FRONT FOR INDEPENDENCE OF OROMIA (FIO)
Lakk : kwo-089-2016 Ref. No: fio-089-2016
Guyyaa,Amaj. 14,2016 Date : Jan. 14, 2016
“Qabsoon Ummata Oromoo haga Gaafin Abbaa Biyyummaa Saba Oromoo Guutuu Guututti Mirkanaayutti Cimee itti Fufa “- KWO/FIO.
Ibsa kallachi Walabummaa Oromiyaa –KWOn labsii OPDOn dhimma Master Plan Finffinnee ilaalchisudhaan baafte irratti kenne.
Labsiin fakkeessaa, burjajessaa fi gar- balleessaan dhimma Master Plan Finffinnee Ilaalchisee dhaaba maxxanttuu TPLF, OPDOn labsame gaafii Ummata keenyaa kan hindeebisnne waan tayeef qabsoon keenya haga gaafiin Saba Oromoo guutuu guututti deebisaa argatutti itti fufa.
OPDOn dhaaba mataa isaaf bilisummaa hin qabnne kan sonba TPLFn hafuura baasu akka taye Ummanni Oromoo tolchee beeka. Kana yoo jennu OPDO keeyssa saboontonni lammii isaaniif quuqaman hin jiran jechuu keenya miti. Dhaabichi akka dhaabatti bilisummaa mataa isaa qabaatee dhimmoota jireenya saba keenyaa fi biyya keenyaaf murteeysoo ta’an irratti murtii tokkollee dabarsuu hin dandayu jechuu keenya. Osoo OPDOn akka dhaabatti bilisummaa murtii ittiin dabarsu qabaate, Wayyaanen dhimma Master Plan Finffinnee kan OPDOn mataan isaan akka qaamaatti irratti mari’atee hin murteeyssin sababeefachuun sanyii duguuggaa (genocide) karaa waraana Agaazii jedhamun, daa’imman, dardarranii fi manguddoota Oromoo irratti raawwate akkasumallee hidhaa fi dararaa Oromoota kumaan lakkaayaman irraan gahaa jiru cal jedhee hin ilaalu ture.
Har’a erga mootummaan cubamaan TPLF lubbuu Oromoota 140 ol ta’an dhimma kana sababeefachuudhaan dhiiga isaanii dhangalaasee, Oromoota kumaan lakkaawaman qaama hir’isee, kumaa fi kitilaan mana hidhaatti guuree dararaa jiru keessatti OPDOn dhimmi Master Plan Finffinnee haqamee jira, mana keessanitti galaa jedhee labsa baasuun lubbuu ilmaan Oromoo kan sababa kanaa bahee fi dhiiga ilmmaan keenyaa kan sababa tokko malee dhangala’etti qoosuu irraa kan hafe hikkaa biraa hin qabu. OPDOn dhaaba ergamttuu TPLF kaayoo Wayyanotaa Ummata keenyarrtti raawwachiisun alatti aangoo gaafii Saba keenyaaf deebisaa ittiin kennitu hinqabneedha. Har’allee akkuma kaleessaa ajaja TPLF fudhattee ummata keenya sobuuf carraaqaaqun waan dhugumaan nama qaanesuudha. Ummanni Oromoo Kanaan booda OPDOn sobamee, saamicha qabeenyaa fi biyya isaa irratti Wayyaanotaan deemsifamu cal jedhee ilaaluu hin dandayu. Yeroo ammaa filmaanni akka Sabni keenya qabu biyyaa fi qabeenya isaa irratti abbaa tayee kabajaan jiraachuu yookaan osoo miga isaa falammatu wareegama kabajaa qabu kaffaluudha. Kanaan booda , Sabni Oromoo gadiaantummaa fudhatee sirna cunqursaa jalatti jiraachuun isa gahee jira. Tarkaaffin gootummaan Sabnni Oromoo xiqqaa fi guddaan, dhiiraa fi dubartiin, bahaa dhihaa, kaabaa fi kibbaa walwaamee ji’oota lamaan kana keeyssa fudhate ragaa qabatamaadha.
Kanaaf, dhaabbanni keenya kallachi Walabummaa Oromiyaa (KWOn) Ummanni keenya akkuma ammaan duraa wareegama baasaa turetti, qabsoo bilisummaa Saba Oromoo fi walabummaa Oromiyaa galmmaan gahuuf, hanga gaafileen haqaa kan armaan olitti tuqaman deebisaa bu’uraa argatanitti qabsoo itti jiru daran cimsee akka itti fuufu waamicha dabarsa.
Oromiyaan Ni Walaboomti!
Amajjii, 2016
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…