’uu kuni gonkumaa wan hin fakkaane. Kanaafu warri OMN wanta kana ciminaan itti hojjachuu qaba! Kan biras ammo Gaazixeesan tokko yeroo qacaramuu waada waraqa (contract) wagga 1 ykn 2 seenu qaba kun maaf barbaachisaa yoo yaaddan ta’ee. Namnii kontraata seene kontraata sana hanga dhumutti hojii isaa akka dhiisu hin hayyamamuf. Kunii jajjabinaa media kana guddisa. Namnii ammo otuu kontraatarra jiruu hojii irra ugguramee yoo jiraate nama saniif beenyyan(compensation) kafalamuuf qaba.

Hundaafu OMN akka jabaatuu barbaanna.
Hora Bula!

Waada koo cabsuu kootif ammo dhiifama!

bilisummaa

Recent Posts

OLLAA Comments on US Visit to Ethiopia

This past week, US Secretary of State Antony Blinken visited Ethiopia. During his visit, he met…

1 day ago

Shaakala barnoota Afaan Oromoo

Jecha sirrii faallaa maqibsaa tahe fili!

1 week ago

OLLAA & Word BEYOND War Launch Campaign For Peace in Southern Ethiopia

U.S. Secretary of State Antony Blinken's upcoming visit to Addis Ababa, Ethiopia on March 15…

1 week ago

A call on the Oromo elites to promote Oromo Extermination Memorial Day

By Leenjiso HoroMarch 13, 2023This call on the Oromo elites is to urge them to…

1 week ago

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef ergame hannaan gurguramaa jira.

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef geeffamaa ture gariin gara baadiyyaa dhaqqabaa hin jiru, kaan ammoo…

2 weeks ago

Oromo Orthodox Split: A Collision Between Politics and Faith

By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have…

3 weeks ago