Categories: Oduu Oromiyaa

Kabajaa Ayyana Gotota Oromo 2015 fi Caayaa Tokkommaa Baqattota Oromo Biyya Masrii. Ebela 26/2015

Hawaasni Oromo fi Mesenssonni Caayaa Tokkommaa Baqattota Oromo Biyya Masrii Magaalaa Cairotti jiraatan ebela 26/2015 kabajaa Ayyaana Gotota Oromo 2015 haala miidhagaa fi bonssaan kabajatanii jiru.

Egalliin Sirnichaa Akka Aadaa Oromotti Eyba Manguddon kana banamee hoggaa tahu, Faaruu Alaabaa Oromotiif Ol ka`udhaan Alabaa faarfatanii jiru.

itti Aanssudhaan Daqiiqaa tokkof yaadannon jaallan waregamaniif gutuun hirmaattota sirnichaa ol ka`anii dhaabbattudhaan yaadanno sammu taasisanii jiru.

kanatti Aansee Dura Taa`aan Caayaa Tokkommaa Baqattota Oromo Biyya Masrii Obbo Abdallaa Jamaal simannaa fi haasawa banamiinnssa godhanii jiru.

itti fufudhaan keysummota kabajaa Ayyanaa Gotota Oromo 2015 Caayyaan qophesee kanarraa qoda fudhatan keysaa itti gaafatmaan dhaabbata mirga dhala namaa Dr Mohammed Abduna`iim haasawa gabaabaa godhudhaan baga ayyana gotota Oromo waggaa 2015 geysan jadhee jiru.

Akkuma kanaa Haalaa Qabso Bilisummaa Oromo Irraa Obbo Xayyib Abbaa Gojjaam haasawaa dhageysaniin tokkommaa Kenya cimsannee waliin haa tarkaanffannu jadhanii jiru.

Maayyiirratti Aartistonni Oromo Bebbakamon Akka Aartisti Abdii Fadis fi Aartisti Mohammed Murkamaa Akkasuma Aartisti Hordofaa fi Aartisti Badrii Mohammedi fi Aartisti Ramadaani Aartisti Abdii komiyaa wal duraa dubaan wallee fi geyraraan gar malee haasawa bashannansisanii jiru.

dhumarratti Caal baasiin Suraa Gotota Oromo qabu caal baasiif dhihaatudhaan gutuun haasawa Cairo irra qoda fudhatanii jiru.

haala midhagaa fi bonssaa kanaan abbaan waltajjii Obbo Bayaan Muktaar sirna miidhagaa fi bonssaan waltajjii xumuranii jiru.

 

 

 

 

 

bilisummaa

Recent Posts

Shaakala barnoota Afaan Oromoo

Jecha sirrii faallaa maqibsaa tahe fili!

6 days ago

OLLAA & Word BEYOND War Launch Campaign For Peace in Southern Ethiopia

U.S. Secretary of State Antony Blinken's upcoming visit to Addis Ababa, Ethiopia on March 15…

7 days ago

A call on the Oromo elites to promote Oromo Extermination Memorial Day

By Leenjiso HoroMarch 13, 2023This call on the Oromo elites is to urge them to…

7 days ago

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef ergame hannaan gurguramaa jira.

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef geeffamaa ture gariin gara baadiyyaa dhaqqabaa hin jiru, kaan ammoo…

2 weeks ago

Oromo Orthodox Split: A Collision Between Politics and Faith

By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have…

2 weeks ago

SEENAA GAMMACHUU QAMALITTII: Kutaa Sadaffaa

                             …

3 weeks ago