Categories: Yaada

Maraammartoo moo Maltummaadha?

 Hooggantoota fi miseensota ”ABO” Biyya Alaa
Hubataa Dubbii tiin
Hooggansi ABO Jaal Daawud Ibsaatiin hooganamu bara 2018 biyyatti galuu isaa Oromoon biyya
keessaa fi alaa gammachuun simate. Akkuma seera byyattitti ABOn, nagaadhaan qabsaayee,
carraa baname babal’ifachaa, falmii ummatichi hiree mataa isaa murteeffachuuf gaggeessu
keessatti shoora mataa isaa tapahata jedhees abdate.
Haata’uutii, otoo oolee hin buliin, gurmuun biyyatti gale akka gurmuutti socho’uu hanqate.
Ummata dafee gurmeessee of dura deemuu hanqate. Gantoota sabboontota Oromoo ariisisaa fi
qabsiisaa turan ofitti qabe. Kanneen arsaa qaqqaalii kafalaa turan ammoo moggeessuu eegale.
Namootin hedduun kana hoggu arkan dhaabicha irraa fagaatanii ilaaluu filatan.
Waanti dhibaan garuu, gareen ABO Asmaraa irraa gara biyyatti imale kun, xinno bubbulee
daddaaqamuu akkasii irra darbee waanuma biyyatti galeefuu dagate ykn bitaa itti gale. Gareen kun
harki chaalu, nagaan qabsaayuu jechuun mootummaa nama nyaataa EPRDF/PP tti galanii
hojjechuu akka ta’eetti fudhattee socho’uus eegale.
Kanneen akka Leenoo, Diimaa, Galaasaa, Abbaa Nagaa, Kamaal Galchuu fi kkf dursaniiyyuu
ABO ganani PPtti kan makaman hoggu ta’u, hooggansi ABO walakkaan, Itti Annaa Hayyuu Duree
dabalatee, duubarra PPtti makame; gantummaa qofaan hin dhaabatne, kanneen kaayyoo ganamaa
ABOtti cichanii qabsaayuutti jiran dursee hiisise. Mana hidhaa keessattis gidiraa guddaaf akka
saaxilaman tolche.
Humna waraana ABO leenjii irra ture, kan ABOn fudhatee gale, mooraa mootummaatti erga
galchisiisanii booda, humni PP jara hiraarsuu irra darbee jumlaan summii nyaachisee fixuuf yaalii
godhe. Hooggansa jaraa, biyyi nagaadha jedhee magaalaa keessa ooluu eegale ajjeesuu eegalan.
Kana argee humni waraanaa ABO kun gara WBOtti baqachuu eegale.
Hogguu kanatti mootummaan PP fi gantootni ABO durii kanneen akka Galaasaa, Leencoo,
Diimaa, Kamaal Galchuu fi Abbaa Nagaa faa “WBOn maaliif harka hin kennatu, mootummaan
Oromoo aangoo qabteera; eenyuun loluuf jecha gammoojjii taa’a” jedhanii karaa TV fi
raadiyonaan balaaleffachuutti gad-taa’an.
Yaroo muraasa booda, shanee ABO keessaa, kan gara PPtti madaqu gara PPtti, kan biyya alaatti
deebi’ee jiraachuu filate, gara biyya alaatti sossohan. Gareen PP waliin hariiroo tolfate karaa san
cimsatee hoggu itti fufu, gareen dhaaba keessaa fedhii ofiitiin bayee biyya alatti deeb’ie ammoo,
kabajaan boqotanii jiraachuu dhiisanii, hojii afaanfaajjii oofuu eegalan. ABO fi WBO gidduutti
wal dorgommii tolchuu, fi hooggansa WBO dhabamsiisuuf shira dhayuutti seenani. Hoggu tokko, 
“hooggansi WBO, ABO dha” jedhu. Hoggu biraa, “hooggansi WBO ergamtuu TPLF ta’e” jedhu.
Yoo fedhan ammoo “hojiin WBO kun gara humna ‘war lord’ (humna waraanaa abbaan irree
hoogganu) fakkaatu tokkotti jijjiiramaa jira” jedhanii lallabu. Hoggu shirri kun marti hojjechuu
dadhabuu arkan ammoo, maqaa WBOtiin “maallaqa walitti qabnee erguuf jirra” jedhanii hirphaa
funaanu. Horii walitti qaban kanaanis humna WBO dadhabsiisuuf biyya keessatti caasaa badii
ijaaruu irratti bobba’ani.
Walgahiilee addaddaa irratti afaan damma dibatanii wayta dubbatan, waan WBO jaalatan, fi
deggeran fakkeessu. WBOn qabsaayota bilisummaa biroo waliin hariiroo tolfatee wayta socho’u
garuu, ifatti dura dhaabbatanii mormu. WBOn gita bittoota abashaa raasuu yoo jalqabu, maqaa hin
taane itti maxxansaa, maqaa hooggansa isaa faalu; sobaan yakku. Humni WBO, humnoota biroo
waliin gamtaa uumee, mootummaa nama nyaataa PP kuffisuutti hoggu dhiyaatu, “humni TDF
Oromiyaa akka hin seenne; ni mormina!” jechuun mootummaa PP bira dhaabbatu.
Dhiyeenna kana ammoo, Task force tokko, kan Konfaransii/Konvenshinii waliigalaa tolchee
rakkoo ummata Oromoo furuuf socho’u, biyya alaatti KFO/OFC waliin taane tolchuuf
murteessineerra jedhu. Konfaransii/Konvenshiniin rakkoo ummata Oromoo furuuf socho’u, kan
ABO/WBOn qooda keessaa hin qabne kun, Konvenshinii akkami?
Kana dura, waan lafa irra hin jirre “mootummaa cehumsaa biyyoolessa Oromoo ABO-WBO fi
KFO/OFC waliin tolchinee akka gaariitti deemsisaa jirra” jedhanii ummata sobaa bayan.
ABO/WBOn gad-bayee, mootummaa cehumsaa isaan baanan irraa akka homma hin beeyne
ummataaf ibse. Ammas soba adii qabatanii as bayaa jiru.
Murni maqaa hooggansa ABOn yaroo ammaatti biyya ambaa keessaa bookkisu kun, bara 2018
qabsoo hadhooytuu bobaa PP cinaa taa’anii hojjetan irraa baqate biyya ambaatti deebiye. Gara
Baalee deemuu irra karuma dhufeen karaa BOOLEE deeb’iee imale. Hooggansa keessaa fedhii
ofiin kan of baaseedha. Amma biyya ambaatti deebi’ee hojii afanfajjii eegaleera.
Gareen kun hojii fudhate qulqulleessee hojjechuu kan hin dandeenye, aarsaa xiqqishuu’llee kan
kaffaluu hin feenedha. Ykn magaalaa taa’ee siyaasaan hin lolu; ykn bosona Oromiyaa deemee
qawween loluu hin fedhu.
Akka amma argaa jirru yoo ta’e, hojiin isaanii qabsoo Oromoo gara dabarsuu malee waan biraa
tokko of keessa hin qabu. Duris kanatti turani, ammas kanumatti jiru.
Ummatni Oromoo kana hubatee jara kanaan “dhaabbadhaa!” jechuu qaba. Jarri, Oromoon walii
galee “dhaabbadhaa!” yoo jedhe malee, ammas afaanfajjii cimaa umuuf jiru.
Oromoon lamuu dagachuu hin qabu! Kana booda ummata Oromoof wabiin WBO dha.
Akkasumas, qabsaayota dhugaa ABO, kanneen gatii qaalii kaffalaa jiran, qofaadha. ABOn biyya
ambaatii hoogganasa hin qabu; kanneen ABO/WBOn ramadaman malee!
Kanneen hooggansa ABO keessaa fedhiin bayani biyya ambaa kana jiran, akka miseensa ABO tti
mataa gad-qabatanii yoo jiraatan waa takk. Garuu, maqaa hooggansaan hojii gantummaa
hojjechuuf, WBO irratti olola oofuuf, mirga hin qaban.
Nuti, jara kanaan, irra deddebinee, “dhaabbadhaa!” jenna. Isinillee, “dhaabbadhaa!” jadhaanii.
Horaa, Bulaa!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago