Godina Bahaa Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti Uummatni Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo wal ta’uun Filannoo kijibaa Wayyaanee Irratti FDG dhoosuun waraana Wayyaanee Dura Dhaabbatan.Ilaamn Oromoo Nagaan Afur Rasaasaan Rukutaman
Caamsaa 25,2015 Godina Bahaa Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti Uummatni Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo wal ta’uun Filannoo kijibaa fi waliin dhahaa itti fakkeessii Wayyaanee irratti FDG dhoosuun waraana Wayyaanee Dura Dhaabbatan., ilaamn Oromoo nagaan afur rasaasaan wayyaaneetiin madeeffaman.
Godina Baha Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo uummata Oromoo waliin ta’uun filannoo kijibaa wayyaanee irratti finciluun Wayyaaneen abbaa Dimookiraasii sobaa,abbaa filannoo filannoo sobaa kan halkan dabballeen motuummaa Wayyaanee korojootti ofiin of filaa bulee hin barbaadnu, filannoo waliindhaa dura bilisummaan uummata Oromoo mirkanaa’ee walabummaan biyya keenyaa mirkanaa’ee mootummaa mataa keenyaa hundeeffachuu qabna jechuun uummatni fi dargaggootni Oromoo jechuun sochii warraaqsaa FDG jabeessuun mootummaa wayyaanee haalan Yaaddessuu maddeen Qeerroo bilisummaa Godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Neqemtee irraa gabaasan.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee sochii uummataa kanatti weeraruun waraanaa fi poolsoota federaalaa uummatatti gadhiisuun Uummataa nagaan karaa nagaa fi dimookiraasii mirga isaaf falmachaa jiruu irratti dhukaasuun ilmaan Oromoo nagaa shan rasasaan madeessuun ibsame jira. ilmaan Oromoo badii tokko malee HAROO LIMMUU irraa madeeffaman kunis:
1. Dargaggoo Dhaabaa Yaadataa ganda qotee bulaa Gidda Guuddoo
2. Obboo Dhufeeraa Qannoo ganda Sugee
3. Daragaggoo Taarkuu Dhugumaa ganda Sagiiroo
4. obboo Baqqalaa Tamasgeen ganda Qarsaa Boolloo kannee keessatti argamaan Oromummaa isaanii qofaan rasaasaan reebamanni madeeffamuun ibsame jira. Haaluma Walfakkatuun AANAA EEBANTUU tti sochiin Uummataa jabaatee itti fufuun namootni hedduun hidhamuu fi mootummaan wayyaanee humna waraanaa gara kanattis guuraa jiraachuu maddeen keenya Qeerroo bilisummaa Oromoo nuf ibsan.
Yeroo amma kanatti warraaqsii FDG Godina Lixaa Oromiyaa AANAA MIDAA QANYII fi AANAA HAROO LIMMUU keessatti haalaan jabachuun kan itti fufee jiru yoo ta’uu, Aanaawwaan Kanneen akka Calliyaa Geedoo, Baakkoo, Siree , akkasumaas Horroo guduruu wallaggaa Jimmaa Gannatii Haratoo fi Jimmaa Raaree Wayyuu irra Humni waraana Wayyaanee buufatee uummata dura dhaabbachaa jira. Gabaasni sochii warraaqsaa FDG kun itti fufa… rakkoo network fi interneetaa guddaan rakkachaa jirra.
Share this:
From
OBSAA LAMMII
This past week, US Secretary of State Antony Blinken visited Ethiopia. During his visit, he met…
U.S. Secretary of State Antony Blinken's upcoming visit to Addis Ababa, Ethiopia on March 15…
By Leenjiso HoroMarch 13, 2023This call on the Oromo elites is to urge them to…
Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef geeffamaa ture gariin gara baadiyyaa dhaqqabaa hin jiru, kaan ammoo…
By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have…