Categories: Oduu Oromiyaa

“YAA CALANQOO LOLAA..!”

 

Galmee injifannoo si yaa dirree duulaa,
Gootummaa abbootiin si keessatti laala,
Dhiigni galaanawee sirra yaa’e akka lolaa,
Bar dhibba caalaa, lafee dhabde awwaala,
Hanga arraa haffiggaan aduu si affeelaa,
Turte gaa aabboo koo taate lafee callaa,
Arra qubbii arkattee sii dhaabne gaaddisa,
Quuqaa garaa keetii naatu sirraa buqqisa.
…………………………………………
Arra ilmaan kankee si yaadachaa jiranii,
Kaabaaf kibbaa, hundaa walitti dhufanii,
Bahaaf dhihaan hafnee sirratti marsanii,
Yaa calanqoo calii, lafee bobeeysanii,
Tan jechaadha turan san afoola afaanii,
Arra hundi dhufee sirratti wal gahanii,
Oromootaaf himi seenaa gaafa kaanii.
Siin baana tulluu qeerreensaa,
Nuu himi gaa seenaa kaleessaa.

Gootummaa fi tooftaa darbata eeboo,
Tokkummaa saani, gamtaa akka daboo,
Himi dachii duusee, akkatti reeffi abboo,
Lafa irra faca’ee tahe dhihana waraaboo,
Ati itti eeyde gaafas diddee araar-qaboo,
Dubbadhu mee atiis yaa gootuu korrobboo,
Lafa xuruuree sirra yaa’e bar dhiigni aabboo.
Wayta dhiigni gootaa dhiiga saree ta’u,
Raaree qaxxaamuree, deemee laga yaa’u
Kor….! gootee korrifte yaa korriftuu dhagaa,
Akka galaanaa walit xuruursitee baafte laga,
Feerdoo baqeeysitee, qarree yaaftee dhiiga,
Arra seenaa san maraahuu nat himi dhugaa.

Maal jatte haasawi mee dachii shuunaa,
Waan beeytu seenaa xiqqo sirraa fuunaa,
Dubbadhu yaa geeloo, himi qabbanaawaa,
Shira nafxanyaadhaa martinuu haasawaa,
Tulluu bakar waaree, atiis dubbadhu kaa,
Miilli goota keenyaa bakkatti darbame kaa,
Atiis maaliif callifta ammoo tulluu eegduu,
Shira kaleessaarraa ni beeyta waa hedduu,
Ilaaloo waardiyaa natti himi mee kaa oduu,
Ijji yooniif baddellee gaa bakki ijaan badduu,
Lakkisii na hin dhooysin seenaa quba qabdu.

Yaa calanqoo haraa, mee qufa’i waan garaa,
Maafi si teeysi garaa, seenaan sirraa baraa,
“Yaa calanqoo calii lafee bobeeysanii,
Laata eessa geeysan daaraa lafee sanii?
An dhaqeen agarree jattee odeessanii,”
Lakkii jattee miti dhugaa dha seenaanii,
Yaa calanqoo lolaa, godaannisa seenaa,
Madaan gaafasii haa taatu madaa heenaa.
Dubbadhu hinguddattuu waa mara beeyta,
Dhawwaaqi mee atiis si yaa kaarra gutaa.

Abboo abbaa gootaa… ati na ajaa’ibdee,
Kan alagaan harree siitiif siidaa dhaabde,
Ati ammoo gaaddisa tokko illee dhabdee,
Osoo jirruu aduun affeeltee si guggubde,
Abboo kiyya naatu si dagate hanga arraa,
Ka lafeen tee qabriif dhabdee turte carraa,
Arraan sitti godhe kunoo kafanaa kafaaraa,
Qubbii yaadannoodha dhaabne si gubbaarra.

Hin barbaannu hifanne, roorroo alagaa,
Hin feenu dadhabnee… tuttuqaa laagaa,
Siyaasaaf oolfachuuf olii fi gadiis fiigaa,
Hin taatu filannoof dhiisaa dubbii dhiigaa,
———————–
Dubbiin dubbii seenaatii,
Fakkeessuu dhiisaa jaratti,
Bar sabbata ilmaan sabaatii,
Hin fakkeessin baajata keeti,
Wareegamni abboo diddaa gabrumaatii,
Ati diina waliin jirta kunoo hanga arraatii.

Kaayyoon abaaboo fi akaakilee kiyyaa,
Ta’eeti bar biyyaaf biyyoo abbaa kiyyaa,
Alagaaf hin laadhu ja’ee eeboo qabatee,
Habalee qaratee, gaachanaan dhaadatee,
Ibidda taankii dhaa fuul dura dhaabbatee,
Yaa ilma jallaa ati gaa abboon faallaa taate,
Waan inni dhaamate san hundalle dagattee,
Arrallee kunoo alagaa shiraa waliin hiriirtee.
————————
Akka waan isumaaf gad dhaabdee gaaddisa,
Ifin fakkeessin gaa boo yaa bada fakkeessaa,
Tan filannoo teetiin hin oofin wal keessa,
Iccitii teenya hin guurin yaa bada basaasa,
Seenaan jalliftu tun booda si gaafachiisaa,
Yaa calanqoo lolaa ati hin dhagahin tansaa.

By:- ‪#‎Saphaloo_Kadiir‬,
Bitootessa, 2015.
Yaadannoo Siidaa Wareegamtoota Calanqoo

bilisummaa

Recent Posts

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do…

3 weeks ago

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people…

3 weeks ago

The Impact of Slogan Change on the Oromo People’s Struggle for Independence

Deebitee Kootee Bilisoo October 25, 2023     Note that a political slogan stands for a cause.…

1 month ago

Fano: The Anti-Oromo Amhara fascist Paramilitary Extremist Militia Organization

October 17, 2023 Mallisee Fatansaa Sulee    Recently, a chorus of diaspora Amhara social media, the…

1 month ago

The Oromo Struggle: Unfinished Mission and Unintended Consequences

September 26, 2023 Deebitee Kootee Billisoo During the Abyssinian War of the conquest of Oromia,…

2 months ago

Dr. Yoonaas Birruu, the Mirror Image of Crimes of Genocide Menelik and Haile Selassie Committed Against the Oromo People

Fatansaa Sulee Shogodoo September 20, 2023 As it is clear from hateful and Oromo phobia…

2 months ago