Categories: AadaaAfaan Oromoo

Hin seenu mana gumaa!!!

 

Hin seenu mana san haaloon irraa qaba
Waan baay’ee na miidhan aariin garaa qaba
Tokkoyyuu hin dagadhu ani gocha isaanii
Har’as itti jiru isaan yoom dhiisanii
Nama jibbisiisaam dalagaan isaanii
Aaak! Aaak! garagalee hin ilaalu ani gara isaanii
Jawween itti haa seenu dhufee diinqa isaanii!

Maal barbaadan seena duuba mana gumaa
Saba seenaa xurii warra balaafamaa
Warra safuu hin beekne sanyii abaaramaa
Kan cubbuu hin sodaanne saba akkas jibbamaa

Warra hijjata hin tolle kan kotteen jarjaraa
Duubaa durri hincinnii saba mataa daaraa

Bifaan nama fakkaatu kan keessi bineensaa
Ani ittuu hin siiqu kana irraan dheessa!

Koo maal natti ta’ee qaxaleen biyya koo
Inni afaan koo beeku sabboonaa sanyiin koo
Maafan ganda dhaqa jira hoo qomoon koo

Gaaddisa Odaa jalatti safuun kan guddate
Dachee Oromiyaarratti burraaqee taphatee

Inni safuu beeku kan safuu koo eegu
Seenaa saba keenyaa kan wal yaadachiifnu
Aadaa fi afaan keenya kan waliin guddifnu
Oromummaa keenya kan ittiin cimsinu
Waliin waliif taanee kan diina kuffifnu

Boonaa sanyii leencaa goota goonni dhale
Kan eebba Uumaatii duubaa durri tole

Sanyii Oromtichaa ilma Abbaa Gadaa
Tasa ganda hin dhaqu Oromoon jaaladha!

Waan isaan na godhan hundumaa argeera
Abadan hin seenu anoo kakadheera

Yoon ani achi seene ilmoon naaf hin dhalatiin
Tarii dhalattullee haa duutu hin guddatiin

Guddattee maal gooti silas ilmoon bofaa
Borus isaanirraan salphinni natti dhufa!

Warri dura seene tokko tokkoon isaa
Dhiiras ta’ee dhala mee altokkon ibsa
Kunoo mee dagate aadaa fi seenaasaa
Afaan isaa dhiisee kan ormaan odeessa
Lammii isaa ganee alagaadha faarsa
Takkaas lachuu dhabee qalbii of rarraasa
Itti hin dhagahamu cunqursaan lammiisaa
Akkamiin dhagaha oduu ETVn duudeera gurrisaa
Har’a hiriyaansaa bosonaa bookkisa
Haqa dhabne jedhee boohee wal boochisa
Inni diinqa darbee diina wajjin ciisa
ecci! ecci! kun jiraa du’uudha mee achuma dhiisaa
Warra akkasiiti kan saba koo rakkise
Diinatti michoomee wajjinuu odeessee
Gabrummaa keessatti isatu nu hambise

Egaa obboloota koo mana gumaa hin seeninaa
Tokkitti yoo seenan bahuunis rakkina
Jiraachuunis fafa egaa mana diinaa
Dhaluu fi dhalchuutu jira kana hin wallaalinaa
Qabeenya ilaaltanii itti hin heeruminaa yookaas hin fuudhiinaa
Hortee KUUSH fi Seem walitti hin makinaa
Qabeenyi har’a laaltan kansaanii hin se’iinaa
Dhiiga lammii keenyaa ta’uu hin dagatiinaa
Keenyumaan nu bituun kuni kaa salphina

Faandoo harree malee maal qabuuyyu turan?
Bututtuudhaan mitii kan as nutti dhufan?
Keenyuma saamanii har’a nama ta’an
Gootaa fi hayyuu keenya irratti qalatan
Uuuuuy kaka hin seennu mana isaanii
Tu-tu hirmiidha hin nyaannu isaan waliinii!

Ilaamee yaa qomoo dhaamsa koo hubadhaa
Har’a qofaa miti kan kalees yaadadhaa
Waan boru dhufullee har’a itti yaadaa
Waliin wal nuuf wayya alagaan badaadha
Walumaan miidhagnaam Oromoo jaaladhaa!!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago