Oduu Haaraya

Beekaan waan dubbatu beekaa, wallaalaan waan beeku dubbata.

Kaleessa #Ilaamee #7 keessatti waan an barreesseen warri mufattan dhiifama guddaa akka naaf gootan, na hoofkalchitan, kabajaa guddaan isin gaaffachaa, ammoo, Salaalerraa kanin baradhe waan armaan gadii tahuu naa hubadhaa: Kutaa Duraa

1. #Mala_dandamannaa (#social_resilience_strategy) Dhiibbaa siyaasaa amantii golga taasifatee jaarraa 7 oliif (jaarraa 13ffaa irraa kaasee) isaanirra ture akka itti dandamatan (social resilience mechanism) isaanii gaafannaan, Manatti akka abbaa, alatti akka ambaa! naan jedhan. Akkasiin, bu’uura Oromummaa tursan: aadaa, ulfaa fi bakka ulfoo, safuu, hooda, laguufi lagannaa, duudhaa fi sona, dhugeeffannaa, Ayyaantummaa, amantaa fi amantii ganamaa dhaloota dhaalchise. An sanin qoradhe, waggaa 12 dura, ergamtoinni wayyaanee yerosii, atiwoo Maccaa, maaf Macca hin qoranne, maaltu Salaalee si fide? jedhaniifi akka an #aadaa_diddaa #Oromoo_Salaalee qorachhuf ragaa guurradhee USA hin baanetti utuu balbala natti cufanii….

2. #Gootummaa (#Heroism) Qabsoo Oromoo keessatti gootonni Salaalee (Hagarii Tulluufi obboleeyyan isaan), Gen. Tadasa Birru Kenne, Badho Dilgaasaa, kkf) qooda isaan qabanfi har’as jabina Oromoo Salaalee (Tuulamaa) fkn hedduu kaahuun in dandahama. Sanuman qoradhes.

3. #Afoolaa fi #Falaasama (#Folkore & #Philosophy) Jirtuu? jennaan, Mana hin jirruu, ala hinjirru! naan jedhan, sodaa fi yaaddoo jiruu-jireenya isaanii keessatti isaan mudataa tureefi jiru (existential threat) yeroo naaf ibsan. Carraa argameenis sanuman dhaloota lafaa-dhufaa kunoo barsiisaa jira.

abbaa ebba1

4. Maqoota Namaafi Bakkaa (Personal & Place Names: Ethnonyms & Toponyms) -Nami tokko maqaa #hammachiisaa fi kirittinnaa dabalatee yo xiqqaate #maqaa fi #masoo 10 gahuu qabaachuufi -Maqaa bakkeewaan ulfoo (sacred place) fi seenaa (historical sites) akka maqaa gosaa (Ethnonyms) fi maqaa bakkaa (tulluu, malkaa, oddoo kkf) (toponyms) fi miira oddoo waliin walitti dhufeenya cimaa (sense of place and place attachment) Salaaleerraan baradhe. Kanneen armaan olitti eere waa xiqqoo, Amantiitii kamuu golga godhatee dhiibbaan Oromoofi Oromummaarra gahummoo faallaa #Ayyaantummaa_Oromoo (#Oromo_Spirituality) ti waan taheef qabsoo sanirratti taasifamu bifa kamiinuu qaama qabsoo bilisummaa Oromoo tahuusaan jabeessee barsiisa. Kun anaafi isiniifis dirqama lammummaafi Oromummaati.

Ammoo, yoomuu uummatichaaf jaalalaafi kabajaa guddaa akkan qabu waanuma beekamu. Knf. barsiisuu keessa, waan an kaleessa barreese, isiniin, hordoftoota amantaa Ortodoksii kan taataniifi Athilet Tamirat Tola (yo isatu nama Bataskaana jedhame san ijaarsises tahe), qeeqi koo yoo isas / Tamirat, isiniinis mufachiise,Tamirat illee, hundaawuu, kanneen na hubattaniifi waan an Oromoorraa baradhee isin barsiisu jala deemtan, isin mufachiisuu koof dhiifama guddaa isin gaafadha. Na hoifkalachaa.

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *