Yaada

SEENAA GAMMACHUU QAMALITTII: Kutaa Sadaffaa

 

                                                                                Taammanaa Bitimaa irraa

 Jaalatamoo fi kabajamoo yaa duuka-buutuuwwan barreeffama kanaa, akka kutaalee dabran hundumaa sirriitti dhamdhamattan qalbeeffachuun, kunoo ammammoo kutaa sadaffaa itti-fufeen jira. Egaa, isa kanas akkuma isa dabree sanaa mee sheegabaa (dubbisaa)!

DURADUBBII

Ani akkan seenaa Gammachuu Qamalittii kana barreessu kan na kakaase, gaafii obboleessa keenyaa gaafii obboo Zalaalam Abarraa ti. Inni barreeffama Looreet Xaggaayee Gabramadin Qawweessaa waan argeef, waayee nama “looreet” keenya faarsuu kanaa waa baruuf: “ati ni beekta tahaa, Gammachuu Qamalittii looret Xaggaayeen akkanatti faarsu kun eenyu laata? Inni jagna moo maaliin beekamee faarfamuu dandaye?“, jechuun na gaafateeyyu. Ani immoo: “ee ani waayee Gammachuu Qamalittii nan beekaa, waa barreessufuu yaadeen turee, mee xiqqoo-shii naaf obsi!“, jechuunan gabaabumatti deebiseefiyyu. Sababaa fi massaa isan barreeffata kana kutaa isa tokkoffaa keessatti kaasee irraan kan ka’eenan, hamma hardhaatti turuu dandaye. Mee amma egaa Gammachuu Qamalittii enyu akka turee fi maal faayiin akka beekamuu dandaye, kanaa gadittan isiniif dhiyeessatii obsaa fi qalbiin na dukaa bu’aa!

QAAMADUBBII

Ani waayee Gammachuu Qamalittii dhaloota isaa irraa jalqabuun hamma tokko kutaalee dabran lamaan keessatti isiniif ibseetan jira. Haatahu malee, waayeen dhaloota fi guddina nama beekamaa kanaa guutuu-dhaa guutuutti hin ibsamneeyyu. Egaa amma hirdhuu sana guutuun yoon isiniif ibsee, waan hirdhina isa duraa sanaaf na komattan natti hin fakkaatu. Akkuman ani amma guutee isiniif dhiyeessuuf yaale kana, mee Waaqni nagaa fi nageenya, fayyaa fi badhaadhina guutee isiniif haa kennu! Dabrees kana akkan ani guutee isiniif dhiyeessu kan na taasise laallee koodee kiyyaa, kan obboo Dagafuu Zarfuu waan taheef, mee Waaqni, ee Ayyaanni Gammachuu Qamalittii Waarii Bulloo wanneen gaggarii mara guutuun isa nuuf haa badhaasu!*

Amma egaa baasshaa** Gammachuu Qamalittii maal maal fayiin akka beekamuu dandaye irrattan waa jedhaa mee na hoofkalchaa! Akkuma gariin keessan sirriitti beektan hawaasa Oromoo fi Biyya Oromoo, Oromiyaa keessatti walaloo fi yeedalloon geerrarsaa daran beekamaa fi jaalatamaa dha! Ani  amma isa keessaan waan maddee (xiqqashoo) takkaan isiniif jalqaba. Ilaa-kaa isa armaan gadii kana mee waa mildhaddhaa:

                                          “Ilmi namaa waa sadii

                                          Tokko arjaa dhalataa

                                          Tokko gamna dhalataa

                                          Tokko jagna dhalataa

                                          Ishii kaan darree, darree

                                          Dabooroo darree, darree

                                          Maa golfaan qabeen harree

                                          Maa golfaan qabeen harree!

Geerrarsi bareedaa fi beekamaan kun uummanni Oromoo maal faa akka daran faarsuu fi akka hedduu jaalatu ifatti jabeessuun nutti agarsiisa. Akkuma beekaan keenya pirofeesar Mahaammad Hasan bakka tokkotti jedhe san Oromoon keenya uummata jagna, “waaqeffatu-warship heroes“. Egaa, Gammachuu Qamalittii waan wanneen kanaa olitti kaafaman sadanuunuu sirriitti beekameef looreet Xaggaayee Gabramadin Qawweessaa akkanatti isa jaja, akkasittis isa kabaja ture. Looreet keenya kun seenaa Gammachuu Qamalittii barreessuuf walitti qabee tokko otoo fiixaan hin baasin nu jalaa dabre. Gammachuu Qamalittii nama wanneen Oromoon akkanatti “waaqeffatu” kanneeniin sonaan beekamu ture. Mee isaanis kanaa gadittan hamma tokko waa isinii ibsuuf yaala!

Mee wanneen sadeen keessaa waayee arjummaa isaatiin haa jalqabnu! Gammachuun nama ofiif agabee namaaf laatu ture. Inni nama ofiif bala’ee nama biraa quubsu. Dubbiin waayee kanaa akka nuuf gabaabbatuuf jecha waayee galaa-karaa Shaggarii qofaa irrattin waa jedha! Bara dukkanaa sana keessa akka hardhaa kanatti konkolaatan konkolaachuun Finfinnee nama hin geessu. Erga warri Minilik humna qawwee biyyoota Oroppaa irraa argataniin saba Oromoo cabsuun of-jala galchanii, namoonni Oromoo dhimmoota garagaraatiif gara Shaggaritti (Finfinneetti) marmaaru. Naannoo Afran Walisoo keessaa Dandi, bakki qeyee isaatii handhuura Finfinnee, Birbirsa Gooroo irraa wantee (kiilomeetira) 115 faagata. Yeroo sana namni Dandi irraa ka’ee dhimma wayiitiif gara Finfinnee dhaqu, kan qabu gaangee-dhaan yookaan fardaan kan hin qabne immoo miilan adeema. Otoo adeemaa jiranuu bakka tokkotti goranii buluun waanuma jiru. Gammachuu Qamalittii faa qeyee isaanii isa naannoo Dandi Dambal jedhamuu irraa ka’anii gara magaalaa Finfinnee dhaquuf, biyya Afran Walisoo keessatti kan argamu Bodda keessa kutanii, biyya Jahan Bachoo keessa dabruun naannoo Meettaa Aabbuu keessa kutanii, Shaggar isa biyya Kurnan Gullallee keessatti argamuu gawu. Waan nyaatamu isa karaaf tahuu fi kan oggaa Shaggar keessa turaniif isaan barbaachisu qabatanii adeemu. Kun bara sanatti waan salphaa hin turre. Akka hardhaa kana manneen hoteelaa fi dhugaatii akka gaariitti hin turre. Mee kanaa gadiitti rakkoo bara sana Oromoonni keessa dabran kan ibsuu wayii walaloo uummata Oromoo keessaa waa ilaalla: 

                                          Maalitti beekti gadheen

                                          Akka Hoolota bulanii

                                          Akka ollataa bulanii

                                          Akka Aqaaqii bulanii

                                          Akka akaayyiin bulanii

                                          Shaggaritti marmaaruu

                                          Callaa namaa hammaaruu

                                          Calleessee namaa hiruu!

Uummanni Oromoo bara Minilik sana “bara hamaa” jechuun waama. Bara hamaa kana keessa Oromoon dubbii fi dhimma garagaraatiif shaggaritti marmaaraa ture. Otoo Minilik faa Oromiyaa qabachuun miila isaanii jala hin galfatin Shaggaritti wanni inni marmaaruuf hin turre. Ofumaaf kan qotate galfachuu malee, nafxanyaa abbaa lafaa jedhamuuf “callaa hammaaruun“, midhaan ofii haamee, dhayee, “calleessee namaa hiruun” tokkollee hin turre. Biyya Gammachuu Qamalittii naannoo Afran Walisoo, naannoo Torban Kuttaayee, naannoo Jahan Bachoo fi naannoo Sadeen Sooddoo faatti lafni kan nafxanyaa yookaan kan abbaa lafaa wayii otoo hin taane, kan uummataa ti. Biyyi biyya Gadaa, seerris seera Gadaa waan tureef, lafni kan lammii tokkoo ti malee, kan dhuunfaa hin turre. Egaa, abbaa lafaa sana, eeyyee nafxayyaa “lafa Oromoo” fi “haqa Oromoo” harkatti galfate sanaan falmuuf, “Shaggaritti marmaaruun” dabrees “callaa namaa hammaaruun” hiree Oromoo bara sanii ta’e.

Amma dhimma Oromoo irraa gara dubbii dhuunfaa Gammachuu Qamalittii haa deebinu! Gammachuu Qamalittii kun ifaa ifatti inni nama daran arjaa tahuu isaa kan muldhisu keessaa mee dubbii galaa Shaggar nama geessuu keessaa waa haa kaafnu! Gammachuun nama qobaa isaa adeemu otoo hin taane, nama duuka-buutuu hedduu of biraa qabuu fi nama gaangeen yookaan fardaan adeemu ture. Haati manaa yookaan warri isaa galaa karaa dheeraa kanaaf tahuu fi erga Shaggar gayeeyyis wanna isaa fi namoota isa waliin adeeman sana barbaachisu sirriitti qoppheessanii kennuufi. Gammachuun waan nama jaalatuu fi waan sonaan arjaa tayeef, kara-deemaa isatti dhufe kan nama beelayee fi nama rakkate itti-fakkaate maraaf galaa sana irraa fuudhuun kennaafi. “Anaa kee haa beelessuu hin beeloftee?“, jechuun galaa karaa sana irraa akaayyiis haa tahuu daabboo, cubbuxoos haa tahuu waan biraa hammaree yookaan cabsee kennaafi. Yeroo baay’ee akkanatti galaan karaatti hiramee jalaa dhumuun oggaa Shaggar dhaqqaban rakkootu ture. Booda haati manaa fi warri isaa rakkannaan galaa karaaf barbaachisuu fi isa ennaa Shaggar bubbulan nyaatamu, isa wajjin mitii namoota isaa kanneen isa dursuun kophaa adeemanitti kennanitoo ergu. Amma inni karaa-deemaa rakkataa itti-faakkatee hundaaf galaa sana hiree hin fixu jechaa dha.

Mee amma immoo dubbii waayee yeroo rooba dhabiifni biyya hubee tokkoo haa kaafnu! Kanaa olitti inni nama Qusee Dinagdee (Habtagoorgis Dinagdee) eessumatti isaa-oolu tahuu ibsinee turre. Quseen immoo oggaa biyyi Afran Walisoo waraana Minilikiin qabame, nama boojiyame akka  tahes ibsineeti turre. Habtagoorgis erga boojiyamee gidiraa fi taateewwan hedduu rakkisaa keessa dabruun waggaalee hedduu booda masara warra Miniliik seenuun hojjattoota mooticha-moototaa tajaajilan keessaa isa tokko taye. Beekumsii fi dandeettiin inni dhalootaan Waaqa irraa badhaafame, inni gidiraa boojuu fi hacuuccaa abbootii taayitaa nafxanyootaa keessa kutee akka inni kana dhaqqabu isa muude. Oolee-bulee Minilik dubartii Amaaraa tan naannoo Manjii (“Manz“) isa fuusise. Booda irratti ishiin nafxanyoota keessaa abbootii lafaa isaan bantii keessaa takka taate. Lafti ishiin biyya Afran Walisoo keessaa qabdu wantaa meeqa akka taye himuunuu nama dhiba jedhamaayyu. Akkanuma biyya Oromoo isa xaafiin maanyaa keessaa jijjigu, naannoo Oromoo Bachootii lafa gabbaataa sana wantee meeqaa-meeqa qabdiyyu. Otoo dubbiin haala kanaan jiruu bara tokko hongeen biyya seene. Yoo akka beela isa Biyya Habashaa jeequu baree sanaa tahuullee baate, baras hanqinni midhaanii naannoo kana ni ture. 

Durumaanuu haati manaa Qusee Dinagdee tun abbaa manaa ishiitiin: “mee nama lafa kiyya kana naaf towachuun midhaan irraa galu naaf eegsisu Gaallaa tokko naaf barbaadi!” jetteeniyyu. Inni immoo (Habtagoorgis) “maal Gammachuun jiraa mitii, isa taasifaddhu” jedheeni. Akkanatti Gammachuu Qamalittii lafa ishiin Oromoo Walisoo irraa saammatte irratti nama lafaa fi midhaan ishii towatoof tahuun “shoomame“. Gammachuun  “shoomamuu” kana jibbullee eessuma isaa, Qusee Dinagdee sodaachu fi kabajuuf “tole” jedheetoo fudhate. Haatahuu malee, naamusni inni qabuu fi akkataan warri isa guddisan akka inni gandeen Oromoo keessa labee, oogdii qotee-bulaa keessa taa’uun midhaan qotee-bulaa ishiif safarsiisu (naqsiisu) isaaf hin hayyamne. Kanaaf inni gandeen gandeenitti gootaraa midhaan “giiftittii” jechuun weezaroo Altaayyee (“Weyzeroo Altaayye-Warq“) itti-galu hojjachiisuun midhaan ishii gaye san, ciisiiwwan ishii itti-naquufi. Yeroo midhaan dhayamu mara akka qonnaan-bultoonni wanni ishii dhaqqabe daawullaa meeqa akka tahe , dhaqanii Gammachuu Qamalittiitti himu. Booda immoo qeyee gootaraan ishii jiru geessuun itti-naquufi. Kanas Gammachuuf gabaasu. Waan itti-gaafatamtoonni isa dura turan oogdii qotee-bulaa keessa taa’uun ilaalaniif, inni amma Gammachuun godhe kun uummata gammachiisuun akka eebbifamu isa taasise. Otoo haalli kanaan jiruu, hongee baras biyya seene. Namoon gariin midhaan ganna keessa facaafatan dhabani. Oolee-bulee oduun kun gurra Gammachuu fi warra isaatii keessa bu’e. Amma Gammachuu Qamalittii namoota waamsisee yookaan ofumaaf gandeen keessa deemee, akka midhaan gootaraa “giiftii” keessaa fudhatanii facaafatan godhe. “Waan sanyiif isin gawu fudhaddhaatii facaafaddhaa! Bona keessa yoo Waaq jedhee, midhaan isinii tolee galfan, gootaraa ishiitti deebiftu” jedheeni. Uummanni isa eebbisaa bara sana midhaan facaafate. 

Otoo oolee hin bulin dubbiin kun naannoo Walisoo irraa ka’uun gulufee, Finfinnee lixuun gurra “giiftii” sanii keessa bu’e. Amma “giiftiin“, aaddee Altaayyeen aariin gubachaa abbaa manaa ishiitti waan Gammachuun godhe kana himte. Waan oggaa sana Gammachuun Shaggar jiruuf, Quseen hatattamaan isa waamsisuun itti-dheekkamaa: “akkamitti midhaa giiftii fuutee namaaf hirta?“, jechuun daran itti-dallane. Gammachuun garuu, “yaa eessumee koo akkamitti otoo midhaan gootaraa keessa ciisuu Oromoon kee amma waan facaafatu dhabee boodammoo waan nyaatu dhabuun beelaan dhuma?”, jechuun yaadaan Qusee gara ofiitti deebifachuuf yaale.  Haatahu malee, Habtagoorgis yaada haadha manaa isaatiin waan boojiyameef, loltoonni isaa qabanii akka hidhanii fi guyyaalee murtaaye booda akka addabayiitti (mijjiriitti) basanii garafan itti-mure. Yaanni garafamuu jedhu kun Oromoota hedduu rifachiise. Kanaaf ennasuma Oromoonni Gammachuu Qamalittiitiin waliif galan nama fardaan gara naannoo Walisoo, Danditti ergani. Namni ergame sun ariitidhaan fardaan gulufee Dandi Dambal dhaqqabuun dubbii lafee kana warra Gammachuu fi lammii isaatti hime. Hatattamaan namni ganda gandaa yaa’uun namoota fardeen gaggaarii qaban keessaa 200 filuun hariitidhaan gara Shaggaritti erge. Warri ergaman sun gaafasuma halkan walakkaa Shaggar gayani. Ganama barii oggaa lafiti ifu warri Walisoo kun kibbii (qeyee) Fitaraarii Habtagoorgis marsuun: “uu, uu yaa gooftaa uu uu!” jedhu sagalee isaanii sonaan olqabanii! Ammas otoo walirraa hin kutin iyyaa isaanii itti-fufuun: “Uu, uu yaa gooftaa adaraa mee nu dhagayi!“, jedhu. Amma tajaajiltoonni Habtagoorgis gadi-bawuun: “jarana maal taatanii iyyitu? Maaltu maalta’eetoo nus, gooftaas gurra duuchitu?“, jechuun gaafatani. Jarri Waliso irraa halkan guutuu deemaa bulanii akka amma as dhaqqaban, amma gooftan gadi bayee akka isaan dhagawu maqaa Waaqatiin gaafatani!

Booda fitaraarii Qusee Dinagdee manaa gadi-bawuun karra dura dhaabatee isaan gaafate. Warra Walisoo dhufan kana keessaa durumaanuu namni waayee isaanii isaaf ibsu waan filameef, inni dubbii lafee halkaan guutuu isaan deemsisaa bule kana kabajaan akka gaariitti ibseefi. Inni erga iyyata isaanii kana qalbiin dhagayee booda, ennasuma akkuma isaan gaafataniitti: “garafamuun Gammachuutti murame sun akka hafu isaanitti hime.” Garuu, dubbiin isaan Gammachuun akka mana-hidhaatii bawuun akka isaan faana Dandi Walisootti galu gaafatan hin fudhatamnee inni ammas manuma hidhaatti hafe. Haatahu malee, kan Walisoo guutuu daran naasise sun, cibsamee garafamuun waan hafeef jarris, biyyis hedduu gammadani. Warri biyya Afran Walisoo bakka-bu’uun Finfinnee dhufan sun kana booda, waan garafamuun ilmoo namaa kun hafeef gammachuun gara qeyee ofiitti dacha’ani.

Otoo kanaan jiruu (Gammachuun mana hidhaa jiruu) waraanni mootummaa Habashaa kan Raas Tafarii Mokonninii (Hayila Sillaasee) fi Oromoota Walloo isaan Mooticha Mikaa’el, abbaa Iyyaasu-tiin gaggeeffaman jidduutti ka’e. Waan warri Habashaa dhaammoo (“nizzaazee“) Minilik isaanii sun dhaammate, jichuun akka ilmi intala isaa, Iyyaasuun isa dhaaluun siree mootummaa Habashaa koru, gananiif waraanni seenaa keessatti “Duula Sagalee” jedhamu ka’e.  Amma akka kutaan kun isinitti hin dheeranneef mee asuma irratti dhaabeen, waayee “Duula Sagalee” kanaa kutaa afraffaa keessatti waa jedhaatii hammasitti nagaan naaf bubbulaa!

                                                              Itti-fufa!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago