Categories: Oduu Oromiyaa

ODFn Ari’un Wayyaanee  ABO jabeessuufi Haaromisuufi carraa haaraya uuma.

  Akkumma sab-qunnamitiilee adda addaa irraa dhagayaa jirrutti obboleeyyan keenya dhaaba haaraya ODF jedhu moggaafatanii qabsoo karaa nagayaa ummata keenya keessatti deebinee geggeesina jedhanii tattaaffii waggaa lamaafi godhan tuffii wayyaaneetiin haala  qaanyessan milkaayuu dhabuun qabsaawota hundaafii  qaanyii jedheen yaada. Gama birootiin ammo wayyaaneen eenyummaa isii dirretti agrsiisuun jibbaa qabsaawota oromoo fii tuffii ummata oromootiifi qabdu agarsiisuun isii carraa haaraya moora qabsaawota oromoo tokkumsuufi nuuf uumuu nidanda’a.
  Yeroo dheeraa Qabsoo ABOn geggeffamu keessatti jaallan tokko tokko qabsoo karaa  nagayaan geggesuun nidanda’ama jedhanii yaada qabaachaa turan dhaaba keenya qoqqooduufi laaffisuu irratti qooda maataa ufii taphatee jira. Arra garuu carraan amma uumame kun jaallan yaada kana dhiibbachuudhaan sadarkaa dhaaba maqaa biroo uummatanii motummaa kana karaa nagayaatiin dorgomuufi godhanis maqaa jijjiiratan malee akka hundumitti isaaniitu ABO ta’an bareechanii waan hubataniifi, dhaaba ABO fii qabsaawota ABO ammo akka qoreetti waan sodaataniifi  obboleeyyan keenya karaa nagayaatiin  qabsoofinna jedhaniifille kabajaa dhabidee tarkaanfii salphinna kana irratti raawwachuun biyya itti dhalatan keessaa ari’amuun isaanii wayyeeneen diina shakkii hinqabnne ummata oromoo ta’uu garsiisuu caalaa carraa moora tokkotti deebinee wayyaanee irratti qabsaayuu nuuf banee jira jedheen amana.
    Carraan hunddi gaarii qofa ta’;ee hindhufu ,yeroo tokko tokko carraan gaariin haala hamaa keessalle nidhalata. Dubbiin guddaan carraa uumame haala gaaritti jijjiirachuufi ufi-qophaeesuufi sammuu karaa nagayaatti jijjiirachuu qabaachuudhadha.( chance favored to prepared mind) jedhaniimi ree.
    Kanaafi haala hamaa amma obboleeyyan keenyarratti gaye kanaafi tumisa diina taanee nullee itti walsalphifinnu osoo hinta’in hawwiin  karaa nagayaan qabsoo geggeesian jedhu cufamuu isaa hubannee nuhunduu dhaaba keenya kaleessa keessatti kabajaa qabaanne ummata keenyattis kabajaa horaa turre sanitti deebinee dhaaba fii irbuu keenya haaromsannee tufii fii salphinna wayyaaneen ummata keenyaafi qabsaawpta oromoo irratti geessaa jirttu kana yeroo itti gabaabisun amma ta’uu qaba.
A.jundi
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago