Categories: Oduu Oromiyaa

OLOLA OMN IRRATTI OOFAMAA JIRU ILAALCHISEE IBSA HOOGGANSA OMN IRRAA KENNAME.

Guyyoota muraasa dabre kana ololli hogganootaafi jaarmaya OMN maqaa xureessuu irratti fuulleffate gama adda addaan oofama akka jiru ni beekna. Hamma ammaatti dhimma kanarratti qaamni hoggansa OMN waan tokkollee hin dubbanne. Sababni isaas maddi dubbii kanaa hariiroo hojjataafi jaarmayaa kan seera ilaallatu waan ta’eefi. Hamiifi komiilee deddeemaa jiran hoggansi sadarkaan jiru sirritti erga ilaaleen booda qabxiilee armaan gadii kana ummataaf ifa godhuun barbaachiseera.

OMN hojjataas ta’ee hoggansa sadarkaan jiru heeraafi seera lafa kaayateen adabuu, hojirraa kaasuu ykn olguddisuuf mirga guutuu qaba. Akkasumas hojjataan ykn hogganaan tokko yeroo fedhetti caasaa jaarmaya beeksisuun hojii gadi lakkisuuf mirga guutuu qaba.

Hanga ammaatti hojjataan OMN irraa ari’ame tokkolleen hin jiru. Ji’a darbe kana keessa hojjattoota lama irratti tarkaanfin bulchiinsaa (disciplinary action) fudhatamuun dhugaadha. Erga adabbii kennameef fudhatanii booda fedhii isaanitiin hojii gadi lakkisanii jiran. Hojjattoota kana dhabuun keenya nu gaddisiisus kun mirga akka hojjataa tokkootti heerri bulchiinsa OMN fi seerri Ameerikaa isaanif kenne waan ta’eef ni kabajna. Gumaata hamma ammaatti jaarmaya kanaaf godhaniif ni galateeffanna. Gara fuulduraas jaramaya kanaan waliin bifa adda addaatiin akka hojjatan abdii qabna.

Haa ta’uutii, erga hojjattoonni kun bahanii booda hamiin bifa gara garaatiin ummata keessatti facaafamaa jiru, imaammata, adeemsa hojii fi kaayyoo OMN gaggeessaa jiru wajjin kan wal-faalleessudha.OMN dhaabbata walabaa fi karaa dhugaa qabatee haqa ummata Oromotiif kan dhaabbatee hojjataa jirudha. Kanas, qabtamaan hojiidhaan agarsiisaa jira. Imaammata editoriyaalii keenya, Qophiilee fi Oduu OMN tamsaasaa ture www.oromiamedia.org irraa hordofuun ni danda’ama. Ammallee, OMN dheebuu odeeffannoo ummata keenyaa baasuuf halkaniif guyyaa tattaafachaa jira. Yeroon kan hojiiti.

Daaw’attoonnifi deeggartoonni OMNis kana hubatanii bifa tasgabbaa’een OMN sadarkaa guddaatti ceesisuuf tattaaffii godhamaa jiru bira akka dhaabattan asumaan dhaamsa keenya dabarsina.

OMN sagalee ummata keenyaa ta’ee hojiisaa daraan cimee ittifufa.

 

Dr. Hamzaa Abdurazzaaq, Dura Taa’aa Boordii OMN

Girma Tadesse, Daareektara Koree Hojii Raawwachiiftuu

Dr Birhaanuu Dirbabaa, Gulaalaa Muummee

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago