Categories: Oduu Oromiyaa

Qabeenyi ABO Shanee Gumii Saamamuu isaa ammaan dura isiniif ibsineeti turre.

 

Garuu horiin kun akkuma ammaan dura isiniif ibsinetti madda galii addaa jedhameeti beekkama. Kan ajaja hayyu duree qofaan  sossoohudha kanaaf namni biraa horii kana irraa dubbachuus tahee gaafachuu mirga ittinqabu! Horiin kun maalmaal irra akka arkame akkuma ammaan dura isin beeysifnetti Taxin madda galii kanaa guddaa yemmuu taatu wantoonni biraas jiru kan dhaabbataa akka madda galiitifii tajajilaa sagaggaalummaatiif oolfaman.

Kanneen kessa  tokko ILMAAN OROMOO biyya abbaa isaanii irratti hidhaafii ulee diinaatiin luqqa’anii bu’aa bahii meeqaan lubbuu jijiirraan qabne jiraachifachuuf jecha rakkofii gidiraa waan ittin shalagamtu hinqabne keessa bahanii biyya anbaa dhufaniidha. Kanneen dahata  gaafatan marti warra  maqaa ABO qabatee ta’uu kanatti  xalayaa deggarsaa irraa barbaacha  dhufu. Garuu qondaalli kun kan naasuufi dantaa ilmaan Oromoo irra hinqabnee haalduree lafa kawateeti isaan eega kunis dolaarii 200 kan USA dhaati madda galii addaa kanjedhamuusaniif taha. Kana malees namni kun yoo shamarran taate akka waan isaan barbaadan godhuu dandeeysu wadaa naqa isaafii warra isa jala jiraniif akka yeroo isaan barbaadaniiti isaan wajjiin sagaggalummaa hojjattuuf. Tan didde hin kennamuufi yoo kennameefiis akka silaa barbaadamutti hin kennaniif kan dhiiraatiis dirqama fudhatee akka osoon barbaanne miseensa tahee isaaniif ergamuuf waadaa naqatu.

Kan horii san dhabaaf xalayaan deggarsaa dhowwatamee biyya tanna keessa bahi farnjiin jechaanii jirtu manni haa lakkawu maqaanillee tarrisuun nidandayama. Garuu warri Oromoo hin tahin kan durattu sagaggalummaa aadaaf qabu waan qondaalli kun barbaadu guutuun Oromaawanii xalayaan akka aja’ibaati brreyfamteefii  bekkomsa biyyatti arkatu. Yaaboleeysa koo yaa garaa gudee kan alagaadhaa fira sii godhee ana hoo maaltu diina sitti godhe je’eemii ABDI QOPHEEN Rabbin haa araaramuufi? Mee laalaa WBOn ilmaan Oromoo hundaaf kan isa jaalatufii jibbuufiis walqixa  du’aafii yeeroo jirutti qaama an Oromoofiin dhabbadhe ifiin jedhun yeroo wantii akkanaa Oromoo irratti raw’aatamu maal jettu???

Tan biraa bara 2008 keeysa warri jijjiiramaa yeroo dhaaba warra shiraatiin gaggeeyfamu kana keeysa bahan horii dhaabaa guututi fudhataniiti bahan jechuun dhaaba dandamachiisuuf projecti miliyona labsan miseensi mata matatti dolari USA 500 akka buusan labsameeti ture miseensi akka jirutti baase Lotori maqaa FDGtin  qopheeysanii gurguraa bahan. Kana qofaami horii yeroo walgahii argamu hunda abbaan dinagdee hin arku sababni saas namni abbaa diinagdee kun nama gandaa isaaniitiimi kanaaf akkuma warra jijjiiramaa san fudhatee deema jedhaanii shakkaa waan jiraniif buusii meseensummaa qofaatu garaa isaatti dhaqa. Kanamalees gareen kun akkuma Amari  ETHIOPHIAn Nuun malee hinjiraatu jedhanii amanan san isaaniis QBO nuun malee hiintaatu warra jedhee murteeyfateedha Oromoonni biraa yoo ajaja isaanii fudhatan qofa Oromoodha yoo kaan Oromummaan kee irr’udha.

Kanaaf waarra ajaja isaanii hin fudhanneefii kutaalee biraa if keeysaa qulquleeysuun Stepi dhumaa irra gayseeeti jirti Isiinuu jirtuu sanuu manan jirtu jetti Oromoon. Bakka qondaalli kun aangoon itti dabalamuuf yaadamaa jirutti hooriin kun qabame yeroo Hayyudureen dhufee SKANDINIVIA keesa turee mariin qondaala kanaaf aangoo dabaluu dhoysaan mari’atamaati ture jedhama kuniis bakka Miseensa Gumii Sabaatifii Itti gaafatamaa jaarmaya alaa jaal Odaa Xasee isa buusuuf qophiin godhamaa akka jiru oduun warra itti dhiheenyaan hordafan irra nu gahee ni ibsa. Garuu akkamitti yoom maaliif gaaffi jettuf samamiinsa horii kanaa akkaata itti gadii baasanii miseensootaaf ibsanii gama qondaala kanaaf aangoo  dabaluuti ceehan  waliin arkuuf teenya…..Ittifufa

Miseensota Kutaa Skandinivia

Qabsoon gandaan bakkangeeysu!!!!!!!!!!!!!!!!!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago