Oduu Haaraya

Nama Rabbiin jaalate maaltu jibba? Awwaalcha Sheekha guddaa Aadam Tuulaa, ilmi namaa manatti hin hafne.

SEENAA SHEEKH AADAM TUULAA fii yaada ummata (Yaadannoo Sheekh Aadam Tuulaa (1905-2022)

By: Urjii Ahmad

Kitaaba bara 2014 katabe kan Aqiidaa Ulamaa’ii teenyaa jedhurraa fuudhame.
Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo Al- Oromii. Goodina Harargee Bahaa, Aanaa Kombolchaa, Tuulaa ganda je’amtutti Abbaan Isaa Ahmad Hammarroo Amata 90 dura Ilma Aadam je’ee Moggaase Rabbiin kenneef. Kan booda Sheekha Sheekkootaa tahuuf taa’u. Inni Ulamaa’ii biyyi teenya qabdu guddichaa fii Hangafa. Barsiisaa ulamaa’ootaa, leenjisaa Ustaazootaa, abbaa ilmaaniiti. Barnoota Islaamaa joollummaan barachuu jalqabe. Barnoonni Islaamaa Itti Mi’aawee dargaggumma Isaa Beela, Oowwa, qabbana, osoo hin janne barnootumarratti dabarse. Ulamaa’ii akka aduutti dukkanna wallaalaa ibsaa turan hunda irra deemee barnoota Isaan qaban irraa fuudhatee jira.

Sheekh Aakdam Tuulaa 20221019 24

Sheekootii Isaa Gurguddoo fii Beekkamoo. Sheekh Abdullaahi Tuquu Al-Oromii Sheekh Abdullaahi Tuqoo addeeysaa Aqiidaa fii Sunnaah, Mujaahida Harargee, Arsii fii Baalee Towhiidaan Ibse ture.
Abdullaahi Tuquu Bahara beekkumsa Islaamaa, Abbaa Hadiisaa fii Towhiidaa kan miilaan Ilmii barbaada biyyaa bahe, Eegas Doonii yaabbatee garaa Baharaa gubbaa guyyaa 15 Nyaataa fii dhugaatii malee taa’ee Makka gahuu dandahe.

Biyyaa fii Biyyaa alatti baratee Ulamaa’ii hanga ammaa Towhiidaan biyya teenya Ibsaa jiran barsiisee biraa Akhiiraa gale Rabbi Rahmata haa godhuuf. Sheekh Aadam Tuulaa Sheekkootii akkanaa tanarraa barate. Sheekh Ahmad Basiiraa Inni haafiza hadiisa Rasuulaa s.a.w kan Ijaan hin agarre ture. Sheekh Ahmad Basiiraa barnoota barachuuf Hararghee ka’ee Jimmaa Abbaa Jifaar hoggaa dhaqu Saahiba Isaatu harka qabee Isaan deemaa ture. Waahilli Sheekh Ahmad Basiiraa harka qabee karaa itti garsiisaa, Harargeerraa Miilaan deemaa Jimmaa Abbaa Jifaar guyyaa hedduu booda hoggaa gahan, dhukkubsatee ciise. Maaliif Dhukkubsate beeytaa? Sheekh Ahmad Basiiraa Ijaan waan hin Agarreef saahiba Isaa yeroo hedduu duubaa itti gufataa karaa dheeraa deeman, Waahilli Isaa miilli Isaa gama hirphaa gadiitiin dhiiguu fii
Madaawuu jalqabe. Garuu hanga Jimmaa gahanii Obsee deemaanii ture. Jimma hoggaa gahan garuu dhukkubsatee baati oliif ciise jedhan.

Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa Barsiistoota akkanaa hedduu irra deemee irraa barate. Hundi Isaanii Ijaazaa/ hayyamaa barsiisuu fii Fatwaa godhuu kennaniifii gaggeeysan. Sheekh Aadam Tuulaa haala kanaan barsiisuuf gad taa’e. Amata 60 oliif barsiisaati jiruu Isaa dabarse. BARSIISUU JALQABUU ISAA Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa Harargee Bahaa Aanaa Dirree Xayyaaraa, Aradaa Suqul keessatti waan amata 30 oliif deemee barate barsiisuuf Majlisa barnootaa/Yuniivarsiitii Islaamaa tan Majlisa Sheekh Aadam Tuulaatiin beekkamtu gad dhaabe. Sheekharraa baratuuf Ilmii namaa Hararghee, Jimmaa, IluuAbbaa Booraa, Arsii, Baalee, Wallaggaa fii Kafaa irraa lakkoofsa hedduun dhufuu jalqabe. Sheekni Salaata Subhii booda barsiisuu jalqaba. Hanga Asrii barnoonni adda addaa itti fufa. Nyaataa fii dhugaati wanni je’amu jidduu tana hin jiru. Salaataa fii barsiisuu qofa. Hadiisaa, Fiqhii, Towhiida, Tafsiira Gosti barnootaa hedduutu baratama. Baratoonni Isaanii 1500 hanga 2000 amata guutuu ji’a Ramadaanaa malee ni baratan.

Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa Ulamaa’ii akka Isaa hedduutu Isarratti barate. Inni beekaa Hadiisaati. Umrii nama tokkoo waan tahuu amata 60 ol barsiisummaan itti fufanii jiran.
Sheekkootii Isa biratti baratan keessaa Haafiza Hadiisaatii fii barsiisaa Ulamaa’ootaa Sheekh Ahmad Watar, Sheekh Usmaan, Sheekh Aliyyi Fallaanaa, Sheekh Muhammad Zabuur fii Ulamaa’oonni biroo hedduudha.
Sheekkootiin yeroo ammaa majlisa barsiisaa jiran tan Isaan bira hin dabrin waa xiqqoodha. Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa arrallee hin dadhabne, hin hifanne barsiisuu, gorsuu, Haqa dubbachuu, Aqiidaa Salafaa Qulqulluu facaasuu, warra bid’aa ragaan saaxiluu itti fufee jira.
Sheekhni Amata dheeraaf waan barsiisaa jiruuf Abbaa barsiisee, Ilmoo barsiisee, Ilmoo Ilmoo barsiise jira. Suni akkamitti tahe yoo jette?

Kunoo dubbiin akkana, Sheekha bira darsaan tokko gaafa Inni dura barsiisuuf gad taa’e, Isaa dardaraa bira dhufee baratee Sheekni barsiisuuf hayyameefii biraa deeme. Inni Sheekha tahe kuni Ilmoo dhalee Sheekh Adam Tuulaa biratti erge, Inni kunis baratee biraa bahe, Ilmoo Isaa itti erge, amma kan sadeeysoo kuni Majlisa sheekhaatti barataa jira. Amata sagaltama dabran jedhama umriin Isaanii garuu akka nama amata 19tti Halkanii guyyaa barsiisuu fii ifiif dubbisuun dabarsan. Waan Amantii Islaamaa faalleeysu, Jallinoota adda addaa karaa bareedaa Quraanaa fii Hadiisaatiin Ummataaf ni ibsan. Sheekni Darasaa qofa osoo hin taane warra biyyaa guutuu Abbaa fii Ilmaanis walumaan sagantaa barnootaa godheefii barsiisaa jira.
Kana hunda wajjiin kitaaballee qopheeysee jira. Gariin Afaan Oromootiin, gariin ammo Afaan Arabaatiin qopheeyfamee jira Maxxanfamuu baatus. Sheekh Aadam Tuulaa Zamana mootummaa dabree keessa akka biyyaa bahuuf dhibbaan adda addaa itti godhamtee turte, Garuu didee Obsaan ummata barsiisuu filate. Mootummaan Dargii ummata barsiisuu Sheekhaa waan jibbeef amata lamaaf Hararitti badii malee hidhee miidhaa qaamaa hedduu irraan gahee jira. Sheekni san hunda booda hoggaa bahan akkuma nama imaltuu deemee dhufee tokkotti barsiisurra gad taa’aan. Sheekni Sheekkootaa Tuminsa dur tumamerraa kan ka’e godaanisa guddaa Milarraa qaban, Miilli yeroo garii tumaa sanirraa Isaan dhukkuba.
Rabbiin irraa haa jaalatu Sheekha

Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa.

Maddi: Aqiidaa Ulamaa’ii teenyaa fuula: 68-72
Qophii Urjii Ahmad: bara 2014

Ni hinaafan!

Miidiyaan kallattiin gaggeessaa Sheeka keenya guddaa Adam Tuulaa dabarsu dhabanis, hawwaasni bal’aan osoo manattii hin hafiin gaggeessaa kabajaa qabdu godhaniif.
Miidiyaas ta’e warrii yeroo kaan dibbee dhaanu ULAAMA keenya guddaa garuu ni hinaafan. Maal hinaafu?
Sujuda adda isaarra iftu hinaafu.
Imaama isaa bareeddu hinaafu.
Oromummaa isaallee ni hinaafu.
Jaalala uummani isaaf qabu hinaafu.
Hayyummaa isaatti hinaafu.
Beekkamtii isaatti hinaafu. Jarana waan meeqa hinaaftanii dandeessu??
Isin dibbee dhahuuf dirqama namni Gono**ree ta’uu hin qabaa? Hunda filattee boossuu!….
Osuma hinaafamuu garuu, gaggeessan har’a godhamee sadarkaa addunyaatti riikoordii cabsa.
Allahu Akbar!!!

Rabbiin Qur’aana isaa keessatti akkas je’e, “Lubbuun hundinuu du’a ni dhandhamti, guyyaa qiyaamaa qofaaf mindaan kee guutuu siif kaffalama.” Kullu nafsin zaa’iqatul moowti; wa innamaa tuwaffawna ujoorakum Yawmal Qiyaamati faman zuhziha ‘anin Naari wa udkhilal Jannata faqad faaz; wa mal hayaatud dunyaaa illaa mataa’ul ghuroor.
Silaa akkas ta’uu baatte sheeka keenya guddaa akkam kabajnu fi jaallannu dhabu hin taatu ture.
Sheekni guddaa Adam Tuulaan:
Abbaa seenaati,
Laayibireera Qur’aanaati,
Qabsaha fi abbaa qabsoo keenyaati. Olmaa jajjabduu saba isaaf ooleera. Guyyaa Rabbiin jaalatu geenyaan fuula Rabbii, bakka hundi keenya dabareen deemnu, deeman.
Wanti guddaan du’a miti. Gaafan lubbuun jiru maalan dalageetu gaaffii. Akka sheek Adam Tuula waa hunda guuttatanii du’uun du’a osoo hin taane fayyina.
Ulaamaa keenya!, Rabbiin jannata furdoosaan haa qananiisu.

Muftii sheikh Adem tuulan rabbiin firdoosiin isaan haa qananiisu!

Ethiopia | Muftii Sheikh Adem Tuulaa kan biyyi teenya du’aan dhabde warqaa islaamaa guddaa biyya teenyaa turan. Inni ofii isaatiin dhaabbata islaamaa guddaa ture.

Ulamaa’onni urjii lafaa ta’an dhumuun isaanii dhaloota dhufu balaa guddaa keessa akka jiru agarsiisa.
Aalimni umrii isaanii guutuu islaamummaaf kennan, cinqii fi dadhabbiin isaanii biyyee isaaniitiif qaban gaafa lubbuun darban dhaloota dhufu irratti mul’ata.
Jilli awwaalcha muftii sheekh Adem tuulaa irratti argamuun isaanii hangam takka onnee ummataa keessa akka turanii fi aantummaa guddaa ummatarratti dhiisanii deeman agarsiisa.
Ulamaa’ota gaafa darban qofa osoo hin taane gaafa lubbuun jiranis kabajuun amala ulamaa’otaa tahuu qaba.
Dhugaan nuti ulamaa’ii keenya qaalii itti dhabaa jirruufi dhaloonni dhufu meeshaa gurguddaa kana bakka buusuuf yoo hin yaadne yeroon itti aanu yaaddessaadha.
Yeroo dhaloonni beekumsa irraa fagaatee jireenya addunyaatiin muddamaa jirutti, hayyoonni dhaaltuu nabiyyootaa ta’an du’uun isaanii gurra keenyatti ba’aa ta’aa jira.
Ulamaa’onni lubbuu isaanii ulamaa’otaaf kennan gaafa lubbuun darban amanamuu fi qaama cimaa milkaa’ina oomishuuf hojjatu dhabuun isaanii qormaata guddaa keessa jiraachuu keenya agarsiisa.
Keessattuu investarootaa fi hawaasni daldalaa ulamaa’ota dagataman osoo lubbuun jiranii kabajuu fi kunuunsuun bakka bu’iinsa akka oomishan gochuu qabu.
Aalimoonni umrii isaanii guutuu ummata gargaaruu, barsiisuu fi tajaajiluu irratti dabarsan hangam carra qabeessa?? Eenyutu bakka isaanii bu’a?
Muftii sheikh Adem tuulan rabbiin firdoosiin isaan haa qananiisu.

Oromo Federalist Congress – OFC
8 tim
·
Ibsa Gaddaa


Paartiin Kongirasii Federaalawaa Oromoo du’a sheeka sheekotaa,hayyuu seenaafi amantii, Sheek Adam Tuulaatin gadda itti dhagahame ibsaa Lubbuu isaanii jaannataan akaa qananiisu,maatii,firoottaniifi fi hawaasa musliima hundaaf jajjabina hawwa. Sheek Aadam Tuulaa umrii dheeraa isaanii keessatti beekomsa dabarsuu, nagaa lallabuu fi seenaa ummataa kunuunsuun beekkamu.

SIRNA AWWAALCHAA JANAAZAA SHEEKH AADAM TUULAA
Sirna Awwaalcha(janaazaa) Hayyuu Islaamaa Sheekh Aadam Tuulaa magaalaa Harar Istaadiyooma Imaamu Ahmaditti haala kanaan gaggeeyfamee jira.
Seenaa keeysatti nama hangana awwaalcha isaarratti Oromiyaa guutuurraa namni dhufee hirmaatan hin aagarre. Namni lafarratti hin hafne. Lilmeen darban lafan buutu. Namni diiniif jiraate, kan lammiif jiraate, kan biyyaaf jitaate akkana. Rabbiin rahmata haa godhuuf.
Rabbiin Jannata gararree Al Firdoowsiin haa qananiisu. Maatii, firaa fii aalii akkasumas ummata Oromoo hundaaf imaanaaf sabrii nuuf haa kennu🤲
Barento Mohammed
Harar
Onkololeeysa 19, 2022

Hayyuun Islaamaa beekkamaan sheekhni sheekkanii Sheekh Aadam Tuulaa gara fuula Rabbii deeman. Sheekh Aadam Tuulaa(Aadam Ahmad Hammarroo) miseensa ulamaa/Muftiiwwan gurguddoo biyti teenya qabdu keeysaa nama tokko yoo tahu, nama sadarkaa beekkomsaa/ilmiitiin dorgomaa hin qabneedha. Barumsa amantii Islaamaa barsiisuuniis waggoota 60 oliif barsiisuu fii leenjisuun hayyuu dorgomaa hin qabne ture. Barumsa Islaamaa barsiisuun cinatti araara buusuun kan beekkamu hayyuun kun nama guddaa guddinaa fii milkaayina hawaasaa fii biyya teenyaatiif qooda leencaa nama bahaa tureedha.
Walitti bu’insa daangaa Oromoo fii Somaalee kan wayyaaneen habaqaaltee deemte namayyuu afaan wallaale ulamaa’ota furmaata waaraa kaayan keeysaa nama tokko ture Sheekh Aadam Tuulaa. Nama biyyaa, abbaa nagayaa, abbaa araaraa, abbaa diin, abbaa diinagdee, abbaa, nama hundaa,……..
Arra biyya teenyaa fii Muslimoonni addunyaa guutuu hayyuu ifaa lafa tanaa dhabne. Addatti biyti teenya nama guddaa dhabde, keeysattuu Oromoon ija dhabne, beekhaa guddaa rakkoo biyyaa fii biyyootiif hadoodu, kan furmaataan dhaabbatu dhabne. Rabbiin bakka nuuf haa buusu 🤲
Rabbiin jannata irra caaltuu taate Firdoowsiin haa qananiisu, maatii, firaa fii aalii, hawaasa Muslimaa, akkasumas biyya isa dhabdeef sabrii nuuf haa kennu

Seenaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah)
Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo Al-Oromii.
Goodina Harargee Bahaa, Aanaa Kombolchaa, Tuulaa ganda je’amtutti Abbaan Isaa Ahmad Hammarroo Amata 90 dura Ilma Aadam je’ee Moggaase Rabbiin kenneef. Kan booda Sheekha Sheekkootaa tahuuf taa’u.
Inni Ulamaa’ii biyyi teenya qabdu guddichaa fii Hangafa. Barsiisaa ulamaa’ootaa, leenjisaa Ustaazootaa, abbaa ilmaaniiti.
Barnoota Islaamaa joollummaan barachuu jalqabe. Barnoonni Islaamaa Itti Mi’aawee dargaggumma Isaa Beela, Oowwa, qabbana, osoo hin janne barnootumarratti dabarse. Ulamaa’ii akka aduutti dukkanna wallaalaa ibsaa turan hunda irra deemee barnoota Isaan qaban irraa fuudhatee jira.
Sheekootii Isaa Gurguddoo fii Beekkamoo.
Sheekh Abdullaahi Tuqoo Al-Oromii, Sheekh Abdullaahi Tuqoo addeeysaa Aqiidaa fii Sunnaah, Mujaahida Harargee, Arsii fii Baalee Towhiidaan Ibse ture.
Abdullaahi Tuqoo Bahara beekkumsa Islaamaa, Abbaa Hadiisaa fii Towhiidaa kan miilaan Ilmii barbaada biyyaa bahe, Eegas Doonii yaabbatee garaa Baharaa gubbaa guyyaa 15 Nyaataa fii dhugaatii malee taa’ee Makka gahuu dandahe.
Biyyaa fii Biyyaa alatti baratee Ulamaa’ii hanga ammaa Towhiidaan biyya teenya Ibsaa jiran barsiisee biraa Akhiiraa gale Rabbi Rahmata haa godhuuf.
Sheekh Aadam Tuulaa Sheekkootii akkanaa tanarraa barate.
Sheekh Ahmad Basiiraa, Inni haafiza hadiisa Rasuulaa ﷺ kan Ijaan hin agarre ture. Sheekh Ahmad Basiiraa barnoota barachuuf Hararghee ka’ee Jimmaa Abbaa Jifaar hoggaa dhaqu Saahiba Isaatu harka qabee Isaan deemaa ture.
Waahilli Sheekh Ahmad Basiiraa harka qabee karaa itti garsiisaa, Harargeerraa Miilaan deemaa Jimmaa Abbaa Jifaar guyyaa hedduu booda hoggaa gahan, dhukkubsatee ciise. Maaliif Dhukkubsate beeytaa? Sheekh Ahmad Basiiraa Ijaan waan hin Agarreef saahiba Isaa yeroo hedduu duubaa itti gufataa karaa dheeraa deeman, Waahilli Isaa miilli Isaa gama hirphaa gadiitiin dhiiguu fii Madaawuu jalqabe. Garuu hanga Jimmaa gahanii Obsee deemaanii ture.

Biyyaaf malee biyyeef hin qabsooyne”

Warra kabajaa akkasii argatu nu haa godhu. Sheekha kheenya jannatul firoosiin haa qananiisu.!

Check Also

taayyee fi abiyyi

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha …  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *