Categories: Yaada

“NAMNI AKKA FEDHU DHABE AKKA HIN FEENE TAHA!” JA’A WARRI BIYYA KEENYAA HOGGAA MAAKMAAKAN…

“Aak..! Ja’an malee waan tufan, makmaakan malee waan himan..!” jachuun Oromoodha waa baayyee mul’isa. Aniis dubbii tiyya maakmaaksaan jalqabuun kiyya maakmaaksa isinii himuuf yookaa isin barsiisuuf miti. “Waatoo jala waatu jira.” ja’anii mitiiree? Waa malee manni hin aaru, aniis waa malee hin maakmaakne jechuu kiyya. Dhiifama! Dubbiitu naan bade malee Salaamtaas hin daganne; Ashamaa! harka fuune akkam jirtan? Isin haa gahu salaamanni kiyya ilmaan Oromoo hunda bakkuma jirtanitti. Ani yaada dhimma saba kootii kan amma amma sammuu koo keessa deddeebi’ee boqonnaa naaf waakkatu malee, nagayaan jira.

Dubbiin maakmaaksaan jalqabde tun eessaaf deemti jattanii xumura barruu tanaa irra gahuuf akii sardamuun keessan hin oolu. Garuu, dubbichi oduu qammante taatullee amma haareyatti waan finiinseetu jira. Inniis dhimma waggaa lama dura xuxxisaan isii dhagahamuun gurraaf qalbii ilmaan Oromoo mara keessa marmaaraa turte takkaatu qabatamaan dhoohee; guyyoota lameen dabre kana mata duree haasawaa taahuun, gurra ol galuu fi gad galu keessa wacaa turtee fi xiqqaa guddaan afaanii qabaachaa turee dha. Jechi san guyyaan gochatti jijjiiramee arginu yoom tahinna? Tan jattu namuu if gaafachaa tureeti, arra qabatamaan hojitti fassaramuun isaa hin oolle. Haalli isaa garii ajaa’ibsiisee, kaan gaddisiisee, hanga tokko gammachiisuus, aniis yaanni keessa kootti dhimmisee akkaan ilaalcha dhunfaa kootii isiniin gahuuf na dirqisiise. Dhimmichiis gara biyyaatti galuu ADO (Adda Dimokraatawaa Oromoo) ykn ODF ti. Mee aniis eessarraa jalqabee essatti akkaan goolabuuf na rakkisullee, waan sammuu kootti dhagayame walitti cunfeen, gabaabsee akka armaan gadiitti jabaa isiniin jechuuf yaale. Dubbisa gaarii.

Yeroo waa’ee ADO/ODF kaasanii haasawan waan baayy’eetu mataa kiyyaa keessa olii gad marmaaree, qalbii kootiis raasee, sammuu tiyya keessattiis gaaffii uumee na xaxa. San keessaa ijoon akka fakkeenyaatti:

  • Gootowwan qaqqaaliin qabsoo bilisummaa Oromootii fi walabummaa Oromiyaatiif jecha lubbuu takkittii lagoon qabnen san laatanii wareegama qaalii bakka bu’ummaan hin argamne kafalaa turan san karaa kijibaa/ xurree sobaa/ irratti wareegamaanii laata? Kan ja’uu dha.
  • inni biraa ammoo, namni waggaa meeqaaf Hayyu Duree ABO (Adda Bilisummaa Oromoo) tahee qabsoo tanaan deemaa ture akkamitti “Ani takkaa bilisummaa Oromiyaatti amaanee hin beeku ja’a?” Tan jattuu dha.

Gama biraatiin, kaleeysa yeroon OMN dhageeffadhu, Nama tokko kan garee Leencoo Lataa ykn ODF deegaruutuu, “Nuti reefka keenya biyyatti nu hin galchine, Nuti osoo lubbuun jirruu biyyatti galle.” ja’e. Safuu! Waan hedduu nama gaddisiisaati. Sababniis namni reefki isaanii biyyatti gale sooreeysa Jaarra Abbaa Gadaa fi Jen. Waaqoo Guutuu faa dha. Fuulli rabbii isaanitti haa tolu! Nama tahee kan biyya ifii jibbu hin jiru. Garuu, jeeyni adamoof bahe leencaaf arba hin baddinii, osoo simbirroollee hin adamsine manatti galuun akka kiyyaatti salphina. Salphina qofa moo?? Salphinni yoo wal caale ,salphina salphinaa oliiti.

Wanni baayy’ee/hedduu sammuu tiyya na rakkisaa jiru; nuti yeroo biyyaa jirru namni alaabaa ABO uffachuu miti namni ijaan yoo arkeehuu mootummaan gabroomfataan biyya cunqursaa jiru si ajjeessa. Amma garuu akkamiin alaabaa ABO fudhatanii biyyatti galan? Gaaffii natti tahe. Akkuma alaabaan biyya addunyaa hundaa hikkaa qabdu, alaabaan ABO tiis hiikkaa fi ergama if dandahe qabaachuun beekkamaa dha. Garii namaatiif alaabaan huccuu dha. Garuu, huccuun huccummaa isiitiin osoon taane, asxaa fi faajjii sabaa tahuun hiikkaa, akeeka, kaayyoo, galmaa fi kkf if keessatti hammatteeti kan moggaafamtu. Wanni faarfataniif, wanni ittiin dhaadataniif, wanni ittiin geeyraraniifiis kanumaafi. Gama kaaniin Alaabaan ABO Kaayyoon isiin jalqaba ganamaa baateef galmaa hin geenye. Galmaan gahiinsa akeeka kanaa milkeessuuf jecha, Jaallan qabsoo irratti wareegaman kan lakkoofsaan maqaa dhooynee hin xumurre hedduutu jira, hanga ammaatiis itti wareegamaas jiru. Duuba arra ODF eega kophatti miraaza baatee, meeshuma ABO ti dhimma baana jachuun kun nama hin dhiphisu jattanii yaa ambayyoo?? Ani akka mataa kiyyaatti ODF irraa rakkoo hin qabu. Haa tahuu malee alaabaa ABO qabatanii biyyatti galuun isaanii anaaf du’a.

Akkuma beekkamu, Kaayyoon ABO WALABUMMAA OROMIYAA, BILISUMMAA OROMOO FI BIRMADUMMAA DANGAATI. ODF Jechuun ammoo Oromiyaa Xooppiyyaa keessaati dimookraassummaan badhaate mirkaneessuu dha. Jecha biraatiin, dimookiraasii Xooppiyyaa keessatti barbaduudha! Waan hedduu wal faalleessati. Nama harree qoraanii fi harree daakuu wal keessa oofuu taate dubbiin. Mee isinuu dubbii tana gad laalaa kaa. Namni kaleessa akeeka ABO qabatee dhaabbicha hogganaa ture arra ammoo tan biraa uummatee, akeeka kaleessaa san dagatee hoggaa gartu “Namni akka fedhu dhabe akka hin feene taha.” nama hin jechisiisuuree?

Xumura irratti dhaamsiin ani Oromoota, sabboontootaa fi deeggartoota ABO /Adda bilisummaa Oromootif/ qabu yoo jiraate; hamilee hin caphiina. Qabsoo teenya itti fufuu qabna. Roga /karaa Hundaan, Rakkoo qabsoo teenya keessa jirtu qabsoon irra aanna. Sabboontootaa fi deeggartoonni ABO kanneen odeeffannoo gahaa hin qabne ololaan hamilee cabuu hin qabu. Qabsoon teenya itti fufuu qabdi. Gama keenyaan hayyootaa fi beeytoota Warreen qabsoo bilisummaa Oromootif Wareegamaan caalaa wanni beeynu ykn beekoomsi nuti addatti qabnu hin jiru. Addi Bilisummaa Oromoo nuuf jecha tattaafataa jira. Kanaaf, dhaaba kaayyoo jalqaba baheef, akeeka bu’ura irraa itti amanee sinqeeyfatee amnarra jiru, kan xurree dhugaa irraa osoo hin maqin qabatee deemu ABO cinaa dhaabbachuu qabna malee, akka muka qilleensi gamaagamana raasuutti ykn akka bishaan qorii irraatti garuma jallisanitti dhangala’uu hin qabnu. ODF biyyatti galuun qabsoo teenya of duubaa hin deebbisu. Kan duraani caalaa itti jabaachuu fi itti cichuu qabna. Isaaniin, ODF’niis “Carraa Gaarii” jechaa, Hamileen keenya jabaatee, daran qadiidee, qabsoon keenya finiinee itti fufuu qaba. Isaaniin mormuun sirrii miti. Itti dhiisa namuu wan fedhe haa godhuu. Kan dogoggore ykn saba isaatti daba hojjate seenaatu gaafata waan taheef. Wanni nuti godhuu fi if gaafachuu qabnu “Akka dhunfaatti, mataa keenyaan dirqama keenya bahaa jirraa?” kan ja’u tahuu qaba… Dhugaa jirtu hanga addaan baafannuu ammoo jerjeruu haa dhifnuu. Hundaafuu, ODF duriis dhaaba keenya wan hin tahiiniif maaliif itti rakkanna? Isaniis carraa isaanii haa yaalanii. Yoo siyaasaan carraa taate. Kabajamtoota dubbiftoota barruu tanaa, kun ilaalcha dhunfaa kootiiti. Ilaalcha Sirkannaan jachuu kiyya. Garuu yoon dogogore dhiifama isin gaafachaa, tokkummaan gaachanna! Irreen tokkummaa yeroo mara injifattuu dha. Kanaaf, tokkummaa oromoo jabeessaa jachaatiin ergaa koo goolaba.

=====”OROMIYAAN NI BILISOOMTI!!”=====

Galatoomaa!
Sirkannaan Ahmed.
Bitooteessa 21/2015.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago