Categories: Yaada

Osoo ABOn Dhalachuu Baatee Lakkoofsi Oromoo Amma Jiru Kun Ni Jiraa Laata?

2, Oromoon OdooGabronfattoota  HabashaaHarkatti Kufuu Baatee Hoo Har’a
Eessa Jira Laata..?

Baarentuu Gadaa Irraa

Yoon kaleessa yaadadhu, yoon waan  Oromoon waggoota 100 oliif keessa
turee fi darbe dhagahuu fi dubbisu lafatu naan mara. “Maal keessa
dabarre?” jedheen dhiphadha, keesumaawuu yakka “Atsee
Teediroos”?ummata Oromoo walloorratti dalage, Duguuggii
sanyii(Genocide/ Miniliki Anolee, Calanqoo, ummata Oromoo Sulultaa fi
Oromiyaa iddoolee garagaraatti raawwate hoon dhagahu na surura.
Ajjeechaa nam-tokkeerraa kaasee hanga jimlaan fixuu dhalataa
Oromoorratti Nugusni Habshootaa Haayila Sillaaseen bara bittaa isaa
waggoottan 44 keessa raawwates yoon duubatti deebi’eeodeeffadhu
Habashoonni qotanii akka  jiraa nu awwaaluuf tattaafachaa turanii fi
“lammata nama hinta’an” jedhanii nurraa sirbaa turanan hubadha.
Taateewwan ummata Oromoo fi qabeenya isaarratti bara Mootummaa Dargii
raawwachaa turanis baayyee isaa waanan dhaqqabee argeefuu walittii
qabee siyaasa  Habshoonni Oromoo fi cunqurfamtoota saboota
kibbaarratti Ordofaa turan yoon ilaalu dhuguma duulli ilmaan
Nafxanyootaatin Oromoorratti waggoottan 130n darban keessa
gaggeeffamaa ture fi jiru akkaan qindaawaa fi kan Oromoo balleessuf
wixinfamee hojiirra oolaa turee fi jiru ta’uu caalattan
mirkaneeffadhe. Wayyaaneen ammoo duula Habashoonni karaa qindaayeen
Oromoorratti calqaban galmaan gahuuf  hojjechaa jiraachuun ragaa
dabalataa fi qabatamaa  yeroo ammaa kana muldhachaa jiruudha!
Mee duubattii deebi’aatii yakka humrii keessan keessatti ummata
Oromoorratti ta’aa turee fi jiru yaadadhaa,xiinxalaa, ilaalaa!?  Yakka
mootummoonni Habashaa raawwachaa turanii fi jiran  kan seenaan katabee
lafa kaa’es dhubbisaa, odeeffadhaa….|?  Oromoo Walloo meeqatu
dhiibbaa fi dhiittaa sirna Nafxanyaatin dhume,…? meeqatu  dirqamaan
maqaa isaa, maqaa Oromoorraa gara maqaa isa hinfakkaanneetti
jijjiirame…? Meeqatu Aadaa fi duudhaa isaa akkasumas seenaa isaa gatee
dirqamaan gara gabroonfattootaatti jige..?
Lixa Oromiyaa Daangaa Suudaanirraa kaasee amma baha Oromiyaa Daangaa
Sumaalee Laanditti, Mooyaalee kaasee amma kaaba Oromiyaa Raayyaatti
Oromoo meeeqatu dhittaa fi dhiibbaa sirna Nafxanyootaatiin  dirqamee
maqaa isaa gatee maqaa halagaa taasifate, meeqatu aadaa, seenaa fi
duudhaa isaa  kan ganamaa, eenyummaa isaa kan Oromummaa isaa
calaqqisiisu gatee kan gabroonfattootaa fudhate…? Meeqatu ammoo bara
gabrummaa waggaa 100 olii kana keessa Oromummaa isaa akka dhiisu
taasifamee saba biraa ta’ee  hafe ….? Meeqatu Gadaa gate… meeqatu
Ateetee irraanfate..? meeqatu Kallachaa fi Caaccuu mulqame..? meeqatu
Irreechaa fi Hammachiisarraa fagaate…? meeqatu  ammoo Rakoo fi Buttaa
qaluu dhiise ..? meeqatu Foollee lagate…? Meeqatu  ayyaantuu baqate….?
Meeqatu akka waan ofii jibbee kan halagaa faarsu taasifame…? Mee  wal
haagaafannu Oromoo meeqatu Habshootaan qabamee akka  Loonii  Gabaa
baafamee gurgurame….? O! Ummata Oromoo! cubbuu  Irratti dalagamaa
turee fi jiru manni haa lakkaawu!
Oromoo meeqatu Osoo sirna gabroonfattootaa baqatuu Gammoojjitti
hafe..? Oromoo meeqatu odoo hidhaa fi dararaa baqatuu Galaana Diimaan
nyaatame..? meeqatu ammoo akka biyyaa baqatee baheen hafee biyya abbaa
isaa  Osoo hin argin du’ee hafe….? Oromoo ammamiitu mana hidhaa
Habshootaa keessatti du’e…?  ammas du’aa jira…? O! safuu ! cubbuu
weerartootaa meeqa lakkoofna..?!
Mee of haa ilaallu,  maatii ollaa keenya jiru (Family) yaa ilaallu,
dhaloota ABOn dura maqaan akka dhuunfaatti baafachaa turre maal
fakkaata..?kan ilmaan keenyaa baasaa turre hoo maal fakkaata..?
dinoonni keenya ilmaan Habashootaa hoo maal jedhanii nu waamaa
turan…?ilaalchi aadaa, duudhaa fi seenaa keenyaaf qabnu hoo akkam
ture..? meeqa keenyatu,maqaan keenya maqaa Oromooti..? meeqa keenyatu
ammoo osoo Oromoo taanee jirruu maqaan keenya maqaa saba biraati..?
Meeqa keenyatu aadaa, seenaa fi duudhaa Oromoodha nu jechisiisu gannee
akka gabroonfattootaa fi akka saboota ollaa Oromoo jiran kan biraatti
socho’aa(act) godhaa turre…?
“Difaabbaachoo..Zargaabbaachoo….,Asaggiddaachoo,…..Astaaxqaachoo,….Aqnaachoo….
Naaqaachoo,….Geetaachoo….Nugusaachoo….” Maqooleen jedhanii fi kanneen
biroo kan gonguma Afaan Oromoottin hiikoo hin qabnee meeqatu
nuweeraree ture…? mee ofis walis ilaallee haa taajjabnu! Erga ABOn
qabsoo bilisummaa Oromoo gaggeessuu calqabeehoo diinoonni keenya osoo
hin jaalatin dirqamanii maaliin nu waamu…? Nutihoo jijjiramaa fi
sabboonummaa ABOn ummata Oromoo gonfachiise ordofnee gama hundaanuu of
ta’uu keessatti ammam akka tarkaanfanne hubanneerraa,,…?
Wayyaanee har’a humnaan aangoo qabattee ajjeechaa fi saamicha
gaggeessaa jirtu dabalatee duulli Nafxanyoonni Oromoorratti gaggeessaa
turanii fi jiran  qabeenya isaa saamuu qofaa hinturre, aadaa isaa,
afaan isaa fi duudhaa isaa balleessuudha. Kana balleessuuf ammoo
jechoota saba kana xiqqeessaanii fi ofitti amantaa ni dhabsiisu
jedhanii yaadanitti fayyadamuun waamuu fi arrabsuu, akkasumas
tasgabbii siyaasaa fi hawaasummaa dhorkuudha. Oromoo lafa isaarraa
buqqisanii lafa Oromoorra qubachuun abbaa itti ta’uun dha.Saboota
biroo fidanii irra qubsiisun, lakkoofsa Oromoo xiqqeessuuf yaaluudha.
Walumaa galattii kan waggoottan 130 oliif Impaayeera Itiyoophiyaa
keessatti  bara Atsee Teediroosirraa kaasee hanaga Wayyaanee harraatti
ummata Oromoorratti ta’aa  turee fi jiru  yoon of duuba deebi’ee
ilaalu  imaammata wal fakkaataa baafachuun Oromoo
saamuu,hidhuu,ajjeesuu kaan ammoo biyyaa baqachiisuudhaan biyya
Oromoorratti abbaa ta’uudha.  Kanarraa ka’uun haalli Oromoon keessa
darbee fi darbaa jiru baayyee dinqisiisadha.  Duula  Bahaa-Lixaan,
Kaabaa-Kibbaan karaa qindaayeen irratti gaggeefamaa ture  fi jirurraa
ummata baraarameedha.
Woggootuma muraasa duubatti deebi’ee yoon waan ummanni Oromoo keessa
ture ilaalu  wantan of gaafadhu keessaa tokko “Haala ilmaan
Nafaxanyootaa Farad Fuuloo hin qabneen dachee Oromoorra gulufanii
qabeenya isaa fi eenyummaa isaa  balleessaa turan sanaan osoo itti
fufanii jiratanii har’a akka Oromootti maalirra jirra” kan
jedhuudha..?  Osoo ABOn dhalatee gootonni gurmaawanii qabsoo
hadhooftuu gaggeessaniin  duula habshootaa ittisuu baatanii Habashoota
kaleessaa dabalatee, ajjeeftuu fi saamtuun har’aa wayyaaneen silaa
Oromoo akkam gooti..? amma yoonaa Oromoo meeqatu Oromummaa isaa akka
gatu taasifama laata?  odoo qabsaawoonni ABOn hundeessanii fi
wareegama hadhooftuu kaffalaa turanii fi jiran kun bilisummaa saba
isaanif dhiiga isaanii dhangalaasudhaan gulufa dinaa Oromoorraa qoluu
baatanii guutuu ta’uu baattuus biyyi Oromoo,Oromiyaan amma jirtu tun
ni jirtii..?  Afaan Oromoo afaan ittiin baruu fi barsiisuu nii
ta’aa..? Walumaa galattii Osoo ABOn dhalchuu baatee amma yoonaa
Nafxanyoonni kaleessaa fi wayyaaneen har’aa yakkoota akkamit nurratti
dalagu laataa….? Tilmaamufuu nan dhiphadha!
Ummanni Oggaa 100 oliif “Aadaan, seenaan, afaan isaa fi eenyummaan
isaa badeera, awwaalameera” jedhamee Nafxanyootaan irraa sirbamaa ture
awwaala buqqisee bahuun dhaloota ABOn booda ta’uun eenyufuu ifaadha.
Ummanni Oromoo jedhamus, lafti Oromiyaa  jedhamtus biyya Nafxanyootan
weerarmte Impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiraachuun kan ifatti
dubbatamee fi mirkanaawe bara gabrummaa fi weerara waggaa 100n booda
injifannoo ABOtin ta’uun  beekamaadha!.  Kanarraa ka’uun Osoo ABOn
dammaqee  Oromoo dammaqsuu baatee, osoo gabrummaa wal xaxaa sabni
Oromoo bara Minilkii kaasee hanga kufaatii Dargiitti keessa turee;
ilmaan Oromoo sabboontonni ABO jalatti gurmaawan wareegama qaqqaalii
kaffalanii maqaa Oromoo halluu hin haqamneen katabuu baatanii silaa
akka Oromootti,… akka amma jiru kanatti nijiraayii laata……..?  yoo
jiraanne hoo lakkoofsa amma  irra jirru kanarraa parsantii meeqa(%)
hirdhanna laata……? Amma yoonaattii meeqatu dhiittaa fi dhiibbaa
Habashootaatin, Habashaa ta’a ture…?meeqa keenyatu ammoo Oromummaa
keenya gachiisiifamnee saba biraa taana laata..? O! Dubbachuufis
tilmaamufis nama surura!!!
Mee Oromoonni waan kana dubbisaa jirtan  dhimma kana duubattii
deebi’aa xinxalaa,yaadadhaa ykn tilmaamaa.  Ooo ABOn jiraachuu ykn
dhalachuu baatee maalirra jirtu…? Akka sabaatti maalirra jira..? nama
dhuunfurraa kaasee amma sabaatti maqaan keenya yoona maal ta’a..?
maqaa nama meeqaatu jijjiirama…? aadaan, seenaanii fi duudhaa keenya
hoo yoona eessa jira…?Lafti Oromoo Oromiyaan hoo  osoo ABOn dhalachuu
baatee kaartaa Impaayeera Itiyoophiyaarratti hin argamtii..? Afaan
Oromoo afaan baruuf barsiisuu ni ta’aa…..?,
Osoo ammoo ummanni Oromoo Nafxanyootaan weeraramuu baatee akka uumaa
isaa kan ganamaatti aadaa, duudhaa fi sirna ittiin wal bulchu,
keessahuu osoo sirna Gadaatin amma yoonaa wal bulchaa jiraatee hoo;
har’a silaa sadarkaan irratti argamnu maal fakkaata..? guddinni isaa,
lakkoofsaan, qaroominaan, qabeenyaan…Oromoon  yoona eessa jira
laata..? Ani biyyoota Awuroopaa *Lixaa* qaroomanii gadi hin ta’un
jedha isin hoo..?//

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago