Categories: Oduu Oromiyaa

Dhaamsa Ariifachiisaa Dhimma Filannoo fi Dhimma Hawwaasummaa Uummata Oromoo Irratti!!

====================­==
Filannoo Akka Biyyoolessaatti Bara 2015/2007 Ji’oota muraasa booda adeemsifamuuf jedhu Sababa Godhachuu dhaan Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsoo keessatti Bakka Bu’aa Uummataa ta’uu dhaan dorgomuuf Paartii Kongirensii Federaalawaa Oromoo irraa Beekamtii kan argate Barsiisaa Belaay Zallaqaa Wadaajoo Guyyaa Kaleessaa Magaalaa Qarree Gohaa keessatti Mirga qabutti fayyadamuu dhaan Osoo waraqaa Ibsituu Ykn Paanpileettii KFO Deeggartoota isaaf raabsaa jiruu Poolisootaan ukkaamfamee Reebichii gara jabeenyaan erga irratti Raawwatanii of wallaalchisanii booda Uffata irraa baasuu dhaan qullaa isaa Magaalaa keessatti gatanii jiru.
Barnoota Sadarkaa Olaanaatiin eebbifamee Gita Hojii Barsiisummaa dhaan uummata naannoo isaa Doofummaa keessaa baasuuf kan Barsiisaa jiru Barsiisaa Belaay Zallaqaa Wadaajoo Kanaan duras Filannoo garaa garaa irratti hirmaachuu dhaan karaa nagaatiin Mootummaa nama Nyaataa kana nama Mormaa ture dha.Barsiisaa Balaay Zallaqaa Wadaajoo Godina Shawaa Kaabaa keessumattuu Aanaa Warra Jaarsoo keessatti Uummata Oromootiin baayyee kan Jaallatamuu fi Kabajamu yoo ta’u Godina kana keessatti Ergamtoota Wayyaanee Harka 100 ni mo’ata Jedhamee kan eegamu dha.haa ta’u malee Warri uummata Barsiisuun haa hafu ofii isaanii barachuuf illee karaa Mana Barumsaa hin beekne Barsiisaa uummata irraa kabajaa fi Jaalala Guddaa horate irratti Cilee Dibuuf jecha Saroota isaanii itti erguu dhaan Reebicha Guddaa irraan ga’anii Kalee isaafi Guutumma qaama isaa adoochanii erga of wallaalchisanii booda kabaja uummataa irraa mulquuf Qullaa isaa magaalaa keessa Gadhiisanii jiru.dhimma kana Paartiin Koongirensii Oromoo karaa seeraan kan gaafachaa jiru yoo ta’u Uummanni Aanaa Warra Jaarsoo fi Magalaa Qarree Gohaa Barsiisaa yeroo mara Sagalee isiniif ta’u kana faana gaafa Rakkinaas akka Hiriirtan Kabajaan isin Gaafanna!!!
Oduu kan birootiin Irreecha Arfaasaa Ji’oota muraasa booda adeemsifamuuf jedhu sababa godhachuu dhaan Waajjirri Aadaaf Turiizimii Oromiyaa Ayyaana Irreechaa kana Haroo Cuqqaalaa irratti adeemsisuuf qophii gochaa jira.haa ta’u Malee Manni Amantaa Ortodooksii Gaara Cuqqaalaa irra waan jiruuf bakka kanatti Irreechi Irreeffatamuu hin danda’u Jedhamee Mormii ka’eef furmaata Laachuu dhaaf bakka bu’oonni mana amantaa Ortodooksii fi Waajjirri Aadaaf Turiizimii Oromiyaa magaalaa Bishooftuutti Mari’achaa jiru.anis dhimma kana dhiyeenyatti hordofaan jira.haa ta’u malee Odeeffannoo na qaqqabeen har’a mana Amantaa Ortodooksii tokko tokko keessatti Xalayaan uummata walitti naqu mata duree “Qaallichaan Be Zuqaalaa” jedhuun raabsamaa akka jiru dhaga’een jira.Kanaafuu Lammiiwwan keenya kanneen Amantaa Ortodooksii hordoftanii fi yeroo ammaa kana Soomaaf Sagadaan Lammii keessan cina Dhaabbattanii kanneen jirtan Xalayaan Irreechi Amantaa Ortodooksii Irratti Dhiibbaa gochaa jira jedhamee barreeffame kun yoo akka tasaa isin qaqqabe akka balaaleffattan cimsinee isin beeksifna.Warri Xalayaa kana barreessan Hordoftoota Amantaa Ortodooksii keessa Oromoonni Irreecha akka Aadaa Guddicha isaaniitti kabajan waan jiran isaanitti hin fakkaanne.kanaafuu Holola Diinaa Amantaan wal qabatee uummata Oromoo walitti naquuf bittinaa’e kana irratti hundumti keessan akka dammaqxan kabajaan isin Gaafanna!!! Amantaan kan Dhuunfaati Biyyi kan Hunda keenyaati!!!
Galatoomaa!!!

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago