Categories: Yaada

Hireen WBO maal ta’uuf deema?

TPLF kophaa isaa WBO/UFEFCF malee PP wajjin marii araaraa ni godhaa?

Berhanu Hundee

Seensa

Akka yeroo ammaa fuula miidiyaalee hawaasaa irratti dubbatamaa ykn barreeffamaa jirutti, dokumantiin tokko kan waayee marii PP fi TPLF ibsu tasa miliqee akka bahee himamaa jira. Dokumantiin kun gara fuula shantamaa olii qaba jedhama ani garuu hangan barreeffama kana dhiheessetti dokumanticha hin argine. Kanaafuu, oduun kun soba ykn dhugaa ta’uu isaas ta’ee qabiyyeen isaa maal akka ta’e mirkaneessuu hin danda’u.

Akkuma yaadatamu Tumsi maqaan isaa United Front of Ethiopian Federalist and Confederalist Forces – UFEFCF jedhamu fi yoo Afaan Oromootti hiikamu Adda Tokkummaa Humnoota Federaalistii fi Konfederaalistii Itoophiyaa (ATHFKI) jedhamuu danda’u Sadaasa bara 2021 Waashingtan DCtti ijaaramee ture. Tumsi kun yeroo ijaarame sanatti jaaramyaalee sagal (9) kan hammatu yoo ta’u, addadurummaadhaan kan keessatti hirmaatan TDF fi WBO dha. Yeroo ammaatti garuu lakkoofsi miseensota isaa dabalaa akka dhufe himama. Miseensotni tumsa kanaa harki caalanii fi kan ijoo ta’an warra qabsoo hidhannoo gaggeessanii dha. Waliigaltee fi kaayyoon tumsichaa diina waloo jechuun Mootummaa Itoophiyaa kan PPn durfamu fi gargaartota isaanii lolaan injifachuu fi uummattootni isaan bakka bu’an hiree ofii akka murteeffatan taasisuu dha jedheen yaada. 

Karaa biraatiin immoo, osoo ATHFKI hin ijaaramin dura WBO fi TDF waliigaltee tokko akka godhatan himamaa ture. Akka jedhamutti, waliigalteen kun waliigaltee tooftaa waraanaa akka ta’ee dha. Yeroo TDF waraana PP dhiibaa dhufee, magaalota gurguddoo Walloo qabatee, magaalaa Dabra Biraan (DB)itti dhihaatee ture sana WBO wajjin qindoomina uumanii gara Finfinneett imaluuf akka yaadan dubbatamaa ture. Haa ta’u malee, TDF dhiibbaalee garagraa isaanirra gahaniin dirqifamanii gara Tigraayitti akka deebi’an ibsamee ture. Adeemsi TDF gara DB godhan sun gaaga’ama baay’ee fide. Dhimma kana laalchisee yeroo biraan itti deebi’a.  

Ergan akka seensaatti waa xiqqoo ibsuu yaale booda, gama mata dureetti deebi’uuf, TPLF/TDF missensota ATHFKI ala kophaa isaanii PP wajjin marii fi waliigaltee ni godhuu? Yoo kophaatti bahanii marii fi waliigaltee kan godhan ta’e, rakkoo maaltu uumamuuf deema? gaafiileen jedhan kaasee yaada kiyya ibsuu yaala.

  1. TPLF/TDF missensota ATHFKI ala kophaa isaanii PP wajjin marii fi waliigaltee ni godhuu?

Deebiin gaafii kanaa karaa adda addaatiin laalamuu ni danda’a. 

Haala fi ittibahinsa 1 (Scenario 1) 

Marii fi waliigalteen PP fi TPLF jidduutti godhamuufi jedhamu kun waliigaltee yeroo kan uummata Tigraayi karaa hundaan miidhame kana dandamachiisuuf kan ta’u yoo ta’e fi Tigraayiif bu’aa kan fidu yoo ta’e, tarii ATHFKI ala godhamuu ni danda’a. Yoo akkana ta’e garuu fedhii miseensota tumsichaa kan faallessu ta’uu hin qabu jedheen yaada. Gabaabumatti maalirratti akka mari’atanii fi irratti waliigalantu murteessa jechuu dha. Kun garuu rakkoo Itoophiyaa hiikuuf mala ykn fala waan ta’u natti hin fakkaatu.

Haala fi ittibahinsa 2 (Scenario 2)

ATHFKI ala marii fi waliigaltee ni godhu ta’a garuu tokkoffaa rakkoo Tigraayis ta’ee kan Itoophiyaatiif furmaata xumuraa hin fidu. Keessumaayuu karaadhuma kamiinuu haa ta’u marii fi waliigalteen WBO hin hammanne rakkoo biyya sanaa hin furu. Lammaffaa, ABUT ATHFKI ala PP wajjin kan araaraman yoo ta’e, tumsa sana keessatti akka gantuutti waan ilaalamaniif, haa xinnaatu haa baay’atu malee rakkoo biraa keessa galuun isaanii hin oolu. Ammaaf tumsa kana keessatti humna cimaa akka ta’an waan beekaniif ATHFKI wajjin walqabatee rakkoo booda isaanitti dhufuu malu tuffatanii dhiisuu malu. Haa ta’u malee, PP nuuf wayya jedhanii humoota saboota ykn uummattoota torba fi sanaa oli bakka bu’an diina godhachuun rakkoo biraa keessa isaan galcha. Humnoota hafan dhabamsiisuuf shirri biraa yoo duuba jiraate garuu kunis rakkoo dhuma hin qabnetti kan nama geessu ta’a.  

Haala fi ittibahinsa 3 (Scenario 3)

Marii jedhamu kana duuba humnootni alaa kan akka Ameerikaa fi Gamtaa Awuroopaa faa kan jiran yoo ta’e fi tarii Tigraayiif furmaata xumuraa (lasting solution) fiduuf kan gargaaru yoo ta’e, ATHFKI ala PP wajjin waliigaltee godhuu danda’u ta’a. Asirratti garuu Tigraayiif furmaata xumuraa wanti fidu maali kan jedhu gaafii biraati. Hanga PPn jirtutti, hanga humnootni Amaaraa fi Eeritiraa jiranitti nagaa fi furmaatni xumuraa Tigraayiif ni argama jechuun baay’ee nama rakkisa. ATHFKI dabalatee ykn isaanii ala ta’ee, wanti TPLF barbaadu nagaa fi furmaata xumuraati. Karaadhuma fedheenuu haa ta’uu, yoo kun isaaniif mirkanaa’e fi wabii argatan fedhii tumsichaatiif dhimma waan qaban hin fakkaatu. Osoo tumsa kana keessa jiranuu karaa hin taane yoo deeman garuu hundaafuu rakkoon bioo uumamuu malu.

  1. Yoo kophaatti bahanii marii fi waliigaltee kan godhan ta’e, rakkoo maaltu uumamuuf deema?

Gaafiin kun gaafii lammaffaa mata duree “Hireen WBO maal ta’uuf deema?” kan jedhutti nama geessa. Yoo haalli akkanaa kan uumamu ta’e, miseensota AHFKI itti gaaga’ama gara garaa fiduu mala. Haala kana ibsuuf WBO addatti baaseen laaluu yaala. 

WBOn AHFKI keessatti yoo ganame, maal ta’uuf deema?

Siyaasa keessatti ykn waraana deemaa jiru tokko keessatti diina waloo tokko laaffisuuf ykn injifachuuf tooftaatlee adda addaatti fayyadamuun waanuma jiru. Wanti WBO fi TDF jidduutti godhames waanuma kana jedheen amana. Wayyaanee fi WBOn diina seenaa (historic enemy) turanillee, ammatti diinni hamaan kan waloo tokko bakka jirutti waliigaltee tooftaa waraanaa godhuun barbaachisaa dha. Haa ta’u malee, tumsi jiraatus jiraachuu baatus, WBOn duris ta’ee har’a uummata Oromootti hirkata malee fira biraa hin qabu. Firri QBOs hin jiru. Keessumaayyuu immoo humnootni alaa kan QBO deeggaranii fi gargaaran hin jiran. WBOn ammas taanan erga TDF Tigraayitti deebi’anii as meeshaa waraanaas kan argatu diinarraa hiikkatee ti malee hamma kana wanti WBOn Tigraayirraa argatu waan jiru natti hin fakkaatu. Dhugaa dha, akkuma yeroo dabre Wallotti ta’e sana yoo TDF wajjin qaamaan walargan ta’e, bu’aaleen tokko tokko argamuu malu. Waan ta’eef, WBOn caalaatti kan jabaatu tokkummaa Oromootiin malee wanti diinarraa eegu hin jiru. 

Haa ta’u malee, akkuma baddaatti jedhame, QBOn addatti immoo WBOn fira alaa hin qabu. QBOrraa sodaa waan qabaniif; tokkummaa Impaayara Itoophiyaatiif rakkoo ta’a jedhanii waan yaadaniif, humnootni alaa kan akka Ameerikaa faa diinota WBOti jechuu ni danda’ama. WBO laaffisuuf yoo danda’ame sirumaayyuu dhabamsiisuuf humnootni alaa shiroota adda addaa dalagaa turan ammas ittijiru. Waan ta’eef ana kan natti mul’atu fi na yaaddessu, mariin PP fi TPLF akka haasa’amu kana dhugaa yoo ta’ee fi waliigaltee tokkorra gahan, WBO kophaatti baasanii irratti duuluuf karaa banuu danda’a. Addatti immoo, Ameerikaan shira kana keessa yoo jiratte, karaa adda addaatiin WBO miidhuun ni danda’ama. Karaa basaasummaatiinis ta’ee karaa biraatiin WBO laaffisuuf PP wajjin waliigaluu danda’u. Wanti dagatamuu hin qabne, Ameerikaan akka mootummaan PP kuftu hin barbaaddu. Yoo fedhiin TPLF/TDF guutamee fi PP wajjin waliigalan, diinni biraa kan isaan sodaatanii fi dhabamsiisuu barbaadan WBO qofaa dha. Kanaaf, WBOtti qormaattota cimootu uumamuuf deemu jechuu dha. 

Haa ta’u malee, wanti hubatamuu qabu, WBOn ganamus dhiisus, wanti duubatti isa deebisu hin jiru. Kaayyoo manaa baheef qaba; isa kanas galmaan gahuuf cichoominaa, murannoo, kutannoo fi gootummaadhaan kufee kuffisaa jira. Erga TDF Tigraayitti deebi’anii kunoo ji’a tokkoo ol ta’uuf jira. Ergasii as WBOn cimaa dhufee, injifannoolees galmeessaa jira. Duubatti deebi’uun TDF WBO duubatti hin deebisne. Imalli isaa akkuma karoorfatame gara Finfinneeti. 

Xumurarratti, PP fi TPLF waliigalanii, gama isaaniitiin waraana kana kan xumuran yoo ta’e; akkasumas PPn WBO diina isa hafe godhatanii caalaatti (tarii gargaarsa humnoota alaatiin) kan ittiduulan yoo ta’e, QBO irratti dhiibbaa akkamii qaba? Uummatni Oromoo haala akkanaa kana akkamitti laala, hubata? WBOn ni cima moo ni laaffata? Gaafiilee kanaa fi kan biroo yeroo biraan itti deebi’a.

Hanag walitti debinutti nagaatti.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago