Categories: Siyaasaa

QAROO QAXARA QOORE..

‪#‎Saphaloo‬/ Abdulbasit Kedir

Abuubakar Muussaa hayyuu ilma sabaa,
Daawitii hawaasaaf tahe guyyaa jabaa,
Biiftuu bahaan baatee ibsite oromiyaa balloo,
Hundeessaafi taligaa hawwisoo afran qalloo,
Walaloo mi’ooytuu namarraa kaaftu gooloo,
Baayyee keessaa burqa gaazaxeessaaf waloo.
Yaa’ee keessaan dhumu jechi qabu dhama
Kumaatam barreesse sa yoom takkaa lama..

Danuu qore qaroon sammuudhaan duroome,
Welliftoota beekkamoo baayyeefiis arjoome,
Dr. Alii Mohammed sirbi ittiin weellisee,
Maqaa birraa jadhuus isa gonfachiise,
“….Biirraadha barihee ilillin urgoytee,
Dilii maaliin qaba rabbii kiyya gooytee, x2
Anumaafi ati sa akkam wal jaalanna,
Hirriibattiis hogguu wal dura dhaabbanna….”
Tan jattu barreesse…
Alii maqaa boonse..
Abuubakar tahuu hayyoota kan himu
Kan gaarii hojjate seenaan isan dhimu.

“Si jaallee jaalala mee amma..
Jaalalti tee damma damma…
Deeyma dawaa koo mee armaa…x2”
Tan jattuus jechootaan lolaasee
Galaana walaloo dhangalaasee,
“Akka odaatti hiddaan jabaadhaa
Caayaa rakkataa tahaa balladhaa
Qilleensin bahin isin lamaan jiddu
Isin haa lagu mannaafi faradduu….” jattufaa,
Walaloo jaarraa dhibbattin moofooyne cufa
Jechoota ajaa’ibaatiin isaa dibee tufaa..
Akka garbaat toohee barreessuu itti fufa,
“Arra akka duriimitii duriin akka akkaa
Maltaate naa himii dallantee siin arkaa
Hiriyaa jaalalaa waa sin miine takkaa
Midhamtullee silaa araaramuun akkaa….”
Jattuus isaatu barreesse yeroo qabu carraa
Suga yoo dhandhaman nama baasu dharraa,
Weedduu mi’ooytuu akka sagalee shimbiraa,
Walaloo ammayaan nuuf gumaache turee jira,

Qubee afaan oromoo walaloon barreessu,
Akka namaa galutti yoo sirnaan tarreessu,
Akka armaan gadiitti haala gaariin faayee,
A… B…. C…. walaloon tartiibeeysee kaaye….
“A…
Ammayya ammuma ajjeesa
Abbaan aduudha addeessaa
Addooyyee tu oduu odeessa
B….
Bakkaaf boraatii mukaa barbaadu bareeda,
Birraa baranaa badduus badeen si barbaada,
C…
Mucaa caama otuun mucucaanne cehee..
Cuncuna coree micciiree cufti callisaa….”
Jechuun walaloon qubee tarreessa.

Afaan raadiyoo cabsaan hususamee ture,
Mangallaa bahee isaaniin qillensa koree,
Warra afaan oromootiin dursa tamsaasa bu’ure,
Warra if kennee sanyii afaan keenyaa unkure,
Warra surrii sabaa sagalee seenaatiin soore,
Abuubakar Muussaa qaroo qaxara qoore,
Jannataan haa badhaasu warra qomoo fure

Humaa irraa hin hambifnee uumaa tolchee,
Haalaafi amala isaatiis sirnumaan bareechee,
Sammuu isaatiis bal’isee xinxalaa qorqalbii,
Taasisee nuuf kennee nurraa fudhate rabbii,
Walaloo mi’aan jechoota keessaa calaqqisu,
Tan ilaalchi sammuu namaa ittiin walaqisu,
Barreessaa ture faarsee bareedina uumamaa
Tan mi’aan hin quufamne akka nadhii dammaa,
Tartiiba qajeelaa carrisa ya’aa sagalee,
Hayyummaan kokkoobee akka ifa urjiilee,
Hiriirsee dhangala’aa barruudhaan kuulee.
Qarxaasa sabummaan soofee lafa tuule.

Badhaadhina jechoota afaan keenya,
Walaloon calaqise ifaan biiftuu fageenyaa,
Uunkaa masnoo lagaa ta akka ililli birraa,
Fooliin urgaa xiibaa siph nama gootu irraa,
Magariisa gaarrenii tulluuwwaniif raaree,
Fakkii keessatti mil’atta jechootaan ijaaree,
Samii xaliila gaaf gariis duumeessi haguugu,
Fakkeessee nuuf boce copha namuu dhugu,
Biqiloota fiixeensa guduunfatee jaajju tarree,
Gooroo dooyaaf tabbaa tan goblattu hurree,
Faaya mil’uu danuu ka laalcha ijaatiif burree
Bifa qabeessa halluun diimaa, adiif booraa,
Arkaa-dhageeytiin sammuuf dhihansa soora
Qoricha qaamaa qalbiif arjoomu shoora,
Wal faana sirneeysee jildiin kaaya toora,
……….
Habalee akkanaa qurxee shirri nyaaphaa,
Fakkaataa isaa dhugatti’in arkanne hirphaa,
Aahh..! wayy..! Hayyuu akkanaa guyyaa aaraa,
Diinni qawween laboobee nurraa godhe daaraa,
Reefki isaas awwaala dhabee waraaboo qoqoree
Ganamtii lafee isaa asiif achii namni walit guuree,
Hayyuu qaccee ganamaan uumaan qare,
Abuubakar Muussaa qaroo qaxara qoore.

Waa’ee isaa himee hin fixuu cal’isuu malee,
Isa qofaa miti kumaatama diinni fixe kalee,
Kaan ablee doomtuun morma saanii qalee,
Dhiira meeqantam fannisee lubbuu qatalee,
Garii ibidda rasaasaatiin halaalatti laboobee,
Ilmaan saba qaalii akka dhoqqee lafat dhoobee,
Meeqaatu boombiin gombifamee lubbuu dhabe,
Kaaniis macarii korrantiitiin qaama guggubee,
Arraas diinni numa gataa jira daran goobee,
Jallaa keenya nut erga hambaan sossobee.

Maal waa jannaa silaas kan du’e hin deebi’uu,
Eega biyyee uffate firraa haxaawee hin ka’uu,
Warra qabsoo sabaaf dhiigaan xurree taraare
Gootota afaan keenya jiraachisuuf lubbuun tare,
Gumaa isaanii baasuun hin oolu turuu dafuu,
Seenaan haa yaadatu namuu du’a irraan hafu,
Abuubakar Muussaa waliin goottan maraafuu
Rabbii guddaan caffee jannataa isaaniif haa afu.
—-

‪#‎Saphaloo‬/ Abdulbasit Kedir
Fuulbana, 2015.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

5 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

5 months ago