#DaayimtuuFINFINNEEoromiyaa irra #ganama kana
#oromoprotests Breaking news Gabaasa Qeerroo Finfinnee, Caamsaa 31, 2016
Magaazinni Kuufama Meeshaa Wayyaanotaa Goorootti Argamu Guutummatti Barbadaaye
Gabaasa Qeerroo Finfinnee, Caamsaa 31, 2016
Ummanni onneen isaa gabrummaan madaaye mirga isaa falmachuu fi qabeenya ofiif qabsaawuun gonkumaa hin dhaabbatu. Haala kanaan guyyaa Wayyaanonni ayyaana Gimbot 20 jechuun magaalaa Finfinee keessatti qophiitti jiran irratti humni hin beekamiin tokko qabeenya Investera Tigray kan ta’e magaazina kuufama meeshaa Wayyaanootaa guddaa naannoo Finfinnee lafa Gooroo jedhamutti kan argamu irratti tarkaanfii fudhatameen magaazinichi guutummaatti barbadaayee jira.
Yeroo magaazinni kun gubatutti kaabinooti mootummaa Wayyaanee hoteelotaa fi bakkoota adda addaatti ummata walitti qabuun duskurii siyaasa kijibaa fi guyyaa injifatnoo jedhanii umata irratti geeraraa dhaa osoo jiranii tarkaanfiin akkasii fudhatamuun naannicha fi qondaalota Wayyaanee guddoo waan rifaasiseef jecha humna waraanaa heddumminaan gara Goorootti bobbaasuun ummata naannichaa jequu fi hidhuutti bobbaa guddaa godhee akka jiru beekama.
Gubachuun magaazina kuufama meeshaa kun tilmaama maallaqa miliyoona 10 kan ta’u akka dhabame gabaasi achi irraa argame addeessa.
Diddaan ummataa kun kanaan osoo hin dhaabbatiin kutaalee Oromiyaa gara garaa keessattii fi University akkasumas manneen barnootaa gadii keessatti ummanni Oromoo ayyaana Gimboti 20 kana dura dhaabatee diddaa isaa muldhisee jira. Tarkaanfiileen fakkaatoos bakkoota gara garaati qondaalotaa fi milishoota Wayyaanee irratti fudhatamun beekamaa dha.
Qabsoon itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!!
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…