Categories: Siyaasaa

Ibsa Gumii Sabaa ABO Tokkoomee

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Oromo Liberation Front (OLF)

IBSA GUMII SABAA ABO

Hoogganoota Ol’aanoo ABO Gadaa Darbee fi Kanneen Qondaalota Dhaabaa Sadarkaa Adda Addaa Irra

Turan ABO-tti Makaman:

Dhaabni keenna ABOn, falmaa qabsoo kan diina waliin godhamu jabinaan irra aanuuf, tokkummaa qabsaawotaa fi

mooraa qabsoo ABO kan sababaalee adda addaatiin haphatte deebisee jabeessuuf, akeeka kana hujii duraa godhatee

garaa kutannoon irratti hojjataa ture; ammas itti jira. Haga akeekni kun dhugoomee mooraan dhaaba keennaa bakkatti

deebituu fi jabaatutti tattaafiin kun ittuma fufee hojjatama.

Akkuma beekamu dhaabni ABO qabsoo bara dheeraa gochaa ture keessatti, qabsaawonni dhaaba kanaa tokkummaan,

jaalalaan, walii yaaduu fi hafuura jaallummaatiin akka waliin qabsaawaa turan beekamadha. Haa ta’u malee, baroota

kurna lamaan irra as dabarre kana sababaalee adda addaatiin gurmuun qabsaawota mooraa ABO haphataa fi faca’aa

dhufuun waanuma dirreetti mul’atuu fi nama yaachisuudha. Ta’uus, haala faca’iinsaa fi haphatinsa mooraa kanaa irra

aanuuf, akkasumaas tokkummaa fi humna miseensotaa cimsuuf hujiileen haga yoonaa hojjatamee fi milkiin irraa

argamees boonsaa fi abdachiisaadha.

Walgahii GS Gurraandhala 14, 2016 godhame irratti; Hoogganoonni Gumii Sabaa ABO (kanneen yeroo ammaa hujii

dhaabaa irra jiran) irratti; miseensonni ABO kanneen qaama hooggana gadaa dabree (Gumii Sabaa fi Shanee-Gumii),

akkasuma qondaalonnii fi ajajoonni sadarkaa adda addaatti gaafatama hujii dhaabaa irra turan, miseensonni ajajoota

WBO hedduu fi Miseensonni Gammeeyyiin ABO walgahicha kana irratti argamuun dhaaba isaanii ABO-tti deebi’uu fi

qooda qabsoo kan irraa eeggamu bahachuuf qophii ta’uu isaanii walgahicha duratti mirkanneessan. Hoogganoonni,

qondaalonni fi miseensonni kun, kanneen yeroo dheeraaf dhaaba ABO keessatti qabsaawuun wareega qaalii umrii isaanii

guutuu qabsoo kanaaf baasan waan ta’aniif, ar’allee dhaabaa fi qabsoo keessatti deebi’anii wareega barbaachisu baasuuf

qophii ta’uun isaanii kun nuu fi ummata keennaafillee injifannoo guddaa fi kan nu boonsu ta’ee argama.

Kanuma waliin haalli falmii abbaa biyyummaa kan yeroo ammaa Oromiyaa keessatti deemuu fi wareegni qaaliin ilmaan

keennaan baafamaa jiru kun kan nama teessisuu fi usaniituma hidhii xuuxxatan osoo hin taane, kan itti dirmatanii fi

dirqama lammummaa bahatan waan ta’eef, sochii kana maddii dhaabbachuuf mooraan ABO tokkoomuu fi jabaachuu

qaba. Isa kana dhugoomsuuf ammoo qoodni qabsaawotaa fi ummata Oromoo murteessaa waan ta’eef akka dhaabaa fi

qabsoo keessanitti dirmattan yaaminsa itti aanu kana qabsaawota Oromoo fi ummata Oromotiif goona.

Jaallan; miseensonni, qondaalonnii fi hoogganoonni ABO, kanneen qabsoo bilisummaa Oromoof godhamu keessatti

waliin hirmaanee falmaa yeroo dheeraa irratti dabarsine, kan sababaalee adda addaatiin dhaaba keessaa baatan, kan

dhaaba keessan ABO fi qabsoo ummata Oromoo osoo jaalatin dirqamtanii waan gootan dhabuun mana keessanitti

deebitanii taa’aa jirtan, akkasumaas, Qabsaawota Oromoo walii galatti yaaminsa lammummaa ABOn isiniif goona.

Miseensonni, Qondaalonni fi Hoogganoonni ABO yeroon dhaabaa fi qabsoo keessanitti deebitanii ummata keessaniif

dirmattan gahee jira. Kanaafuu dhaaba keessanitti deebitanii qooda akka lammummaa fi qabsaawotaatti isin irraa

eeggamuu akka gumaachitanii fi waliin qabsoofnu irra deebi’ee dhaabni keessan ABOn yaaminsa kabajaa fi ulfinaa

Yaa ummata Oromoo, haala diinni keenna gara-laafina tokko malee ilmaan keennaa qacalee mirga isaanii harka duwwaa

falmataa jiran irratti rasaasaa roobsaa jiru, kan ”kuni daa’ima, dubartii, maanguddoo, dadhabaa fi dhukkubsataadha

dhiisaa” osoo hin jenne hunda walitti qabee akka nama dirree lolaa irra jirutti duguuga sanyii irratti raawwaataa jiru kana

argaa fi dhagahaa jirta. Kanaafuu ustee hin taa’inii ka’i! Yeroon yeroo taa’aanii qabsoo wal irratti ilaalan waan hin ta’iniif

akka waan dandeettuun qabsoo kee maddii dhaabbatuu fi jajjabeessitu dhaabni keenna ABOn yaaminsa ulfinaa siif

Injifannoon Ummata Oromoof!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago