Gaafii fi deebiin Artist Muktaar Usmaan Miidiyaa Keelloorratti taasise ajandaa dubbii tahee jira. | Bilisummaa Online
Oduu Haaraya

Gaafii fi deebiin Artist Muktaar Usmaan Miidiyaa Keelloorratti taasise ajandaa dubbii tahee jira.

Artistii Muktaar Usmaan Sheekhaa, dubbii Gaazexeessaa harkaa waldhooysise

Jemaal Ahmadiin

Gaafii fi deebiin Artist Muktaar Usmaan Miidiyaa Keelloorratti taasise ajandaa dubbii tahee jira. Sababni dubbiin ajandaa taateef, Gaazixeesaan Keelloo Jawar WBO hiikkachisuu dubbate gaafii jattu waan dhiheeseefi. Jawar dubbii akkasii dubbate moo hin dubbannee an waaniin keessa beeku hin qabu. garuu Artist Muktaar Usmaan deebisee jira.

Dubbii tanarratti Seenaa Adda Bilisummaa Oromoo tan Waggaa 40 yaadachuu barbaachisa. Adda Bilisummaa Oromoo Jaarraa Abbaa Gadaa faan hundeesanii Waggaa tokko ykn lama qofa hogganan. Eegas Warra Biyya keessaa Dargiin baqachiifte Leencoo Lataa faa ABO dhaale. akkamitti dhaalaniin seenaa dheertuudha. amma Seenaa san dubbachuufiimiti.

Eega Namoonni Dargii baqate ABO’tti dabalamee Dhaaba dhunfte maaltu deemaa ture ? ABO akka bakka heddutti caccphxu maaltu godhe ? Gaafii jattu. Dubbiin akkana. yeroo Warri Biyya keessaa Dargii baqatee dhufe ABO diigee Jaarraa Abbaa Gadaa keesaa bahu, Magarsaa Bariitu Hayyu-Duree ABO tahee filame. inni osoo waggaa tokko Dhaaba hin hogganin Wareegame.
Wareegama Magarsaa Barii booda Galaasaa Dilboo bakka bu’ee filame.

yeroo saniis Maqaaf Gaasaan Hayyu-Dureedha malee kan Dhaaba oliifi gad-butaa ture Leencoo Lataati. Leencoon yeroo fedhe Wayyaaneen walitti firoomaa, yeroo taan Hayyu-Duree ABO fakkaachaa Dhaaba gara barbaade Oofaa ture.

Eegas booda Daawud Ibsaa Hayyu-Duree tahee filame. isaas akka itti filame namni beeku hin jiru. Dhugaan dhugaadha. Bara hoggansa Daawud ABO’n ifatti hoggansa Dhaloota Kutaa tokkoo qofaan guutamte. Namni wal-jaareti Nama adeemsa doongoraa qeequ Diina jachuun farrajan. Maqaa kaasuun barbaachisaa tahuu baattulee, Hoggantoonni Sadarkaa Shanan Gumii keessaa baasanilleen hedduudha.

Ijoollee haarayatti dirree Qabsoo Ertiraa deemtu bifa adda addaatiin simachuu fi ija adda addaatiin ramaddii kannuufii hiriyoota keenya kan Dirree tureetu nuuf hime. Sadarkaa deeggarsaattilee Namoonni muraasni Abbootii ABO, namoonni muraasni ammoo deeggartoota ABO taheeti hanga Dhaaba Biyya galutti Dhaabni tirachaa ture. Eega biyyatti gale addaan bittinaahuun bu’aa walqoodinsa Erititaa akka tahe nama hedduu hima.

Haalli amma jiruus Namoonni Mutaasni Abbootii ABO tahuu barbaada. Abbootii ABO tahuun waan gaariidha. garuu nu malees Oromoon hundi Abbootii ABO’ti jedhanii yaaduun dansaadha. an Jawar Mohammed ilaalcha Siyaasaa isaa kan ammaa hin deeggaru. ammoo olola sobaa kan isarratti banan niin morma. Sababniin olola isarratti banamu murmuuf, osoo Jawar ABO-WBO hiikkachiisuu hin dubbatin, Jawar ABO hiikkachiifna jedhee jachuu isaaniiti.

Kaayoon ijoon as duuba jirtu Qabsoo Bilisummaa Oromoo numalee namni biraa keessa seenuu hin qabu jachuudha agarsiisa. Kana mormina. Abbaan qabsoo Oromoo nu qofa jachuun, Itoopbiyaan qulqqulluun nu qofa jachuu warra Amaaraa saniin addaamiti. Oromoon kamuu Oromoo fi Oromiyaaf Qabsaahuu barbaannaan nama tokkolee hayyama hin gaafatu. Waan isatti fakkaateen saba isaatiif qabsaahuuf namuu mirga qaba. Tasggabaawaa.

Check Also

kfo

Walitti bu’iinsi haala wal fakkaatuun yoo furmaata argate malee nagaa fi tasgabbii Toophiyaa keessatti barbaannu gonkuma galma gahuu hindanda’u.

Waliigaltee Waraana Dhaabuu fi Nagaa Buusuuf Mootummaa Federaala Itoophiyaafi Adda Bilisummaa Ummata Tigiraay (ABUT) Jiddutti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *