Categories: Oduu Oromiyaa

Qotee bulaa Oromoo Salaalee, akka dhala bineensaa gabaa keessatti fannisuun faashistummaa Wayyaanee, tuffii ummata Oromoof qabdu kan muldhisee dha.

TPLF eega aangoo qabatttee kaaftee, ilmaan Oromoo kumaatamatti lakka’aman alduree seeraa tokko malee ajjeesuun, hidhuun, dhabamsiisuun, shororkeessuun amala bulchiisa Wayyaanee dha. Gochaan Fashitummaa Wayyaanee kun gaaffi bilisummaa fi dimokraasii Oromoon falmaafii jiruu fi biyya abbaa isaa keessatti abbaa biyyummaa isaa dhugoomsuuf taasisaa jiru,  tarii duubatti deebisuu mala jedhamee, mala Oromoo sodaachisuu fi shorkeessuu ti. Mirgi dimokraasii fi bilisummaa sadarkaa addunyaati kabajaan kennamuuf maqaafis ta’u seera fakkeessii Wayyaanee keessatti waraqaarra ni jira. Haata’u malee Wayyaaneen guyyaa tokkoof illee sirna dimokraasii tarkaanfachiisuu fi isaan masakamuuf fedha muldhistee hin beektu. Bu’uura mirga dhala namaa fi Wayyaaneen faallaa walii ti. Hojiitti hiikuuf TPLF dandeettis ta’ee amilee itti hin qabu. Huumama TPLF irraa kan madde bara aangoo Wayyaanee ilmaan Oromoo kumaatamaan lakkawaman baruma baraan , dachee isaanii samamuu, mana hidhaatti guuramuu, ajjeefamuu, biyyaa godaansifamuun herbaata qurxummii ta’uu, mana barumsaa keessa ari’amuu fi akka sabaatti tuffatamanii qabeenya isaanii samamuun aadeffatamee jira.

Ittuma fufiinsa gochaa suukanneessaa TPLF kan ta’e, baatii kana keessa  ilmaan Oromoo gochaa Wayyaanee biyya isaanii keessatti salphatanii jiraachuu mormanii fi mirgaa fi bilisummaa isaaniif falman, dachee Oromiyaa Zoonii Salaalee aanaa Darraa magaalaa Gonda Masqaal keessatti eega ajjeeftee booda bifa suukanneessaan reenfa gootota Oromoo gabaa keessatti fanniftee jirti.

Addi Bilisummaa Oromoo gochaa faashistummaa Wayyaanee kana gadi jabeessee kan balaaleffatu duwwaa otoo hin taane, gumaa gootota keenyaa kaffaluuf yeroo kamuu caala kan qabsooti jabaatuu dha.

Bara jaarraa 21ffaa kana keessa gochaa sanyii bineessummaa akkanaa arguun mooraa Wayyaanee keessatti aja’iba miti. Huumama ilma namaa keessatti, reenfi ilma namaa kabajaa fi ulfina qaba. Mooraa TPLF keessatti ilmaan Oromoo jiraatti duwwaa otoo hin taane, reenfi ilmaa fi intala Oromoo kabajaa hin qabu. Kun amala gorboonfatootaa ti. Gootota ilmaan Oromoo gootummaan bilisummaa fi mirga isaaniif falmaa otoo jiranii dirree falmiitti wareegaman seenaa keessatti bakka guddaa qabu. Gochaan TPLF ilmaan Oromoo gabaa keessatti reenfa isaanii fannise kun yoo faashistummaa TPLF muldhise malee, akka Wayyaaneen erreegde, kan ilmaan Oromoo honnee falmii bilisummaa qabbaneessu miti. Gochaan Wayyaanee kun dhalootaa dhalootatti kan seenaan darbaa deemuu fi kan yeroo kamuu seenaa Oromoo keessatti hin dagatamnee dha. Seenaa Oromoo keessatti ilmaan Oromoo gabaa fi daandii gubbaatti fannisanii allaatii nyaachisuun kan Wayyaaneen jalqabame otoo hin taane, sirnoota garboonfattuu Wayyaaneen duran turan keessa kan shakalamee dha. Bara Mootummaa Hayila Silaaseen gootota mirgaa fi bilisummaa Oromoof falmatan kan akka Hagarii Tulluu fi Maammoo Mazammiri  reenfa isaanii fannisuun  Oromoo jiilchuun yaalameera. Faallaa kanaa garuu lafee fi dhiigdi gootota kanaa sirnoota isaan fannise yeroo dhumaaf kan dhabamsiisee fi gootota akka isaanii kumaatamootaan kan lakka’aman Oromiyaan akka goonfatu taasisee jira. Seenaan kana irraa barachuu dhabuun TPLF ammas akkuma abbootii ishee yeroo mayiif kan dachee Oromiyaa keessaa haqaman ta’a.

Sirnooti abbaa irree fi qubattuun garboonfataa kamuu gochaa rawatu, sirni bittaa TPLF Oromoo irratti raawwatee jira. Goototi ilmaan Oromoo reenfi isaanii Zoonii Salaalee Aaanaa Darraa Magaalaa Gonda Masqaal keessatti fannifamee Oromoon akka jiiluuf yaadame faallaa isaa gootota kumaatama Salaale keessaa dhalcha. Kan amma argaa jirrus kanuma. Ilmaan Oromoo mirgaa fi bilisummaa isaanii goonfachuuf gochaa fi shorkaan TPLF kamuu kan duubatti isaani hin deebifne ta’uu hubachuu qaban. TPLF seenaa irraa barachuu dadhabuu isaa ta’ee malee, abbootin isaa iyyuu miliyoonaan kan ilmaan Oromoo lafa irraa fixan falmaa bilisummaa irraa Oromoo dhaabuu hin dandeenye. Dhiigdi gooticha ilamaan Oromoo Katamaa Wubatuu gootota falmaa bilisummaaf dhaabbatan kumaatama horata. Seenaan isaanii galmee seenaa Oromoo keessatti yeroo hunda yaadatama.

Gochaan TPLF ilmaan Oromoo irratti raawwate kun mirga dhala namaa fi bilisummaatti kan amanu qaama kamiinuu balaaleffatamuu qaba. Balaaleffachuu duwwaa otoo hin taane, tokkummaan sirna dhala namaaf kabajaa fi ulfina hin qabne kana dhabamsiisuu qaba. Sirna bittaa TPLF jalatti sabootii fi sab-lammiin Itiyoophiyaa rakkachaa jiran tokkummaan dhaabbatanii diina dhala namoomaa kan ta’e TPLF dhabamsiisuu qabu.

Dhuma irratti gootummaa ilmaan Oromoo Salaalee falmii bilisummaaf jecha raawwatan dinqisiifachaa kaayyoo fi galii isaan wareegamaniif galmaan gahuuf Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) yeroo kamuu caala akka duree qabsootti kan ilaalu ta’uu ibsuudhaan ilmaan Oromoo, sirna TPLF keessa jirtan Oromoo ta’uu keenyaan, sirni Wayyaanee kan nujibbu duwwaa otooo hin taane, reenfa keenyaaf illee kabajaa kan hin qabne ta’uu isaa hubachuudhaan diina waloo ofirraa kaasuuf akka falmii bilisummaa Oromiyaatti makamtan waamicha goona. Walumaa galan farra dhala namaa kan ta’e TPLF dhabamsiisuuf sabaa fi sab lammiin garbummaa Wayyaaneen rakkachaa jirtan akka tokkummaan mirgaa fi bilisummaaf falmatan waamicha goona.

Injifannoon ummata Oromoof

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO Jijjirama)

Amajjii 29, 2015

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago