Yaada

Mirgaanis bitaanis deemtu fuulduratti sibaasa!

Biyyi kamiyyuu Dimookiraatawaas haa taatu haa dhiistu malee Mootummaan bulti. Mootummaan kamiyyuu Sirna bulchiinsaa ni qabaata. Sirni Bulchiinsa mootummaa immoo Paartiidhaan ijaarama. Paartiin sun immoo xiinsammuu(Ideology), imaammataafi sagaantaa siyaasaa qaba. Paartichi Dambiifi qajeeltoowwanis ni qopheeffata. Mataan sirna bulchiinsa paartii sun aangoo mootummaa ta’ee Biyya gaggeessuu gaafa argate Heera Biyyi sun ittiin bultu mala kamiinuu haa ta’u ni qabaata. Sana booda Uummanni Biyyattii mataa paartii sana jalatti Heericha jala deemuun imaammata sirna paartichaa hojiitti hiikuun labsiiifi seerota qaamni bulchiinsaa sun baasu dirqamee ofitti fudhachuun #bilisummaan jalatti bula jechuudha.

Kunis hanga sirni mootummaa sanaa hundeerraa geeddaramutti itti fufa. Sana keessatti lammiileen Biyyichaa fayyadamoo ta’u. Biyyi sirnichaan bultus akkanaan guddatti. Sirnichatu waa hunda murteessa malee mootummicha mootummaa sanaa miti. Osoo sirnicha hin jijjiiriin mootummichi yoo jijjiirameyyuu Biyyaafi Uummaticha irratti jijjiirama hinfidu jedhamuuf kanaafi. Erga waa’ee Paartiif sagantaa siyaasaa isaa, Mootummaaf gosa sirna bulchiinsa isaa, akkasumas imaammataaf xiinsammuu sirna akkamirratti gaafa ijaaramu bu’aa gaarii akka fiduu danda’u hanga kana hubannee gara dhimma ijoo mata duree koottin darba.

Yeroo ammaa kana Oromiyaa keessa Oromoodhaaf dhaabadheera kan jedhan Paartiilee gurguddoo 2tu jiru. Isaanis ABO, KFO. Oromoon tokko tokkoon paartiilee kanaa bu’uura armaan oliitiin adda isaan baase beekuun faayidaa gudda qaba. Erga maalummaafi eenyummaa paartiiwwan kanaa bareechee addaan baasee hubatee immoo faffaca’uu dhiisee ykn akka bishaan gabatee irraa asiif achi dambali’uu dhiisee paartii kamiyyuu jalatti ijaaramuun murteeffatee qabsaa’uun dirqama ta’uus beekuu qaba.

1.#ABO:- Paartii siyaasaa qabsaa’ota oromootiin waggoota 40 dura Oromoof ijaarame. Gara jalqabaa qabsoo hidhannoo dirqamee jalqabus karaa nagaa paartii Boordii filannootti galmaa’ee socho’u. Xiinsammuun isaa Oromiyaa Walabaa hiree isaa Uummanni Oromiyaa murteeffatu ijaaruudha. Sirna Dimookiraatawaa duudhaa Sirna Gadaatiin Oromiyaa of dandeesse refereendamiidhaan akka ijaaramtuuf qabsaa’uudha. Akka filannoo xiinsammuu lammataatti immoo yoo Impaayerri Itoophiyaa Dimookiraatofte Sabaaf sablammoota Biyyattii waliin xiinsammuu sabdaneessummaatiin sirna Federaalizimii dhugaan ollaa isaa waliin wal kabajee Biyya keessa jiraatu waloon ijaaruudha. Haaluma sanaan Imaammata eenyummaa Oromoo fi daangaa Oromiyaaf dursa kennu sadarkaa wixineetti Afaanota lamaan(A/O fi Ingiliffaan) akka fayyadamu akeeka qaba. Kaayyoon mootummaa haala kanaan hundeeffamuus dantaa oromoo kan hin sharafne bulchiinsa isaa duudhaa Sirna Oromootiin marsaa waggaa Afuriin kan filannoo sagalee uummataatiin baalliin wal jijjiiru mootummaa uummataa itti fufiinsa qabu hundeessuuf qabsaa’uudha.

2.#KFO:- Paartii siyaasaa hayyoota Oromootiin waggoota 25 dura Oromoof ijaarame. Jalqabuma irraa paartii yeroo maqaa dimookiraasii waamuun yakkamaa nama taasisutti qabsoo karaa nagaa geggeessuuf Boordii filannootti galmaa’ee paartii qabsoo karaa nagaatti cichaa as gahedha. Xiinsammuun isaa Impaayera Itoophiyaa beekumsa ammayyaafi ogummaa tarsiimootiin diignee biyyattii dimookiraatessaa Oromiyaa of dandeesse sirna federaalizimii dhugaa keessatti ijaaruudha. Yoo ollaan nagaan bule abbaan nagaan bula jedhee paartii amanu waan ta’eef, Oromiyaa Adaamii ollaa Agamsaa gochuu irra sabaaf sablammoota sirna federaalizimii dimookiraatawaa ta’e keessatti bulchiinsa sabdaneessummaatti amanan waliin impaayera humnaan ijaaramte kana beekumsa saayinsii ammayyaatiin fayyadamanii dimookiraatessuun saboota biyyattii hunda waliin reeshiyoo baayyina isaaniitiin karaa iftoominaa fi haqummaa qabuun hirmaachisanii Itoophiyaa irratti waliigalan sana waloon ijaarrachuuf paartii Oromoo irra darbee saboota kaaniifis qabsaa’udha. Paartii Imaammata dantaalee oromoo kabachiisan irra darbee kan kabaja waloo uummata Biyyattiif fayyadu Afaanota sadiin (A/O, Ingiliffaa, Amaariffaa)dhaan sadarkaa wixineetti qopheeffatedha. Paartiin KFO dantaa eenyummaa Oromoo fi maalummaa Oromiyaa daangaaf teessuma ishee waliin wal qabatu, dhimmoota Afaan Oromoo fi handhuura Oromiyaa Finfinnee ilaalchisee yaadama paartii ABO irraa garaagarummaa hin qabu. Akkataan isaan gaaffii Oromoo akka Finfinnee itti deebisuuf karoorfatan(Approach)irratti wal adda malee garaagarummaa galma kaayyoo hinqaban.

Paartiin KFO Itoophiyaa sirna federaalazimii dimookiraatawaa geggeessituu fi bulchiinsa mootummaa filannoo waggota shanin baallii wal jijjiirtu hundeessuudha. Sirna paartiin biyya bulchu(Ruling system Party) mootummaa biyya bulchuuf hundaa’u irra adda taate ijaaruuf paartii qabsaa’udha. Kana jechuun dhaabbileen mootummaa tajaajila lammiileef miira walqixxummaan kennan kamiyyuu dhiibbaa paartii carraa biyya bulchuu argate sana irraa bilisa taatee uumuu jechuudha. Mirgaanis bitaanis deemtu Fuulduratti sibaasa. Fuuldurri kee immoo isaan lachuu waliin ifa.

Maddi; Miidiyaa hawaasaa

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago