Toopbiyaa Dimokraatessuu fii Oromoo Bilisoomsuu. | Bilisummaa Online
Oduu Haaraya

Toopbiyaa Dimokraatessuu fii Oromoo Bilisoomsuu.

jemaal ahmed
Ummanni Oromoo baruma Minilikiin gabrummaa jalatti kufe guunguma diddaa gabrummaa eegale. Bara Hayila-Sillaasee ifatti qabsoo hidhannoo eegale. Dura Jeneraal Waaqoo guutuu Haaji Husseen Bunee faa qabsoo hidhannoo Naannoo Baaleetti eegale.
 
Jaarraa Abbaa Gadaa faan Qabsoo Baaletti eegalamterraa qooda fudhataniiti, Qabsoo Baaletti eegalamte Mootummaan Habashaa dadhabsiifnaan gara Somaaliyaa deemanii achitti ABO hundeessan. Daadarkaa Imala Ardii Eshiyaatii fi hidhaan Somaaliyaa osoo Abdii hin kutachiisin, gara Biyyaa deebi’anii Qabsoo hidhannoo eegalan.
Bara Jeneraal Waaqoo Guutuu faan Qabsoo hidhannoo gaggeesaa turaniis, Oromoo hedduutu Sirna gabroomfattoota Habashaa Tajaajilaa ture. Bara Jaarraa Abbaa Gadaa faan ABO hundeesanii as bahan kan dur daran waan hedduutu ture. Oromoon gama tokkoon Sirna Habashaa Dargii tajaajila.
gama birootiin Dhaabilee Siyaasaa kan akka MEISON, ICHAT fi kkf hundeefataniiti maqaa Mormitootaatiin barcuma barbaadaa turan. Sabaaf humaa hin goone. boodarra cinaan ajjeefameeti, ofiifuu Bosanatti baqatee ABO’tti dabalame. Siyaasaan karaa nagayaa Sabaamitii abbaafuu akka humaa hin goone asirara hubachuun ni dandayama.

Gama tokkoon ammoo Mormitoota jachuun ifiifuu gama naannawaatiin gorsituu Mootummaa jachuudha. Namoonni kun nama barate. Oromoon barate Barcumaaf Caayaa Mootummoota habashaa Naannawa. gama birootiin Jeneraalonni Oromoo keessaa dhalate Waardiyaa Mootummaa Dargiiti.
Bara Hayila-Sillaaseetiis sanuma ture. Bara Dargiitii fi Bara Hayila-Sillaaseetiis Gootota Sabaaf jacha jireenya ofii gane malee, Oromoo baratee fi Oromoon hidhate Waardiyaa Mootummoota habashaa turan. Kan Bara Wayyaanee irra wayyaadha. Wayyaaneen Oromoo baratte ofirraa fageesiteeti namoota hin baratin leenjifatte. Humni isiin leenjifatte Sochii humna baratee ifirraa ittisuu dadhabnaan kufte.
haalli amma keessa jirru ammoo xiqqo haalota dabre sanirraa adda. waan heddu nama dubbisaas, garuu xiqqumaan irraa dubbadha.Namoonni Siyaasaa Oromoo keessatti hirmmaachaa jiran yeroo takka Qabsaahota fakkaatan.yeroo taan mormitoota fakkaatan. yeroo biraa deeggartoota fakkaatan. eega gara nagayaa deebi’uun hin hafne maaliif Wareegama Qeeyroo barbaachisa ree ? Mootummaa deeggaruufiis mirga qaban. garuu wiliq-wiliqii sirreefatanii gara tokkotti cituu qaban.
Sababni isaatiis Lubbuun Oromoo tan yeroo isaan qabsaahota fakkaatan dabartu sun hin deebitu. gama biraatiin Qeeyroo teenya Mootummaa wajjiin Diina godhanii achi deebi’anii Mootummaa wanjiin fira tahuun, Ummataa fi Qeeyroo miidhuudha. erga Mootummaa wajjiin nagaya taatan warra isin hordofuufiis dhaamsa nagayaa dabarsaa. Qeeyroo Battala keessatti dhiiftanii biraa hin galinaa jachuu fedheeti.
 
 

Check Also

lola kaabaa

Haala yeroo fi dubbii lola Toophiyaa keessatti adeemaa jiru muraasa

Lalisa Hussein Warri Mootummaa walii galtee Aafrikaa Kibbaa cinatti “Maqalee qabannee injifannoo labsina” jedhanii qophiirra …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *