Duraan dursee, baga bara haaraan isin gahe. Barri haaraan kan fayyaa, nagaa, gammachuu fi akkasumas kan tokkummaan ilmaan Oromoo itti milkaawu fi humni keenyas karaa kanaan cimee; qabsoo bilisummaa keenyaa akka cimsinu Waaqayyo/Rabbi nu haa gargaaru. Hogganoota jaarmayoota keenyaas Waaqni sammuu fi qalbii isaanii gara gaariitti jijjiiree akka waliigalani fi irree tokkoon diina keenyarratti akka duulan haa taasisu. Ergan hawwii koo gabaabinaan ibsadhe booda, mee kunoo walaloo gabaabduu tanaan dhaamsa Oromummaa isiniif ergee jira. Walaloo barreessuuf dandeettii qabaachuu baadhullee, Oromummaan akka guddatu karaa kanaan dhaamsa koo isin biraan gahuun barbaade.
“Oromummaa”
Oromummaa yaa Oromummaa,
Siyii bar, ibsituun eenyummaa
Calaqqistuu aadaa fi seenaa,
Guddistuu sabbonummaa
Kanaaf si faarfannaa
Kanaaf siinis boonnaa
Situ kan hundaa ti, kanaaf dursas argattaa,
Mallattoo eenyummaa, maaltu si dagataa?
Amantiin kan dhuunfaa yoo ta’u, ati garuu kan waloo tii,
Kanaaf siin boonuu qaba, Oromoon bakka jirutti
Oromoo ta’anii dhalachuun, qofaa gahaa miti,
Hunduu cimuu qabu, Oromummaa guddisutti
Guddinni sabboonummaas, Oromummaarraa burqaa,
Isaan kanaan bilchaachuutu, gabrummaa sammuu haqaa
Yoo sammuun bilisoomte, bilisummaa biyyaa yaadu,
Yoo kun hin taane garuu, hojii gadhee dalaganii badu
Oromummaa yaa Oromummaa,
Mallattoo eenyummaa,
Meeshaa qabsoo bilisummaa,
Kan Oromoo tokko godhus sumaa,
Kanaaf dursa siif kenninaa,
Si guddisnee siin bonnaa!!
Tokkummaan ilmaan Oromoo haa jabaatu!!
Abdii Boruu
September 26, 2023 Deebitee Kootee Billisoo During the Abyssinian War of the conquest of Oromia,…
Fatansaa Sulee Shogodoo September 20, 2023 As it is clear from hateful and Oromo phobia…
September 2, 2023 Leenjiso Horo Dr. Yonas Biru has shown in his political Swinging Pendulum…
Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa'aa…
Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti…
August 18, 2023 Kurfeessaa Sararoo The Oromo people have been struggling against the Abyssinian for…