Categories: Oduu Oromiyaa

Iyyannoo Baqattoota Oromoo Aden/Yemen

Irraa: Baqattoota Oromoo Adan-Yaman.

Gara:Qaama Dhimmi kun ilaalu hundaaf:

Ebla 19/2015,

Dursinee nagaa oromummaa fi obbolummaa keenya isiniif dhaamna.Itti aansinee gara yaada keenyaatti yoo deebinu akka asii gadii:

Yaa obboleeyyan keenya akkuma isinuu quba qabdan,Lola adda durummaa Saudi Arabia fi biyyoota arabaa 10 hirmaachiseen Yemenitti ibiddi boba’aa jiraachuun beekamaa dha.Lola kanaan walqabatee baqattoonni Oromoo Yaman rakkoo adda addaaf saaxil baanee jirra.Addatti Baqattoonni Oromoo Adan/Yaman lola lafaa fi qilleensa irraan nutti roobaa jiruun manaa gadi bahuu dadhabnee ,Nageenyi keenya balaa hamaa keessa jirra.Akkasumas Nyaataa fi Dhugaatii dhabuun Daa’ima,Haawwan fi Maanguddoonni keenya irraa caalaatti kanneen miidhamaa jirani dha.Kun osoo kanaan jiruu namootni keenya torbee kana keessa rasaasaan rukutamani jiru.Isaanis:-

1,Ahmad Husseen Abbaa Booraa Umrii.25,bakki dhalootaa naannoo Jimma gaafa 17/4/2015 bakka Jowlat –Safiinaa  jedhamutti Sa’aa 12:00 pm Rasaan ruktamee lubbuun isaa dabarte.Reeffi isaa yeroo ammaa Hosptal Jumhuuriyyaatti argama.

2,Muktaar Sheek Iimaan Muusaa Umrii 21,Iddoon dhalootaa H/Bahaa Aanaa Jaarsoo, Gaafa15/4/2015 bakka Khormaksar jedhamutti harka Mirgaa irra rasaasaan rukutame.

3,Nuuraddiin Mahammad Hasan Umrii 20 Iddoon dhalootaa H/Bahaa Aanaa Meettaa gaafa 17/4/2015 namoota hin beekamneen humnaan Konkolaataa irra baafamee bakki inni bu’e hin beekamu.

Kan biraa namootni 2maqaan isaanii asii gaditti argaman,Namoota Qawwee qaban,Kan naannoo nuti qubannu jiraatan galgala gaafa 18/4/2015 Sa’aa 8:00 PM irratti humanaan mana jireenya isaanii seenuun waan isaan qaban Mobile,Maallaqa,Uffataa fi …waan mana keessaa qaban sodaachisuun irraafudhatanii harka duwwaatti hanbisan.Isaanis:-

 A).Abdulaziiz(Siiskoo) Aliyyii Mahammad  Umrii 25,Dirree Dawaa,Qabri –Ijoollee,Basaatin –Adan,Bolock3, fi

B).Bahraddiin Qaasim Umrii 24,Dirree Dawaa,Laga Harree, Basaatin–Adan,Bolock3

Kun yaalii isa jalqabaati.Haalli kun itti fufa jennee yaaddoo hamaa keessa seennee jirra.

Hub:-Akka Baqattoota Oromoo Magaalaa Adenitti  haala yeroo fi rakkoo keenya akka qaama dhimmi ilaaluun nuuf gahaniif Koree Qunnamtii Alaa hundeeffannee jirra.Isaanis:-

  • Ahmed Kamal Abdallah. Mobile:+967-734420407/:+967-771605410
  • Abdulmalik Mohamed Ahmed. Mobile: +967-771361374
  • Ziyad Dawud Siraj. Mobile:+967-737999511/+967-771361375
  • Tayeb Suleiman Abadiga. Mobile:+967-773075246

E-Mail:oromoyemen2000@gmail.com

Nagaa Waliin.

Baqattoota Oromoo Basaatiin,Magaalaa Aden/Yemen.

………………………………………………………………………………………………………………….

Ergaa Hatattamaa amma nu gahe:

Gara: Obboo Said Mohamed Ali

     ‘’         OMN-TV,

     ‘’        VOA-AfAAN OROMOO fi

     ‘’        Community Oromoo biyyoota alaaf.

Yaa Oromoo rakkoon keenya guyyaa-guyyaatti dabalaa fi hammaachaa adeemaa jira.Namni nurraa ajjeefamaa,Madaawaa fi Saamamaa jirra.Haala kana irra aanuun humna keenya oli.

Ganama har’aa gu: 20/4/2015 Lammiin Oromoo maqaan isaa HASAN AHMAD ABDOO jedhamu umriin 16,Bakki dhaloota isaa Harargee Lixaa,Aanaa Mi’eessoo, Sa’aa 06:30AM irratti Rasaasaan miila isaa bitahaa Jilbaa ol rukutamee lafeen cabee jira,Yeroo gara Mana Yaalaa (Mustashafaa AL-WALY) Aden-Mansuuraatti geeffamee jira.Kunoo Suuraa Waliin.

 

Koree Qunnamtii Alaa

Baqattoota Oromoo Aden – Yemen

Ebla 20/2015.

Hub:-Akka Baqattoota Oromoo Magaalaa Adenitti  haala yeroo fi rakkoo keenya akka qaama dhimmi ilaaluun nuuf gahaniif Koree Qunnamtii Alaa hundeeffannee jirra.Isaanis:-

  • Ahmed Kamal Abdallah. Mobile:+967-734420407/:+967-771605410
  • Abdulmalik Mohamed Ahmed. Mobile: +967-771361374
  • Ziyad Dawud Siraj. Mobile:+967-737999511/+967-771361375
  • Tayeb Suleiman Abadiga. Mobile:+967-773075246
  • Mobile:+967-773075246

 

E-Mail:oromoyemen2000@gmail.com

Nagaa Waliin

Baqattoota Oromoo Basaatiin,Magaalaa Aden/Yemen.

 

bilisummaa

Recent Posts

OLLAA Comments on US Visit to Ethiopia

This past week, US Secretary of State Antony Blinken visited Ethiopia. During his visit, he met…

1 week ago

Shaakala barnoota Afaan Oromoo

Jecha sirrii faallaa maqibsaa tahe fili!

2 weeks ago

OLLAA & Word BEYOND War Launch Campaign For Peace in Southern Ethiopia

U.S. Secretary of State Antony Blinken's upcoming visit to Addis Ababa, Ethiopia on March 15…

2 weeks ago

A call on the Oromo elites to promote Oromo Extermination Memorial Day

By Leenjiso HoroMarch 13, 2023This call on the Oromo elites is to urge them to…

2 weeks ago

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef ergame hannaan gurguramaa jira.

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef geeffamaa ture gariin gara baadiyyaa dhaqqabaa hin jiru, kaan ammoo…

3 weeks ago

Oromo Orthodox Split: A Collision Between Politics and Faith

By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have…

4 weeks ago